Fakkeenya Warra Waan gaarii eega hojjatee booda of jalaa balleessuu!
Rabbiin ol tahe Warra Waan gaarii eega hojjatee booda of jalaa balleessu, Suuratul Baqaraa keessatti akkanatti isaan ibsa:
أَيَوَدÙÙ‘ Ø£ÙŽØَدÙÙƒÙمْ Ø£ÙŽÙ† تَكÙونَ Ù„ÙŽÙ‡ÙÛ¥ جَنَّةٌ Ù…Ùّن نَّخÙيلÙÛ¢ وَأَعْنَابÙÛ¢ تَجْرÙÙ‰ Ù…ÙÙ† تَØْتÙهَا ٱلْأَنْهَٰر٠لَهÙÛ¥ ÙÙيهَا Ù…ÙÙ† ÙƒÙÙ„ÙÙ‘ ٱلثَّمَرَٰت٠وَأَصَابَه٠ٱلْكÙبَر٠وَلَهÙÛ¥ Ø°ÙرÙّيَّةٌ ضÙعَÙَآء٠Ùَأَصَابَهَآ Ø¥Ùعْصَارٌ ÙÙيه٠نَارٌ ÙÙŽÙ±Øْتَرَقَتْ Û— كَذَٰلÙÙƒÙŽ ÙŠÙبَيÙّن٠ٱللَّه٠لَكÙم٠ٱلْءَايَٰت٠لَعَلَّكÙمْ تَتَÙَكَّرÙونَ
“Sila tokkoon keessan dullummaan isa tuqee fi ijoollee dadhaboo kan qabu ta’ee osoo jiru, ashaakiltii temiraa fi inaba irraa taate tan laggeen jala yaa’an, achi keessa Muduraalee hunda irra isaaf jiran (kan qabu tahee), eegasii bubbeen ibiddi keessa jiru tuqee gubatte akka isaaf taatu ni jaallataa? Akka xinxallitaniif akka kanatti Rabbiin aayaata isiniif addeessa.”
Suuratu Al-Baqarah 2:266
Fakkeenyi kun fakkeenya nama Rabbiif jedhee hojii gaggaarii kan akka sadaqaa fi kanneen biroo hojjatee, Eegasii ammoo hojii badaa hojii gaarii isa jalaa balleessu nama hojjate ilaallata.
Kanaafu, namni wanta hojii isaa jalaa balleessu irraa of eeggachu qaba. Kan akka kufrii (hundeewwan iimaanatti amanuu diduu ykn shakkuu, of tuulu irraa kan ka’e Rabbiif ajajamu diduu, hojii Islaama keessaa nama baasu hojjachuu), shirkii, na argaaf ykn na dhagayaaf hojii gaggaarii hojjachuu, sadaqaa yommuu kennan nama rakkisuu fi tola isatti oolan yaadachisuu irraa if eeguu qaba.