header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Manni marii ulamoota biyyoolessaa Ramadaana ilaalchisee ibsa kenne

Ibsa Waajjira majlisa Federaalaa keessatti kenname kanaan, walitti qabaan mana marii ulamootaa Mufti Haji Umar Idriis  umanni muslimaa fi hoggantoonni isaa yeroo tokkummaa  isaanii labsanitti tahuun soomanni bara kanaa daran adda tahuu ibsan.

 

Haaluma kanaan hawaasni muslimaa baatii kabajamaa kana keessa nyaataa fi dhugaatii irraa soomanuu qofa osoo hin taane, gocha hamaa hunda irraa akka fagaatu dhaamsa dabarsan. Dabalataanis ummanni muslimaa akkuma seera isaatti baatii Ramadaanaa keessa waliif yaaduu fi namoota qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqifaman gargaaruun akka dabarsu yaadachiisan.

 

Dhuma irrattis, manni marii ulamootaa nageenyaa fi tokkummaan ummata muslimaa jiddutti akka uumamuuf carraaqqii guddaa muummichi ministeeraa Dr.Abiy Ahmad fi mootummaan isaa godheef galateeffatee jira.

Mana marii ulamootaa1.jpg

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button