header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

COVID-19 UPDATES June 26, 2020

Ministeerri Fayyaa Sa’aa 24 dabre keessa qoronnoo geggeefameen namoota 250 irratti vaayirasiin koroonaa argamuu beeksise

Ministeerri Fayyaa ibsa Jum’aa har’aa baaseen, qorannoo laabiraatoorii sa’aatii 24 darban keessatti namoota 5,414 irratti geggeeffameen, namoota 250 irratti vaayirasiin Koroonaa argamuu beeksise.

Namoonni vaayirasichi irratti argame dhiira 158 fi dubartoota 92 yoo ta’an, namoonni 240 lammiilee Ityoophiyaa, 10 ammoo lammiilee biyyoota biroo tahuu ibsame.

Namoota kanneen jidduu 177 jiraattota magaalaa Finfinnee, 21 naannoo Tigiraay, 20 naannoo Amaaraa, 18 10 naannoo Gaambeellaa, 8 jiraattota naannoo Oromiyaa yoo tahan, 4 naannoo Somaalee irraa, 1 Magaalaa Dirree Dhawaa, akkasumas namni tokko ammoo jiraataa naannoo Benshangul Gumuz tahuu ibsi ministeerichaa ni addeessa.

Haaluma kanaan Ityoophiyaa keessatti baay’inni namoota Vaayirasii Koronaatiin qabamanii 5,425 kan gahe yoo ta’u, namoonni 1,688 ammoo dhibee kanarraa fayyuu ibsame.
Dabalataanis ministeerri Fayyaa ibsa har’a baase kanaan, reeffa namoota mannee yaalaa gara garaa keessatti du’an irratti qorannoo geggeefameen namoonni 6 vayirasichaan qabamanii akka turanii fi akkasumas namoonni lama vaayirasichaan qabamanii yaala irra turan du’uu beeksise. Haalum akanaan biyyattii keessatti lakkoofsi namoota sababa vaayirasichaatiin du’anii 89 gahuu beeksise.

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button