header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Sheikh Zubeyr Huseen Gama Ganda Aakiraa Godaanan

October 15, 2022

INNAA NILLAAHI WA INNAA ILEEYHI RAAJI’UUN

Godina Arsii Bahaa Aanaa Sirkaa Ganda Gaadotti kan dhalatan Sheikh Zubeer, Ijoolummaa isaanii irraa kaasanii Barumsa Diinii barataa kan turan yoo ta’u, Umrii isaanii guutuu hawaasa isaanii barsiisaa turan.

 

Sheikh Zubeeyr Waggoota 19 oliif dhukkuba kaansarii hamaan dararamaa kan turan yoo tahu, waggaa lama dura hawaasni Muslimaa wal’aansa isaaniitiif mallaqa deeggarsaa walitti qabuun tattaaffiin cimaan godhamee ture.

 

Wal’aansa biyya keessaatiin furmaanni dhabamnaan gama turkiyaa geessuun yaaliin ijibbaataa godhames hin milkoofne. Sheikh Zubeeyr dhukkuba hamaa kanarraa dandamachuu dadhabanii guyyaa har’aa October 15/2022 gara ganda aakhiraa godaananii jiru.

 

Sheikh Zubeeyriif araarama kadhanna. Maatii fi Ummata Islaamaatiif ammoo jajjabina hawwina

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button