header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Mootummaan Itoophiyaa Imbaasii biyyaatti Turkiyatti argamu irraa qondaala tokko gara biyyaa deebise

Ministeerri haajaa alaa Itoophiyaa ibsa baseen, Qondaalli imbaasii biyyattii Ankaaratti argamuu kun gara biyyaa kan yaamameef, Turkiyaa magaalaa Ankaaraa keessatti Kamrii dhugee machaawuun konkolaachisaa yeroo turetti badii raawwate waliin kan walqabate akka ta’e beeksise.
Hoogganaan Ministeera haajaa alaa Itophiyaa Dr Warqinaa Gabayyoo ibsa kenneen akka jedhetti, hojjataan Imbaasii kun gara biyyaa kan deebi’e tahuu ibsuun, badiin raawwate  qoratamee yoo mirkanayeef kan adabamu tahuu ibse.

Qondaaltichi kun machaawee konkolaachisuudhaan konkolaata biroo lama eega rukuteebooda, poolisiiTurkiyaatiin qabamee  Kamrii dhuguu isaa akka qoratamu  yeroo gaafatametti, diduudhaan “Itoophiyaa fi Turkiyaa jiddutti lola jalqabsiisa” jechuun kan dhaadate tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button