header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Manni murtii Olaanaa Fedraalaa Obbo Baqqalaa Garbaa yaala gayaa akka argatu ajaja dabarse



Manni Murtii Olaanaa Federaalaa dhaddachi yakkaa 4ffaa oolmaa isaa har’a waaree boodaatiin, Obbo Baqqalaa Garbaa eeggumsa amansiisaa waliin bakka yaala fayyaa fooyyee qabu itti argachuu danda’utti geeffamee akka yaalamu murtii kenne. Obbo Baqqalaaan dhukkuba dhiibbaa dhiigaatiin dararamaa kan jiru yoo tahu, manni sirreessaa iddoo biraatti yaala gayaa akka argatuuf gaafatamus hayyama dhoorkatee ture.
Gama biraatiin ammoo Qondaaltonni OPDO guyyaa kaleessaa mana murtiitti dhiyaatanii Obbo Baqqalaa fa’aaf ragaa bayuudhaaf qophii tahuu isaanii gara Abukaatoo himatamtootaatiin ibsanii turan. Haata’u malee sababa walgahii ariifachiisaa irra jiraniitiin dhihaachuu akka hin danda’in ibsuun, beellamni akka isaanii jijjiiramuuf Waajjirri OPDO xalayaa mana murtiitiif ergeen gaafateera.


Manni Murtichaa dhimma poolisiin qabamee dhiyaachuu Ministeera Muummee Haayilamaariyam Dassaalenyi fi beellama aanga’oonni mootummaa olaanoo naannoo Oromiyaa gaafatan irratti murtii kennuuf ammoo Mudde 27tti beellama qabatee jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button