header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo Biyyaa

Majlisa Federaalaa keessa namoonni filannoon hoggantoota Majlisaa akka hin geggeeffamne gufachisuuf hojjatan jiraachuun ibsame

Dubbii himaa Koree Fala Barbaadduu hawaasa Muslimaa fi miseensa koree jijjiirama dhaabbilee hawaasa Muslimaa 9’n jidduu tokko kan ta’e Ustaaz Ahmaddiin Jabal, Majlisa Federaalaa keessa namoonni bolola aangoof jecha filannoon hoggantoota Majlisaa akka hin geggeeffamnee fi wixineen qajeelfama ittiin bulmaata Majlisaa akka hin raggaasifamneef hojjatan jiraachuu ibse.

Ustaaz Ahmaddiin barreeffama fuula Feesbuuk isaa irratti maxxanseen “namoonni kunneen aangoo qabatanii itti fufuuf jecha ‘Majlisa cehumsaa wanti jedhamu hin jiru’ jechuun amaanaa ummataa nyaachuu ifa godhaanii jiran” jedhe.

Ummanni Muslimaa waggoota dheeraaf dhaabbileen isaa namoota ofii filateen akka hogganamu gaafataa ture. Jijjiirama biyyattii keessatti argame hordofuun koreen dhimma kana qoratu Ulamaa fi hayyoota irraa ergaa filamuun wixinee qajeelfama ittiin bulmaata Majlisichaa qopheessuun ni yaadatama.

Qajeelfama qophaawe kana raggaasisuuf Mana Marii Ulamaa Itoophiyaa miseensoota 26 qabuu fi Koree Boordii filuun ji’a 6 keessatti filannoo akka godhan jechuun Majlisni cehumsaa hundeeffame.

Majlisni cehumsaa kun waggoota 2n dabre filannoo osoo hin godhin hanga ammaatti aangoo irra jiraachuun ummata Muslimaa dallansisee jira.

Koreen Boordii Majlisaa Amaanaa ummanni nutti kenne ofirraa buusuu qabna jechuun gaafataa ture. Hoggantoonni Majlisa cehumsaa immoo filannoon geggeeffamu hin jiru jechuun, inuumaa Boordii Majlisichaa jigsuun haarawa muuduuf socho’aa jiraachuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

Ustaaz Ahmaddiin Jabbal, namni Ahmad Yuusuf jedhamu kan Majlisa duraanii keessatti hoggantoota TPLF waliin tahuun ummata Muslimaa dararaa turee fi qabeenya hawaasa Muslimaa saamaa ture, ajaja Ministeera Nageenyaa irraa kennameen miseensoota Mana marii Ulamaa 26n keessatti kan dabalame tahuus ibse.

6 Comments

  1. Asalamalekuum waraamaatuullaahii wabarakkatuuh mashaallaah tabarakkaallaah mashaallaah tabarakkaallaah mashaallaah tabarakkaallaah Lencaa dinii Raabbiin umurii keessaan Nuuf Haa dheresuu inshaallaah 👍👍👍

  2. Assalaamu’aleeykum woraahmaatullaah wobarakaatu Mashaal’allaaah Mashaal’allaaah Mashaal’allaaah Mashaal’allaaah ustaaz Ahimaddin Jabal Rabbiin umrii isaani nuuf haa dherressuu Nama dhugaa💪💪✅

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button