header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannoo

Ameerikaatti lakkoofsi namoota vaayirasii Koroonaatiin du’anii 200,000 caale

Ameerikaatti lakkoofsi namoota vaayirasiii Koornaatiin qabamanii miliyoona 6.8 darbuun, biyya addunyaa hunda dursaa jirti. Kutaa biyyattii akka Noorz Daakootaa fi Yutaah dabalatee, iddoowwan biroottis lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii ammas dabalaa jiraatuu gabaafame.

Ameerikaatti namni vaayirasichaan qabame jalqabaa kan galmaa’e ji’a Ammajjii keessa yoo tahu, bulchiinsi Tiraamp weerara vaayirasichaa to’achuuf tarkaanfii sirrii hin fudhannee jedhame irra deddeebiin qeeqama.


Haata’u malee Prezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp kiibxata kaleessaa haasaya Kora UN ilaalchisee godheen, lakkoofsi namoota du’anii ol guddachuun ‘waan nama naasisu’ jechuun, Chaayinaan ‘’vaayirasicha dhaabuu qabdis”jedhe. Traamp itti dabaluunis, otoo bulchiinsi isaa tarkaanfii to’annoo barbaachisaa hin fudhanne ta’ee, lakkoofsi namoota du’anii miliyoona lama hanga miliyoona 2.5 dhaqqaba jechuun hime.

Dorgommii pirezidaantummaa Ameerikaa baranaarratti kaadhimamaan Dimokiraatotaa Joo Baayiden gama isaatiin “Sobaa fi ga’umsa dhabiinsa Doonaald Tiraamp ji’oota jahan darbanitti mul’iseen lubbuu lammilee Ameeerikaa hedduu seenaa keessatti yeroo dhabne keessaa kun tokko.” Jechuun qeeqe. Baayiden itti dabaluun, “weerara kana to’achuuf ga’uumsi hooggansaa barbaachisa ture, inni garuu naasuun qorree, deebii kennuu dadhabe, ni wareere, kanattii Ameerikaan aarsaa guddaa biyya kamiyyuu caala kaffaltee” jedhe.

Qondaaltonni fayyaa biyyattii akka jedhanitti, lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii Noorz Daakotaa, Yutaah, Teksaasi fi Saawuz Daakotaatti dabalaa jira.
Ji’oota Bonaattis lakkoofsi namoota qabamanii dabalaa deema jedhamee sodaatama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button