header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Makiinaawwan qajeelfamoota tatamsaa’a dhibee COVID-19 ittiin to’aachuuf bahe cabsaan irratti tarkaanfiin fudhatamuu ibsame

Biiroon geejjiba magaalaa Finfinnee  Makiinaawwan lakkoofsaan 1002 tahan kan tatamsaa’a weerara dhibee COVID-19 to’aachuuf bahe cabsaan irratti tarkaanfiin adabbii fudhatamuu ibse.

Haaluma kanaan Caamsaa 2-10/2013tti qofa makiinaawwan 603  kan namoota lakkoofsaa  ol fe’atan, 204 maskii (haguuggii fuunyaanii fi afaanii) godhachuu dhabuun, makiinaawwan 91 immoo taariifa dabaluun (hanga kaffalamuu qabu ol imaltoota kaffalchiisuun, 65 immoo ramaddii isaanii irratti argamuu dhabuunii fi qajeelfamoota kan birootis cabsuun walumaagalatti makiinaawwan 1002 irratti tarkaanfiin adabbii fudhatamuu ibsame.

Ji’a Bitootessa fi Guraandhala dabre sababa walfakkaatan Makiinaawwan 10,305 irratti tarkaanfiin seeraa fudhatamuun, birriin 4,609,000 walitti qabamuu odeeynnoon ni addeessa

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button