header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaKoroonaaOdeeyfannoo

Ardii Afrikaa keessatti lakkoofsi namoota Vaayirasii koroonaatiin qabamuu mirkanaahee 600,000 dabre

Weerarri Vaayirasii Koroonaa Addunyaa keessatti deebi’ee akka haarayaatti tatamsa’aa jiru, dachii Afrikaa keessattis saffisaan babal’ataa jira. Haaluma kanaan hanga guyyaa har’aatti Ardii Afrikaa keessatti lakkoofsi namoota Vaayirasii koroonaatiin qabamuu mirkanaahee 615,451 kan dabre yoo tahu, namoonni 13, 513 ammoo sababa vaayirasii kanaatiin du’uu gabaafame.

Biyyoota Afrikaa hunda caalaa vaayirasichi Afrikaa kibbaa keessatti akka hammaateefi, hanga ammaatti lammiilee biyyattii 287,796 vaayirasichaan qabamuu gabaafame jidduu namoonni 4, 172 du’uu ibsame. Mootummaan Afrikaa kibbaatis weerara vaayirasichaa akka haarayaatti biyyattii keessatti hammaataa jiru to’achuuf, uggura sochii ummataa kanaan dura kaasee turte jidduu muuraasa deebisee labsee jira.

Prezdaant Seriil Raamofoosaa ibsa kallattii Televiziinaan Alhada dheengaddaa kenneen, biyyattii keessatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii haala yaaddeessaa taheen dabalaa jiraatuu ibsuun, hanqini siree mana yaalaa biyyattii kan muudate tahuu beeksise. Dabalataanis dhugaatii Alkooliitiin wal qabatee balaa tasa uumamuun namoonni heddu siree hospitaalotaa dhiphisaa jiraachuullee ibse.
Haaluma kanaan rakkoo kana hir’isuun gaaga’ama COVID-19 dandamachuuf jecha, Wixata kaleessaa irraa jalqabee dhugaatii Alkooliifi sochiin ummataatis guutuu biyyattii keessatti kan daangeffame tahuus labse.

Biyyoonni Afrikaa kanneen biroo Vaayirasichi keessatti hammaate Masri, Naayjeeriyaa, Gaanaa fi Aljeeriyaan yoo tahan, walduraa duubaan Afrikaa Kibbaatti aanuun sadarkaa 2ffa-5ffaa irratti argamu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button