header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
BreakingEeshiyaaOdeeyfannoo

Sirni Hajjii Bara kanaa Namoota, biyyatti keessatti argaman muraasa qofaaf kan hayyamamu tahuu ibsame

Ministeerri Hajjii fi Umraa Sa’uudii ibsa guyyaa har’aa Sirna Hajjii bara 1441 ilaalchisee baaseen, sababa weerara dhibee Koroonaa Vaayirasiin, namoota biyyattiitti argaman muraasa qofaaf kan hayyamame tahuu fi akkasumas lammilee biyyoota Addunyaa kan biroo irraa dhufan akka hin keessumeessine kan murteeffame tahuu beeksise.

Itti dabaluunis Murtiin kun rakkoo Dhibeen kun yeroo ammaa ilma nama irraan gahaa jiruu fi barsiisa Islamummaa bu’ura godhatuun kan Keenname tahus ibse.

Guutuu Addunyaa irraa waggaa waggaan muslimoonni miliyoona lama ol sirna Hajjii raawwatuuf gara Sa’uudii imaluun ni beekama, haa ta’u malee waggaa kanaaf Sa’uudiin imaltoota kanarraa sababa COVID-19 balbala cufatee jirti.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button