header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
IbaadaaOg-Barruu

Furmaatni maal?

Ee akkanaay! Namni dhukkuba Koroonaa-vaayrasiin qabame Miliyoona 2 caalee jira. Warri dhume ammoo kuma 128 gahan. Ogeeyyoonni fayyaa harka tokkoon dhukkubsattoota wal’aanaa, harka kaanin garuu dawaa Koroonaa-vaayras barbaacha tattaaffii jabduutti jiran. Biyyoota hedduutti dhukkuba kana ittisuuf uggurri cimaa jira.

Mootummaan “mana taa’aa! Manaa hin bahinaa” je’a. Ummanni garuu “maal nyaanna! Koroonaa sodaaf beelaan dhumnaa” gaafii jettu dhiheesse. Keessattuu biyyoota hiyyeeyyii keessa haalli jiru gaarii miti. Dhugaadha!

Manatti galuun nama gariif bashannana tahuu mala. Garuu namoota hedduuf, keessattuu ummata keenyaaf rakkoodha. Kan dafqa guyyaa harcaasuun halkan hiraata qopheeffatu amma agabuu bulaa? Dhiiroo malitti jira? Rahmata kee yaa Rabb! Haala kanaan yoo itti fufe, gaaga’amni dhaqqabuu malu laayyoo miti. Kanaaf ammoo ummanni keenya cimsee wal bira dhaabbachuu qaba.

Gaaftokko hayyuun Muslimaa beekkamaan Abdulqaadir Jeylaan Khuxbaa gabaabduu dhama qabdu wahii godhe. Jechoonni inni gaafas dubbate seenaa isaa keessatti irra deddeebiin dubbatama. Akkuma Minbara koreen jalqaba Rabbi faarse. Eeganaa “nama beela qabu nyaata kennineefii gurushnee beela baasuutu Masjida kuma jaaruu caala. Santu Ka’baa uwwisuu caala. Santu halkan kaanee dhaabbachuu caala. Santu Jihaada godhuu caala. Santu waggaa guutuu Soommanuu caala. Gaafa nyaanni garaa warra beelawee keessa bu’u waatu akka aduutti ifa. Yaa gammachuu nama beelawaa beela baasee” ja’e. Hanganuma qara’ee Minbara irraa bu’e ja’an.

Maal hambise ree! Hunda dubbatee jira. Nama jiruutu Ibaadaa godha. Jiraachuuf ammoo nyaachuun dirqama. Sadaqaan Niyyaa bareedduu fi garaa qulqulluun kenninu dallansuu Rabbii nurraa oofti. Nutti dallanuu dhabee Rabbi nu jaalannaan maaltu hafe. Rabbiin warra Sadaqatu haala gaariin faarse. Gaafa Qiyaamaa, gaafa gaaddisni hin jirre san warri Sadaqatu gaaddisa Sadaqaa isaa jala tura. Gaafa Sadaqannu addunyaa fi aakhirattiis bu’aa guddoo arkanna. Inuu warra keenya kanneen Qabrii keessaa adabamaa jiranillee, oowwa keessa bu’an irraa oofnee qabbana buusnaaf.

Namni Rizqiin akka isaaf guddattu fedhu, namni gammachuu fi umrii dheertuu barbaadu haa Sadaqatu. Sadaqaan aakhirattiis salphina keenya nuuf dhoysitee ibiddarraa nu fageessiti. Ergamaan Rabbii Muhammad(SAW)
اتقوا النار ولو بشق تمرة.
“muraa Timiraa-llee taatu Sadaqadhaa ibidda sodaadhaa. Ibiddaan gubatuu irraa nagaya tahaa” ja’an. Sadaqaan/Arjoomni afaan duudaan dhagahuu fi ballaan arku. Kanaaf jabeessinee dhukkuba Koroonaa-vaayras sodaaf warra manatti uggurame osoo beelti hin dabarsine haa dhaqqabnu.
Wal cinaa haa dhaabbannu. Kan waan Sadaqatu hin qabne ammoo kadhaan haa gargaaru. Zikrii haa heddummeessu. Hadiisarraa Zikrii jechuun mataan isii Sadaqaa tahuu barre.

 

9 Comments

  1. As wr wb. gaafiin qaba. warra amantii kiristaanaa wajjiin ollaadha. isaanis gaafa ayyaanni keenya gehe baga guyyaa iidaa kanaan isin gehe naan jan an hoo yoon gaafa ayyaana isaanii baga ittiin isin gehe ja’een maal rakkoo qaba?? fkn guyyaa du’aa ka’uu goofta iyyasuus janii guyyaa ayyaana qaban. guyyaa san yoo baga du’aa ka’insa gooftaa kessaniitiin isin gehe yoon je’een hagam takka haraama?? garuu an nabi iisaan (saw) akka du’ee hin ka’in niin beeka osoon beekuutiin ja’aan

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button