Bosona hidda muka tokkoo qofa qabu beektuu?

Muka Aspeen

Addunyaa tanarra sanyiin mukaa heddutu jira. Odaa, Qilxuu, Birbirsa, Gaattiraa, baargamoofi mukkeen heddutu dachii tanarra jira.  Akkuma hedduun keenya beeynu mukni qaamman gurguddoo 4 qaba. Isaanis: Hidda, Jirma, Dameefi Baala. Mukni nuti ijaan arginu hundi qaama Afran kana ni qaba jechuudha. Gama Ardii Ameerikaa fi Eeshiyaa yoo imallu ammoo muka ajaa’ibaa tokko argina. Sanyiin muka kanaatis Aspeen jedhamuun beekama. Mukni Aspeen kun yoo fageenyarraa laalan bosona tuuchaa fakkaata. Garuu wanti nama ajaa’ibu, mukkeen baayyatanii halaalarraa mullatan kunniin, mukkeen gara garaa kan kophaa kophaa biqilan osoo hin taane, hundi isaanii hidda tokkorraa biqilan. Hiddi guddaan tokko lafa jala jira. Hidda lafa jalatti awwaalame kanarraa jirmi heddummaatee ol biqila. Jirma kanarratti dameewwan hedduufi baalli heddummaatee biqila. Fageenyarraa yoo laalan mukkeen heddu fakkaatus. Inni garuu mukuma tokko qofa. Sanyiin muka Kanaa kan Ameerikaa kibbaa keeysatti argamu Peendoo jedhama. Akka saayintistoonni himanitti, hiddi Peendoo jedhamu kun wagga 70,000 gahee jira. Ulfaatinni isaatis toonii 6600 ykn kg 5,987,419 ulfaata.  Walumaa galatti bal’inni lafa inni uwwiseetis Hektaara 43 ni caala. Hubadhaa; mukkeen lafa hektaara 43 irratti biqilanii bosona tuuchaa tahan kunniin, muka adda addaa osoo hin taane muka tokko qofa jechuudha.

Tilmaama Baay’ina Baakteeriyaa fi Vaayrasii

Hundi keenya baakteeriyaa ni beeyna. Garuu baakteeriyaan ijaan hin mul’atu. Uumamaalee lubbuu qaban kan dachii tanarratti uumaman keeysaa kan baay’ina heddu qabaachuun kan beekamu keeysaa  inni tokko baakteeriyaadha. Fakkeenyaaf Biyyee Fal’aana tokko hin caalle keeysa, Baakteeriyaan 10,000 jiraachuu danda’a. Baakteeriyaa dachii tanarra jiru laakkofsaan himuun hin danda’amu. Akka qorannoon saayinsii mul’isutti, baakteeriyaan garaa saawaan dachii tanarra jiranii  hunda keeysa jiru, walirratti 3,000,000,000,000,000,000,000,000 tilmaamama. Lakkoofsi kun Seeptiiliyoona 3 jedhama.

Baakteeriyaa

Uumaan Rabbii keenyaa yoom lakkofsaan bira gahama. Cirrachi dachii tanarra jiru osoo lakkaawanii meeqa taha laata?

Wanti biraa ammoo Vaayrasiidha. Baayoomaasni Vaayrasii gurmuuwwan akkaan heddu tahan keeysaa isa tokko. Bakki isaan hin jirre hin jiru. Dachii tanarra Vaayrasii hagamtu jira? Baay’ina isaa hagana jedhanii himuun hin danda’amu. Garuu Vaayrasiiwwan bishaan keeysa jiran tilmaamuu ni dandeenya.

Vaayrasii

Qurxummiin Blue whale jedhamu kan miiliyana 75 tahutu vaayrasii of keeysaa qaba. Vaayrasiiwwan uumama kana keeysa jiran hunda baasnee osoo diriirsnee, diyaameetira (bal’ina) Gaalaksii Milkiweey jedhamu dacha 100 oliin caalu. Baay’ina vaayirasiiwwan kanaa yoo haala Kanaan ibsine malee, laakkofsaan himuun hin danda’amu

Mee baay’ina sanyiiwwan dachii tanarra jiranii isinii haa himnu.

  • Dachii tanarra gosa uumamaa miiliyoona 1.7tu jira jedhu saayintistoonni. Kunis bineensota, biqiltoota, ilbiisota, algee fi wantoota birootis walitti qabata. Kana jechuun uumamni jiru kana qofa jechuu miti. Saayintistoonni haga ammaatis uumamaalee haarawa heddu argachutti jiru.
  • Baay’ina lakkofsaatiin wanti ilbiisotatti qixxaahu hin jiru. Uumama Rabbi uumee dachii tana ittiin guute keeysaa ilbiisonni sadarkaa duraa irratti argamu. Sanyiin Ilbiisotaa miiliyana tokkoo ol akka dachii tanarra jiru beekkamee jira. Kana jechuun uumama dachii kanarra jiru keeysaa walakkaa ol kan tahu ilbiisota jechuudha. Miiliyoona 1 jechuun baay’ina ilbiisotaatii miti. Baay’ina sanyii isaaniiti malee. Fakkeenyaaf ilbiisota keeysaa bookeen sanyii 1. Beekeenis kophaa isiitti sanyii 3000 ol qabdi. Sanyiin kumni sadeen kunis miseensota miiliyoonotaan lakkaawaman if jalaa qabu jechuudha.
  • Dachii tanarratti baay’ina lakkofsaatiin gad aanaan hoosiftoota. Akka qorannoon ibsuti Haga ammaatti sanyii hoosiftootaa 5,513 qofatu saayintistootaan bira gahame. Sanyiiwwan Allaattii 10,425, Sanyii Reeptaayoloota 10,038, Sanyii Amfiibiyaanota 7,302 fi Sanyiileequrxummii hooftootaa 32,900 tu jira
  • Ilbiisotaafi raammolee miiliyana tokko, sanyii daarabaaftuu ykn Aaroo fi qaajjibbuu 102,248tu dachii tanarratti argama. Walumaa galatti, raammolee, ilbiisota fi wantootni xixiqqoon dachii tanarra jiran sanyii miiliyoona 1.3 tahu.
  • Sanyiin Biqiltootaa 307,674, akkasumas algee fi sanyiin biroo 51,623tu dachii tanarra jira. Walumaa galatti Sanyii bineensotaa fi biqiltoota yeroo walitti idaanu, Sanyii lubbu qabeeyyii miiliyoona 1.7 tahutu dachii teenyaa tana uwwisee argama. Kun garuu, wantoota akka baakteeriyaa fi vaayrasii osoo of keeysatti hin hammatu.

 

Comments
Loading...