Biyyoota Gammachuu Ajaa’ibaa keessa jiraatan.

Gammachuun maaliin ibsama? Haaluma ilma namaatiin gammachuun garaagarummaa qaba. Namni tokko tokko jireenyi magaalaa isa gammachiisa. Gariin ammoo baadiyaa jiraatuu filata. Kuun mallaqa yoo argate waan gammadu seha. Inni mallaqa dhabe ammoo jireenya gaddaa waan jiraatu itti fakkaata. Walumaa galatti akkaataan gammachuun itti ibsamu garaagarummaa qaba. Dhaabbata mootummoota gamtoomanitti gareen hawaasummaa tokko qorannoo wagga waggaan geggeessee akka ibsetti, bara 2019 keessatti gammachuun namaa xiqqaachaa jira jedhe. Guddinni addunyaa dabalaa deemus, gammachuun namootaa garuu xiqqaachaa jira. Quba qabduu teenya arraa keessattis waa’ee biyyoota gammachuu qabanii muraasa isinii dhiheessina.
- Austria (OOSTRIYAA)
Austrian biyyoota Awrooppaa keessatti argaman keessaa isii takka. Qorannoo bara 2019 geggeefameenis ummanni isii gammachuu qabaachuudhaan sadarkaa 10ffaa irratti argama. Magaalaan guddoon Austria, Viyeenaan magaalaa jireenyaaf mijjooftuu tahuunis filatamtee jirti. Mootummaan gargaarsa hawaasummaa fi deeggarsa lammiileef kennu haalaan dabaleera. Ummanni biyyattiitis bilisummaa gaarii qaba. Haga nama biraa hin miidhinitti mirgi nama kamiituu hin sarbamu. Mootummaan haala kanaan ummata isaa kunuunsuun isaa gammachuu biyya saniitiif gummaacha guddaa akka godhe qorannoon kun ni addeessa.
- Kaanaadaa
Biyyoota Awrooppaan ala jiran keessaa gammachuu qabaachuun sadarkaa haga kudhanii keessa seenuu tan dandeesse takka kaanaadaadha. Kaanaadaan bara 2019 sadarkaa 7ffaarra turtus, bara 2020 gara sadarkaa 9ffaatti gad buuteerti. Tahus biyyoota gammachuu qaban 10 keessaa isii takka. Biyya lafa haalaan guddaa qabduu fi lammiilee muraasaa qabdu tahuu isiitiin ummanni isii iddo jireenyaa gahaa argachuun isaanii sababa gammachuuti jedha qorannoon.
- Niiw Ziilaand
Awrooppaan alatti kan argamtu Niw Ziilaand sadarkaa 8ffaa irratti argamti. Haalli qilleensaa mijjaahaanii fi diinagdeen tasgabbaayaan biyyattiin qabdu ummata isiitiif gammachuu guddaa kennee jira. Roorroofi cunqursaan, hidhaafii dararaan lammiilee nagayaa biyya san waan hin jireeef, ummanni biyyattii nagayaan bobbahee gala. Rakkoo takkaan maletti bakka fedhe oolee bula.
- Iswiidin
Bara 2019 9ffaarra kan turte Iswiidiin Kaanaadaa fonqolchuun sadarkaa 7ffaa qabatteerti. Mootummaan lammiilee isaatiif karaa hawaasummaatiin deeggarsa ol aanaa godhuun isaa gammachuu hawaasa biyyattii dabalee jira. Akkasumas tajaajilli wal’aansa fayyaa gahaan jiraachuunii fi lammiileen biyya sanii umrii dheeraa jiraachuu dandayuun isaanii mi’aa jireenyaa akka dhandhaman isaan taasiseera.
- Iswiizarlaand
Biyyoota addunyaarra jiran keessaa Iswiizarlaand tan addaati. Biyya walabaa ykn neutral jedhamuun beekamti. Biyyi takkalleen biyya tana weeraruu ykn tuquu hin dandeessu. kun seera addunyaati. kanaaf ummanni biyyattii sodaa waraanaa hin qabu. Dabalataanis tajaajilli hawaasummaa gahaa fi guddinni diinagdee ummata isii haalaan gammachiisuurratti argama.
- Nezerlaand
Ammas Awrooppaa keessa jira. Nezerlaandis biyyoota gammachuu qaban keessaa isii takka. Lammiileen isii haalaan wal jaalatu. Walirratti hinaafuun biyya san hin jiru. Hawaasni biyyattii Waan qabu qooddatee waliin jiraata. Diinagdeen isaaniitis sadarkaa amansiisaarra jira. Ummanni biyyatttii Lammiilee isaanii qofaaf osoo hin taane, kan alaa dhufeefis arjaadha. Fayyaa fi bilisummaan lammiileen qaban gammachuu akka qabaatan isaan taasiseera.
- Island (AAYISLAAND)
Biyyi eddoola xiqqoorratti argamtu tunis Awrooppaa keessatti argamti. Lammiileen biyyattii gibira xiqqaa kafalu. Tajaajilli wal aansaa guutumaan guututti bilaasha ykn kafaltii hin qabu. Biyyi tun baruumsarrattis jabduudha. Walumaa galatti hawaasni waan mootummaarraa barbaadu bilaash argata. Teessumni lafa isaaniitis boohara qalbii isaanii taheera.
- Norwey
Norweey bara baraan sadarkaan isii gad bu’aa jira. Bara 2017tti tokkoffaa turte. Bara 2019 ammoo sadarkaa lammaffaa qabatte. Bara 2020 gara sadaffaa gad buute. Tahus biyyoota gammachuu qaban keessaa sadarkaa sadaffaarratti argamti. Biyyi tun malaammaltummaarraa bilisa tahuun isii fi tajaajila hawaasummaa cufa bifa wal qixa taheen lammiilee isiitiif qooduun isii, lammiilee isii gammachiiseera. Biyyoota teessuma lafaa bareedaa qaban keessaallee Norweey ta duraati.
- Denmark
Denmaarkis Awrooppaa keessatti argamti. Haalli jireenya ummataa tasgabbaayaadha. Tajaajilli fayyaa gahaatu isaanii kennama. Garaagarummaan qabeenyaa jidduu lammiilee jirus walitti dhihaataadha. Dureessi irraa boodaa ykn hiyyeessi irraa boodaa hin jiru. Hunduu waluma fakkaata. Walitti hin hinaafan. Kanatu nu gammachiise jedhan lammiileen biyyattii.
- Finlaand
Fiinlaand biyyoota gammachuu qaban keessaa sadarkaa duraa qabatteerti. Ummata miiliyana 5.5 kan qabdu Fiinlaand, lammiilee isiitiif bilisummaa ajaa’ibaa kenniti. Haalli teessuma isiitis qilleensa mijjaawaa akka qabaattu isii taasise.
Waraanni, hiyyummaaniifi hir’inni tajaajila wal’aansaa ammoo biyyoota heddu gaddaa fi gadadoo keessa galchee jira. Bara 2019tti biyyoota gammachuu hin qabne jedhamuun sadarkaa 1 hanga 10 kan qabatan, Suudaan Kibbaa, Afriikaa Jiddu galeessaa, Afghaanistaan, taanzaaniyaa, Ruwaandaa, Yaman, maalaawii, Suuriyaa, Botswaanaa fi Heyitiidha. 2022 ammoo nutiis itti dabalamuu hin oollu.
Qophii: Abuu Ibtisaam