header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
IbaadaaOg-Barruu

Dubbii dubbii cufa Caaltu

Hadiisa Abuu Zarri odeyseen Sahaabaan Ergamaa Rabbii ((SAW) ) “haasawa kamtu caala? Mee maal dubbiif filanna?” jedhanii gaafatan. Ergamaan Rabbii((SAW) )”Waan (jecha) Rabbiin Malaa’ikaa ykn gabroottan isaatif file! SubhaanaLlaah wa bi-hamdih” jedhen. [Muslimtu gabaase]

– Dubbiin dubbii caaltu ‘SubhaanaLlaah wa bi-hamdih’ jechuu tana. Ergamaan Rabbii ((SAW)) tana jedha jedhanii Sahaabaaf dhaaman. Gabrichi Rabbii isaa qulqulleessee gabbaruun waan jabduudha. ‘SubhaanaLlaah wa bi-hamdih’ jechuun Rabbii keessan yaadadhaa. Hiikni, Rabbiin qulqullaawe! Faaruun isaan malte! Galatni isa haa gahu jechuudha. Uumaan samii fi dachii irra jirtu, gabroottan isaa kana akka jedhaniif Rabbiin file.

 Namni yeroo 100 ‘SubhaanaLlaah wa bi-hamdih’ jedhe, badiin isaa osoo akka hoomacha baharaa ta’eellee Rabbiin ni dhiisaaf. Jechoota kanniin namni jechuu aadeeffate, gaafa Qiyaamaa nama kaanin adda tahee caalchifamee dhufa. Tokkolleen kan isa caalu hin jiru, yoo nama akka isaatti aadeeffate tahe malee.

3 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button