header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Waraanni Afrikaa Kibbaa seera dubartoonni Muslimaa Hijaaba akka hin uffanne dhorku kaase

Waraanni Afrikaa Kibbaa seera dubartoonni muslimaa miseensa waraana biyyattii tahan, Hijaaba akka hin uffanne dhorku jijjiruu, Dhaabbanni mirga namoomaa irratti hojjetu kan Legal Resources Centre jedhamu beeksise.

Jijjiramni kun dubartiin muslimaa miseensa waraanaa biyyattii taate tan Meejar Faaxumaa Isaaq jedhamtu, qajeelfama hijaaba dhorku mormuun bara 2019 keessa eegaa himatamteen booda, himannaa dhaabbanni mirga Namoommaa falmu kun baane hordofuun kan argame tahuu Legal Resources Centre ibse.

Dubbii himaan waraanaa Birgaadeer Jeneraal Maafii Imgoobihoozii ‘’Imaammatni waraanni uffannaa amantii ilaalchisee qabu dubartoota Muslimaa hijaaba akka uffatan eeyyamuuf geeddarameera,” jedhe.

8 Comments

  1. as wr wb sagantaan keessan hedduu buhaarsituu fi boonsituudha.
    Ammaas jabaadhaa itti nuuf fufaan dhaamsa kooti.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button