header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Ibaadaa

Baatiin Sha’abaanaa Baatii Dalagaan ilma Namaa Gama Rabbii Ol fuudhamtu

Dalagaan ilma nama torbaanirraa guyya isniinaa fi Khamisaa gama rabbi olfuudhamti; amatarraa ammoo baati Sha’abaanaa olfuudhamti.

Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: Baatin Sha’abaanaa baati dalagaan ilma nama gama Rabbii olfuudhamtu jedhan, Ammas anaa Soomana qabu dalagaan tiyya olfuudhamuu ni jaaladha jedhan.

Ergamaan Rabbii (SAW) tanaaf baatii sha’abaanaa heddu isaa soommanaan dabarsa turan. Akkuma Haati mu’imintoota Aa’ishan R.A jetteti “baati sha’abaana xiqqo malee guutu isaa sommanu ture”

Kanaafuu Baatiin sha’abaanaa baati Ergamaan kenya (SAW) akkan itti xiyyeefatan waan taheef hundumti kenya ibaadarratti, Istighfaara, salaata sunnaa fi soommana irratti haa jabaannuu.

Rabbii warra waan dhagahetti fayyadamu nuhaa godhu; ammas nama ofdagatu Rabbiin nu hin godhin.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button