header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Manni murtii Masrii Dr Yuusuf Alqardaawii irratti hidhaa umrii guutuu murteesse

Manni murtii masrii namoota saddeet adabbii du’aa kan itti murteesse yoo tahu, Dr Yusuf Alqardaawii dabalatee namoota 17 ammoo hidhaa umrii guutu dabarse. Mannii murtii waraanaa kun Arba’aa kaleesse namoota torba kanneen bakka isaan hin jirretti itti murteesse keessa Dr Yuusuf Alqardaawii biyya isaa Masriin irraa baqachuudhaan Qaxar keessa kan jiraatu tahuun ni beekkama.

Abbaan alangaa mootummaa Masrii Hoogganaa Gamtaa Ulamaa’ota Addunyaa kan ta’an Dr Yuusuf Alqardaawii irratti himannaa”namoota jeequmsaaf kakaasuu, fi oduu sobaa tamsaasuu”jedhuun kan himate tahuu gabaasni Anaadooluu Niiwus irraa arganne ni mul’isa.

Dhaabbanni poolisii addunyaa-Interpol gaaffi mootummaan Masrii Dr Yuusuf Alqardaawii akka qabamuuf dhiheesse eega qoratee booda, ji’a September/2017 keessa fudhatama kan dhabsiise tahuun ni yaadatama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button