header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Hogganaan Dhaaba Mormituu Keeniyaa anis Prezdaantii jedhee Kakate

Hogganaan dhaaba mormituu Keeniyaa Raayilaa Odiinga sirna magaalaa guddoo biyyattii Naayiroobii keessatti gaggeeffameen anatu ummataan filame jechuun taayitaa prezdaantummaa fudhachuuf kakate.

Filannoo Hagayya dabree biyyattii keessatti gaggeefamee ture ,mormii paartiin mormituu NASA jedhamu kan Raayilaa Odiingaatiin hoogganamu dhiheesseen, manni murtii biyyattii bu’aa filannoo sanii kuffisuun filannoon akka irra deebifamu ajaje.

Filannoo irrra deebii Onkololeessa dabre gaggeeffame Raayilaan komishiiniin filannoo biyyattii waan hin jijjiraminiif irratti hirmaachuu diduun isaa ni yaadatama. Haata’u malee Uhuruu Keeniyaataa filannoo lammataa san injifachuun Sadaasa dabre taayitaa qabatus, Reeyilaa fi paartiin isaa filannoon sun seeraan ala jechuun mormii isaanii itti fufan.

Haaluma kanaan guyyaa hardhaa bakka deeggartoonni isaa kumaatamaan lakkaawaman argamanitti prezdaantummaaf kakateera. Mootummaan Keeniyaa dhaabbileen Televiziyoonii biyyatti sirna kana akka hindabarsinee kan akeekkachiisee ture yoo tahu, dhaabbilee TV akeekkachiisa kana diduun dabarsuudhaaf yaalii godhan, Saatalayitii irraa kan buuse tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button