header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Mootummaan UK Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afur irraa imaltoonni biyya isaa akka hin seenne dhorke

Mootummaan Ingiliiz sodaa  COVID-19’n gosti haarawni biyya kiyya ni seena jedhuun, Bitootessa 19,2021 irraa kaasee, Itoophiyaa dabalatee, Omaan, Soomaliyaa fi Qaaxaar irraa imaltoonni  gara biyya isaa akka hin seenne dhorkuu gabaafame.

 Tarkaanfiin lammileen biyyoota afranirraa dhufanis ta’e, namoonni biyyoota kanneen keessa qaxxaamuran akka hin seenne dhorkamaniif, sodaan Vaayirasiin Koroonaa gosti haaraan biyyoota kana irraa  seenuu mala  jedhu haalaan dabaluu hordofuun kan fudhatame tahuu Mootummaan UK ibse.

Haata’u malee lammilee isaa, kan Ayerlaand akkasumas namoonni hayyama jireenyaa qabanii fi namoonni Viizaa yeroo dheeraaf turuu qaban, kaniin biyyoota dhorkaman Afuran irraa dhufan dhaabbata mootummaan mirkanaa’e keessa guyyoota 10f adda of baasanii akka turan eegaa taasifamee booda seenuun kan hayyamamu tahuu odeeyfannoon ni mul’isa.

Tarkaanfiin kun xiyyaarota meeshaa fe’anii alatti, xiyyaaroota daladalaa fi dhuunfaa biyyoota kaniin afranirraa dhufanis kan ilaallatu ta’uu odeeyfannoon ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button