header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Qaama ilma namaa keessaa isa kamtu haalaan ulfaata?

Gaafii kana nama hedduuf osoo dhiheessinee, gariin garaacha gariin ammoo sammuu jechuu danda’a. Qaama ilma namaa hoggaa jennu, qaama kophaa kophatti laakkawamu jechuudha. Qaamni akkanaa afaan ingiliffaatiin Organs je’ama.  Fakkeenyaaf lafeen qaama ilma namaa tahus, garuu Organs keeysatti hin ramadamu. Lafeen qaama tokkoo miti. Qaama keenya keeysa lafee heddutu jira. Tiruu, Onnee, kaleefii qaamonni biroo kan organs je’amanii beekaman ammoo, qaama bakka tokko ykn bakka 2 qofa jiraniidha. Qaamota ilma namaa kan Organs je’amuun beekamu keessaa ulfaatina guddaa qabaachuun sadarkaa duraa irratti kan argamu, gogaa keenya ta’uu quba qabduu?

Hedduun namaa gogaan haalaan haphii waan ta’eef, inumaayyuu qaamota keenya keessaa ulfaatina xiqqaa qaba je’ee yaaduu dandaha. Haa ta’u malee gogaan keenya qaama nuti qabnu keessaa isa guddaadha. Qaama organs keeysatti ramadamu keeysaa wanti ulfaatinaan gogatti dhihaatu hin jiru jechuudha.

Gogaa ilma namaa

Furdinaa fi haphinni gogaa keenyaa garaagarummaa qaba. Fakkeenyaaf gogaan naannawa ija keenyaatti argamu gogaa akkaan haphii yoo ta’u, furdina isaa waraqaa waa irratti barreessinuun wal fakkeessuu ni dandeenya. Gogaan faana miila keenyaa jalatti argamu ammoo haalaan furdaadha. Walumaa galatti ulfaatina qama keenyaa keeysaa dhibbentaan 16 ulfaatina gogaati. Avreejiidhaan ulfaatinni gogaa qaama ilma namaa haga kilograama 10.8 ni ta’a

Gogatti aanuudhaan ulfaatinnaan sadarkaa lammaffaarratti kan argamu mari’imaani. Mar’imaan gosa lama yoo ta’u, mar’imaan furdaan Kilograama 2, qallaan ammoo kilograama 1.5 ulfaata. Itti aansuun ammoo sombatu ulfaatina qaba. Akkuma beekkamu sombis lamatu jira. Lamaan isaanii walirratti haga kilograama 2.1 ulfaatu.

Tiruun keenya Kilograama 1.5 ulfaatti. Dalagaan tiruu soorata bifa dhiigaatiin kuusuun gara seeliiwwan qaama keessa jiranii daddabarsuudha. Tirutti aanee ammoo sammuutu ulfaatina qaba. Sammuun keenya haga kilograama 1.2 ulfaata. Akkuma hundi keenya  beeynu sammuun keenya adeemsa qaama keenya hunda too’achuun dalagaa isaati. Seeliiwwan biiliyoona 100 ol akkasumas narviiwwan triiliyoonaan laakkawamantu sammuu keessa jira. Seeliiwwanii fi narviiwwan kunniinis qaama keenya hunda waliin wal qunnamuudhaan dalagaa isaanirraa barbaadamu dalagu.

Qaama ilma namaa keeysaa tan halkanii guyyaa dalagaan itti baayyatuufi tan boqonnaa hin qabne onneedha. Onnee teenya giraama 315 qofa ulfaatti. onneen hangana xiqqaattu tun dhiiga qaama keessa facaasuun dhaabbannee akka deemnu nu taasisti. Ulfaatinni isii garuu kilograama walakkaa gadi. Dubbiin guddinaafi xiqqeenyaa miti.  Wanti kanarraa hafe dhiiga, fooniifi lafeedha. Ulfaatinni qaama ilma namaa irra caalaan isa kana. Garuu kunniin qaama organ je’amu keessatti hin ramadaman.

2 Comments

  1. barnootaa gaarrii itii nuuf daballaa khan khanan waal fakkattuu galatoomii onnee koo iraa kan dhumumiii gaalannii keessaan

Back to top button