header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Suudaan keessatti fonqolchi mootummaa geggeeffamaa jiraatuu gabaafame

Muummicha Ministeeraa Suudaan Abdallaah Hamdook dabalatee qondaaltonni mootummaa biyyattii hedduun,  humna waraanaa hanga ammaatti eenyummaan isaanii  hin beekkamneen to’annoo jala kan oolfaman tahuu, tajaajilli odeeyfannoo Suudaan gabaase. Jalqaba irratti Muummichi ministeeraa Abdallaah Hamdook har’a ganama humna waraanaa hin beekkamneen to’annoo jala ooluu fi mana ireenyaa isaa keessatti hidhamuu kan ibsame yoo tahu, booda irra ammoo ministeerota isaa hedduu waliin gara iddoo hin beekaminitti geeffamuutu gabaafame.

 

Fonqolcha Mootummaa tibbana yaalamaa ture hordofee, humna waraanaa fi garee siviilii jidduutti waldhabdeen uumame cimee itti fufuu ibsamaa tureera.

 

Yeroo ammaa magaalaa guddittii biyyaatti Khaartuum keessatti, tajaajilli Interneetii adda cituu isaatiin haala jiru odeeffannoo argachuun rakkisaa ta’ee jira. Haata’u malee gabaasaaleen tokko tokko akka mul’isanitti, gorsaa muummicha ministeeraa fi dubbii himaa mana maree birmadummaa biyyattii dabalatee, hoggantoonni fi Ministiroonni hedduun to’annoo jala ooluutu gabaafame. Haaluma kanaan:

1.Hogganaan Ministeera Miidiyaalee Mr. Haashiim Hasaba’lrasuul

  1. Hogganaa Ministeera Indaastirii Ibraahiim Alsheek
  2. Hogganaa Ministeera Beeksiisaa Umzaa Baluul

4.Itti gaafatamaan Ministiroota Dhimma Kaabinee  Kaalid Yuusuf

5.Miseensi hoggansa Mana Maree Birmadummaa  Muhaammad Alfakii

6.Dura taa’aan Paartii Kongirasii Suudaan Umar Adagbar

7.Kantiibaa magaalaa Khaartum Ayiman Niimiir dabalateen hoggantoonni hedduun to’annoo jala ooluun beekamee jira.

 

Gabaasa boodarra baheen ammoo qondaalli waraana biyyattii eenyummaan isaa hin ibsamin sa’aa muraasa booda, ummataaf ibsa kennuuf qophaayaa jiraatuu CGTN gabaase.

 

5 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button