header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
IbaadaaOg-Barruu

Yaadannoo/Zikrii Rabbii

Zikriin ibaadaa hojjachuuf salphaa ta’eefi mindaan isaa baay’ee guddaa ta’eedha. Zikrii jechuun qalbiin Rabbiin yaadataa arrabaanis Isa faarsuu dha.

Rabbiin zikrii ilaalchisee aayatoota heddu buuse.

Rabbiin ol ta’e akkana jedhe: “na yaadadhaa; anis isinin yaadadha. Na galateeffadhaa natti hin kafarinaa.”(Albaqaraa: 152).

“Yaa warra amantan yaadannoo baay’ee Rabbiin yaadadhaa.”(Al-Ahzaab: 41)

“Dhiirolee baay’ee Rabbiin yaadataniifi dubartii Rabbiin yaadatan, Rabbiin araaramaafi mindaa guddaa isaaniif qopheesseera.”(AL-Ahzaab: 35)

“Lubbuu kee keessatti gadi of qabaafi sodaataa, sagalee ol hin fuudhaminiin ganamaafi galgala Gooftaa kee faarsi. Dagattoota irraas hin ta’in.”(Al-Anfaal: 205)

Ergamaan Rabbii (saw) akkana jedhan: “fakkeenyi nama Rabbii isaa yaadatuufi isa Rabbii isaa hin yaadannee fakkeenya jiraataa fi du’aati.”Bukhaarii fi Muslimtu gabaasan.

Ammas Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: “Dhaga’aa! Mee caalaa hojii keessanii, Rabbii keessan birattis akkaan qulqulluu, sadarkaa keessanis kan akkaan ol kaaftu, warqiifi meeta sadaqachuurra kan isiniif caaltuufi, isin diina keessan qunnamtanii morma isaanii rukutuufi isaan morma keessan rukutuu irra kan isiniif caalu isinitti himuu?”Eeyyee jedhan. “Inni zikrii Rabbii ol ta’eeti”jedhan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button