Maaltu Soommana cabsa?
1. Nyaachuu(الأكل): Afaaniin nyaachuu qofaa miti, qoricha bakka nyaataafi dhugaatii bu’u fayyadamuunis dhoorkaadha. Namni dhukkubsateefi dulloomee qulusiin umrii qabde Soommana furuu dandaha. Garuu Qadaa(hanga fure lakkaawee) booda Soommana.
2. Dhuguu(الشرب): Bishaan dhuguu qofaa miti, Sijaaraa xuuxuunis hin hayyamamu. Inuu Sijaaraafi Shiishaa akkasuma wantoota qaamaafi lubbuu namaarra dhiibbaa fidan fayyadamuun yeroo biroollee dhoorkaadha. Fayyaan faaya! Shari’aan jabeessinee lubbuu teenya eeguu akka qabnu nu ajajje.
3. Guyyaan Jaartitti ida’amuu(الجماع): Halkan malee guyyaa jaartii waliin ciisuun Soommana balleysa. Dhungachuun ammoo humaa hin qabu. Garuu wantoota wal-qunnamtii saalaatti nu onnachiisan irraa yoo fagaanne gaariidha. Hikmaaf Rabbi kanatti nu ajaje. Warra didee walitti ida’ameef ammoo adaba jabaatu jira. Sunis Ramadaana booda ji’a 2 walitti dhaabanii Soommanuudha.
4. Bishaan hormaataa(Dhalchaa) fedhiin baasuu(إنزال المني بالشهوة): Dhalchaan, fedhii teenyaan maletti manaamaan(abjuun) yoo bahe Soommanni hin cabu. Ammoo shookkifattee beekaa firraa dhangalaafnaan Soommanni kee ni bada. Dhalchaa qofa malee, bishaan biroo kan namarraa bahu hin cabsu.
5. If-haqqisiisuu(القىء عمدا): Beekaa if-haqqisiisuun Soommana cabsa. Fedhii teenyaan maletti ammoo garaa irraa waa ol dhufnaan deebifnee hin liqimsinu! Ni tufna.
6. Dhiiga Heydii(marsaa laguu)fi dhiiga yeroo dahan nama irraa bahu(خروج الدم الØيض والنÙاس): Shamarran sadarkaa tanarra jiran Ramadaana furanii, Qadaa yeroo biraa kafaluu qaban.
ҢӢӢ
Hub:- Qaphxiileen Soommana cabsan hangana. Ammoo “dhiiga xurii ifirraa baasuun(koobbachuun) خروج الدم بالØجامة Soommana ni cabsiti” isaan ja’an waan jiraniif irraa if eeguun gaariidha. Shakkii jalaa bahuuf Ramadaana baafnee ykn halkan Ramadaanaa haa koobbannu. Gama biroon namni imaltuu bahe furuun Sunnaa dha. Hanga fure lakkaawee gaafa deebi’e ammoo Soommana. Imaltuu dheertuu bahanii Soommanuu mannaa, furanii gaafa biroo kafaluutu irra filatama.
Warra Soommanni irraa Qeebalame nu haa taasisu.