header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Gareen Muslimoota Ameerikaa, Gamtaan Biyyoota Islaamaa dararaa Chaayinaan Muslimoota Wiigar irratti raawwattu caldhisee ilaalaa jira jechuun qeeqe


Green Waldaalee Muslimoota Ameerikaa heddu of keessatti hammate ibsa kenneen, Gamtaan Biyyoota Islaamaa akkuma kanaan dura dhimmoota muslimoota Falasxiin, Kaashimiir fi kanneen birootiif dubbataa turetti, dararaa Chaayinaan Muslimoota Wiigar irratti raawwattus ifatti balaaleffatuu qaba jedhe.

Akka ibsa garee kanaatti, dararaa hamaa Chaayinaan Muslimoota irratti raawwattu, kan Ameerikaa fi biyyoonni lixaa kanneen biroo hedduun balaaleffataa jiran, Gamtaan Biyyoota Muslimaa 57 qabu kun dhiibbaa Chaayinaa sodaatuun caldhisee ilaaluun kan isa gaddisiise tahuu beeksise.
Falmaan Mirga dhala namaa fi imaamni Ameerikaa beekkamaan Umar Suleeymaan ibsa kenneen, “biyyoonni Muslimaa kunniin diinaagdeen akka malee Chaayinatti irakachuu isaaniitiin, dhimma Muslimoota Wiigar irratti caldhisuu bira dabranii baqattoota Wiigar keessummeessuu diduun yakka Chaayinaa gargaaraa jiran”jedhe.

Aktiivistiin Wiigar tan lammii Ameerikaa Rushaan Abbaas gama isiitiin, sababaa qabsoo ummata Wiigar irratti isiin godhaa jirtuuf mootummaan Chaayinaa Obboleettii isii akka hidhe ibsuun, “dhimmi muslimoota Wiigar dhimma Chaayinaa qofa osoo hin taane, dhimma namoomaa fi dhimma amantaa waantaheef, keessumattuu biyyoonni Muslimaa sagalee tokkoon Chaayinaa irratti dhiibbaa godhuu qaban”jette.
Chaayinaan kutaa Zinjiyaang keessatti aadaa fi amantaa muslimaa balleessuuf karoorfattee, qajeelfama muslimoota qofa irratti xiyyeeffatu baastee raawwachiisaa jirti. Haaluma kanaan madrasaalee fi masjiidota cufuu, ijoolleen muslimootaa qur’aanaa akka hin qaraane dhoorkuu, akkasumas dubartoonni hijaaba akka hin uffanne dhoorkuu daalatee, dararaa garagaraa muslimoota irratti raawwataa jiraachuun ni beekama. Kana malees Chaayinaan muslimoota miiliyoonotatti lakkaahaman manneen hidhaa addaa keessatti ugguruun dararaa jiraachuu miidiyaaleen addunyaa gabaasaa jiran.

4 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button