header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Mariin hidha laga Abbaay ilaalchisee geggeeffamaa ture walii galtee malee xumurame

Ministeerri Bishaan, Jallisiifi Inarjii Ityoophiyaa Silashii Baqqalaa fuula Twitter isaa irratti “Mariin hidha laga Abbaay ilaalchisee Ityoophiyaa, Masrii fi Suudaan jiddutti bakka taajjabdootaa fi eksipartoonni 11 argamanitti, guyyoota 11’f geggeeffamaa ture walii galtee malee xumurame”jedhe.
Dabalataanis Ministeerichi, marii kaleessa galgala walii galtee malee xumurame kana ilaalchisee Gamtaa Afrikaa fi hoggantoota mootummaa ol’anoof gaabaasa kan dhiheessu tahuu ibsuun, kana booda yaada hoggantoota AU fi mootummoota biyyoota sadeenii irratti hundaa’uun adeemsi itti aanu maal akka tahu ni murteeffama jedhe.
Mootummaan Ityoophiyaa kanaan dura torbee lama booda walii galteen mallattaahus, mallattaahuu dhabus hojiin hidhicha bishaaniin guutuu ni jalqabama jedhee ture. Haata’u malee Ministeerri haajaa alaa Ityoophiyaa guyyaa hojiin hidhicha bishaaniin guutuu hanga ammaatti kan hin jalqabamin tahuu beeksise.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button