header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Gamtaan Awrooppaa gaafii Briteen miseensummaa gamtichaatii bahuuf dhiheessite sagalee guutuun fudhate

Hoggantoonni biyyoota gamtaa Awrooppaa 27 Alhada hardhaa wal gahii magaalaa Biraasels keessatti geggeessaniin, gaafii Briteen miseensummaa gamtichaatii bahuuf dhiheessite sagalee guutuun kan raggaasisan tahuu gabaafame. Rifarandamii June 23, 2016 geggeeffameen, umaatni Briteen Gamtaa Awurooppaa keessaa bahuuf sagalee caalmaa taheen eega murteessee booda, mootummaan biyyattii hariiroo daldalaa, hawaasummaa, nageenyaa fi diinagdee Briteen fuulduraaf Gamtaa Awrooppaa waliin qabaattu irratti yeroo dheeraaf maria’ataa ture.

 

Sanadni waliigaltee haala Briteen Gamticha keessaa baatuun ibsu (Brexit deal) kan fuula 600 qabuu fi labsiin fuula 26 kan hariiroo biyyattiin fuulduraaf gamticha waliin qabaattu ibsu kun, Ji’a dhufu paarlaamaa Briteeniif dhihaatee sagaleen kan irratti kennamu tahuu gabaasni arganne ni ibsa. Akka walii galtee kanaatti Briteen hamma March 29, 2019tti guututti gamtaa Awurooppaa keessaa bahuu qabdi.

 

Haata’u malee paarlaamaan Briteen dhimma Gamtaa Awrooppaa keessaa bahuu irratti kan qoqqoodame yoo tahu, gareen Gamticha keessaa bahuun biyyattii kan miidhu waan taheef ummanni irra deebiin sagalee itti haa kennu jedhu mootummaa irratti dhiibbaa guddaa kan godhaa jiru tahuu gabaasni BBC ni mul’isa. Gamtaan Awurooppaa ummanni fi paarlaamaan Briteen walii galtee kana akka deeggaru gaafatuun alatti, walii galteen kun yoo fudhatama dhabe murtiin itti aanu maal akka tahu wanti ibse hin jiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button