header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Hawaasni Oromoo Kutaa Minesootaa Gamoo Masjiida Tawhiid fi Wiirtuu islaamaatiif oolu bituun eebbisiise

Hawaasni Oromoo kutaa Minesootaa naannawa magaalaa Saint Paul jiraatu, Gamoo Masjiida Tawhiid fi Wiirtuu Islaamaatiif oolu, Doolaara miiliyoona sadi fi kuma dhibba sadihiin ($3,300,000) bituun Sabtii kaleessaa kan eebbisiise tahuun beekamee jira. Wiirtuun Masjiida Tawhiid haaraya bitame kun kan hawaasichi duraan itti fayyadamaa ture dachaa sadihiin kan caalu akka taheefi, seenaa diyaaspooraa Oromoo keessatti Wiirtuu isa guddicha akka tahus imaamaa fi dura taa’aan Masjiida Tawhiid Ustaaz Abdurrahiim Dooyyoo himan.

Gamoon guddaan bitame kun yeroo gabaabaa keessatti haala tajaajila hawaasa muslimaatiif oolutti deebifamee kan sirreeffamu yoo tahu, Masjiida, Madrasaa, Mana Kitaabaa Waraqaa fi Dijitaalii, Wiirtuu Odeeyfannoo fi Istuudiyoo, iddoo oolmaa daa’immanii, iddoo ispoortii akkasumas Mana Janaazaa kan qabaatu tahuu ibsame.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button