AfrikaaOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa
Mariin hidha laga Abbaay ilaalchisee biyyoota sadiin jiddutti geggeeffamu wixata irraa kan itti fufu tahuu ibsame
Mariin hidha laga Abbaay ilaalchisee jaarsummaa Gamtaa Afrikaatiin geggeeffamu biyyoota sadeen jiddutti Wixata dabre eegalame irratti, Itoophiyaan qajeelfama haarawa kan dhiheessite yoo tahu, Arba’aa dheengaddaa, Bakka bu’oonni Masri yaada qajeelfama Ityoophiyaan dhiheessite kana irratti qondaaltota ol’aanoo waliin mari’anna”sababa jedhuun marii jalqabame keessaa bahuu hordofuun mariin addaan cituu ni yaadatama.
Ministeerri hajaa alaa Itoophiyaa ibsa guyyaa har’aa miidiyaaleef keenne irratti immoo mariin Jaarsummaa Gamtaa Afriikaatiin biyyoota sadeen jidduutti jalqabamee ture, wixata iftaanii irraa kan itti fufu ta’uu beeksise.