header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuQissaa

A M A N A M U M M A A


© Abuu Ibtisaam

Bara durii Mootii gaarii tokkotu jira. Mootiin kun umriin isaa gara dullummaa deemaa jira. Akkasumas dhukkubni waan isa qabee jiruuf, dalagaa biyya bulchuudhaa san haala gaariin geggeessuu hin dandeenne. Kanaaf aangoo tana nama birootiif dabarsuun dirqama itti taate. Haa ta’u malee akka mootonni isa duraa godhaa turan, aangoo tana ilmaan ofiititti dabarsuu hin barbaanne. Sanirra dargaggeessa biraa kan humna jabaa qabuuf kennuu murteesse. Kanaaf jecha loltoota isaatiin ‘deemaatii dargaggoota magaalaa tana keessa jiran cufa isaaniituu naaf fidaa’ jedheen. Loltoonnis akkuma ajajamanitti deemanii dargaggoota jiran guuranii dhufan.

Dargaggoonni mooticha dura dhaabbatanii jiru. Kana booda mootichi haasawuu eegale. ‘har’aan tana dhimma jabduu takkaaf walitti isin qabe. Ani bara dhufu aangoo kiyya gad lakkisuuf deema. Bakka kiyya ammoo nama jabaa buusuu barbaada. Kanaaf harraan tana dalagaa takka isinitti kenna. Namni waan ani itti kennu kana haala gaariin raawwatee dhufu aangoo kiyya ni fudhata’ jedheen. Itti aansuun gabroota isaa waamee dargaggoota hundatti sanyii (firii) mukaa tokko tokko akka itti kennan ajaje. ‘dhagahaa! Harraan tana hundi keessanuu sanyii (firii) mukaa takka takka fudhattanii jirtan. Amma gara mana keessanii deemaa. Sanyii tana bakka gaaritti dhaabaa. Bishaanis obaasaa. Kunuunsa gaarii godhaa. Namni waan gaarii qabatee dhufe mootii biyya kanaa ta’a jedhee ummata walitti qabame gara manaa geggeeyse.

Dargaggoonni cufti isaaniituu waan itti kenname kana facaafatanii jiran. Hundi isaaniituu oytee muka keessatti dhaaban gabaa bitanii, biyyee bareedaa bakka jiruu barbaadanii sanyii san keessa dhaaban. Bishaan obaasaa, kunuunsa godhutti jiran. Akkasuma dargaggoon tokkos haadha isaa wajji ta’ee amaanaa itti kenname kana bikkaan gahuuf jecha dalagaa jira.

Ji’a lama booda dargaggoonni walitti dhufanii waa’ee biqiltuu isaaniirraa haasawaa jiran. Gariin isaa kiyya meetira 1 gahee jira jedha. Gariin kiyyatu kan kee caala jedhaa wal mormu. Dargaggoon sun garuu cal’isuu filate. Sababni isaatis ka isaa haga ammaa hin biqille. Waan godhuu fi dubbatu wallaale. Cinqaan itti heddummaate. Yoo biqiltuu tana haalaan hin kunuunsinii ammoo aangoo biyya bulchuudhaa dhabutti jira. Ammas ganamaa galgala bishaan obaasus, xaa’oo itti naqus jijjiiramni takkalleen hin jiru. Guyyaan ji’a dhalee, jiini kudha lama darbeeti guyyaan beellamaa, guyyaan mootii duraanii dura dhaabbatan gahe. Namni cufti isaatuu muka dhedheeraa qabatanii gara eddoo wal gahii deemaa jiru. Dargaggoon kun garuu manaa bahuu hin barbaanne. Namni maal naan jedha? Mootichi yoo na adabe hoo? Jedhee manumatti hafe. Haati isaa garuu ‘abshir homaa miti! Haga humna keetii carraquu kee itti himi’ jettee jajjabeessaa manaa geggeeysite.

Yoo bakka wal gahii gahan namni cufti muka dhedheeraa of harkaa qaba. Dargaggoon kun garuu oytee qullaa biyyeen guutamte qabatee dhufe. Namni isatti garagalee kolfuu jalqabe. Gariin ammoo ‘abshiir, carrama keetu kanaan si gahe, homaa miti’ jedhaa jajjabeeysan. Osoma akkanatti jiran mootichi dhufe. Gara biqiltoota dargaggoonni fidanii naannahee takka takkaan irra deemaa, dinqisiifate. Garuu yeroo xumuratti dhihaatu, oytee duwwaa arge. Sagalee isaa ol kaasee,’kun kan eenyuuti!?’ jedhee gaafate. Dargaggoon sun ni rifate. Dachiin itti dhiphatte. Suuta jedhee nama duubatti dhokate. Mootichi gara loltootaa garagalee ‘abbaa waan kana fide, barbaadaatii natti fidaa!’ jedhee ajaje. Namoonni ganama dargaggoo san argan ammoo ‘ kan isaati’ jedhanii saaxilan. Loltoonnis qabanii mooticha bira geessan.

Mootichi haasawa godhuu eegale. ‘Harraan tana isin keessaa namni tokko mootii biyya kanaa ta’a.’ ooytee duwwaa kan dargaggeessi sun fide lafaa ol kaasee ummatatti mudhise. Ummanni ammoo kofluu eegale. Mootichi akka cal’isaniif erga mallattoon itti himee booda, ‘abbaa oytee kanaatu aangoo narraa dhaala’ jedhee labse. Ummanni amanuu dadhabe. Mootichi baacutti jira jedhanii gungumuu eegalan. Dargaggoonni muka dhedheeraa qabatanii dhufanis akkamitti akkana godha. Nuti ifaajnee muka qabannee dhufne. Inni garuu harka

duwwaa dhufe. Akkamitti aangoon isaaf kennama? Jedhaa wal gaggaafatan.

Mootichi itti aansee ‘waggaa harraa, bakka kanatti hunda keessaniif sanyii takka takka isinitti kenne. Sanyii kanas kunuunsitanii akka fiddan isinitti hime. Garuu kan isin ajaa’ibu, sanyiin isinitti kenne cufti isaatuu sanyii akka hin biqilleef maseenfame ture. Isin ammoo gara manaa galatanii wayta dhaabdan isinii biqiluu dide. Kana booda gara magaalaa baatanii sanyii biraa bittanii dhaabdan. Harraan tana waan silaa ta’uu hin qabne fiddanii natti dhuftan. Namni dhugaan waan ani itti kenne qabatee dhufe, dargaggoo kana qofa. Inni haqa ani itti kenne, amanamummaan qabatee waggaa booda naaf deebise. Kanaafuu inni ammarraa kaasee mootii keenya ta’ee jira’ jedhee labse.

Amanamummaan eddoo guddaa qabdi. Gaafa nuti amanamaa taane, miindaa teenya Rabbi biraa hin dhabnu. Garuu akka namni nu hin arginetti osoo nama sobneeyyuu, gaafa tokko salphachuun keenya hin oolamu. Kanaafuu deemsi keenya, taa’umsi keenya, sooranni keenya, wanti nuti dalagnu cufti isaatuu dhugaa ta’uu qaba. Gaafas amanamaa ta’uu dandeenya. Gaafa amanamaa taane ammoo haqa Rabbiitis ni guutna. Gaafa haqa isaa guunne ammoo qubsumni teenya jannatuma taati.
Rabbi Nama Amanamaa, kan haqa isaatii fi haqa uumama cufaa eegu nu haa godhu.

One Comment

Comment

Back to top button