header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Mootummaan “Jawaar Muhammad fi warri isa waliin ture hoggantoota mootummaa ajjeesuuf yaada qaban” jechuun yakke

Poolisiin Federaalaa ibsa galgala har’aa baaseen, Awwaalcha Artist Haacaaluu Hundeessaan wal qabatee yaalii ajjeechaa hoggantoota mootummaa irratti taasifamuuf ture fashaleessuu beeksise.

Poolisiin Federaalaa ibsa kana irratti, Obbo Jawaar Muhammad, Gaazexeessaa Hamzaa Booranaa fi Obbo Baqqalaa Garbaa dabalatee namoonni isaan waliin guyyaa kaleessaa to’annaa jala oolfaman, yakka ajjeechaa qondaaltota mootummaa naannoo Amaaraa irratti bara dabre Waxabajjii 15, 2011 raawwatameen wal fakkaatu, raawwatuuf karoorfatanii osoo socho’aan kan to’ataman tahuu ibse.
Itti aanaan Komishinii Poolisii Federaalaa Komishinar Zalaalam Mangistee “Obbo Jawar Muhammad dabalatee namoonni isaa waliin tohataman, qondaaltota mootummaa ol’aanoo jiddugala Aadaa Oromootti wal gahii irra turan irratti ajjeechaa raawwatuuf yaalii godhaa turaniiru”jedhe.

Itti dabaluunis nageenya magaalaa Finfinnee eeguudhaafis, namoota gurmaawanii jeequmsa kaasuuf yaalii godhaa jiran adamsaa jiraatuu Komishinarichi ibse.

Ibsi arra kenname, kan Poolisiin Federaalaa fi Poolisiin naannoo Oromiyaa waloon kennaniif kan wal dhabu yoo ta’u, Ibsa kaleessa keenname  irratti Obbo Jawaar dabalatee namoonni 35, sababa reefki Haacaaluu gara magaalaa Amboo akka  geeffamne gufachiisaaniif kan to’ataman tahuu ibsame.

5 Comments

  1. السلام عليكم ورحمة الله وبركانة .reeffii hacaluu essaati awwaalameee nuf ibsaaaa inshallah 😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button