header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuSaayinsiif Teknoolojii
Trending

Siimkaardiin Telefoonaa Hafuuf Deema

Technology: e-sim

Guddinni teknoolojii guyyarraa guyyatti fooyya’aa deemutti jira. Warshaaleen meeshaa elektirooniksii oomishan hundi waan 5 irratti haalaan xiyyeeffatan. Tokkoffaan guddina meeshaa haalaan xiqqeessuu, 2ffaan ulfaatina isaa xiqqeessuu, 3ffaan Diizaayina isaa bareechisuu, 4ffaan humna xiqqaan akka socho’u gochuu (Power Consumption), 5ffaan qulqullina isaa fooyyessuu ykn haalaan jabaa akka tahu (durability) irratti xiyyeeffatanii hojjachutti jiran. Kanaaf ammoo Siimkaardiin telefoonaa fakkeenya guddaadha. Amma dura siimkaardiin telefoonaa haalaan guddaa ture. Itti aansuun Micro Sim Card oomishanii magaalaaf dhiheessan. Isa booda Nano Sim Card’tu dhufe.

Nano Sim Card hundarra xiqqaadha. Telefoona hammayyaa qofatu simcard kana fudhata. Yeroo ammaa kana ammoo Siimkaardii guutumatti dhiisutti jiran. Apple iPhone 14 USA keessatti gurguramutti jiru hundi, bakka Siimkaardii itti galchan hin qabu. E-Sim qofaan hojjata. E-sim jechuun Electronics Sim Card jechuudha. Yoo E-sim bituuf dhaabbata telekominikeeshiinaa dhayxan, waraqaa qofa isiniif kennan. Waraqaan kun Barcode ofirraa qaba. Kaameraa telefoona keessanii bantanii barcode kana scan gootan. Achi booda telefoonni e-Sim kana of keessatti galmeessa. Netwokriin dhaabbata sanii telefoona keessan irratti hojjachuu eegala jechuudha.

Kun gama hedduun faaydaa guddaa qaba. Warshaaleen telefoona oomishan bakka silaa simcard itti godhan san meeshaa biraa galchuun humna telefoonaa fooyyessuu danda’u. namni telefoona akkanaa bitatus e-sim heddu telefoona isaa keessatti galmeessee, yeroo barbaadetti kan fayyadamuu barbaadu qofa banee kaawwan ofirraa cufa. fakkeenyaaf namni tokko iPhone 14 Ameerikaa irraa bitatee yoo gara Itiyoophiyaa dhufe, Finfinnee keessatti e-Sim kana baafatee telefoona isaa irratti galmeessa. E-sim kana telefoona keessa galchuuf lilmeen isa hin barbaachisu. Kaameraa isaa banee scan godhuu qofa. Setting keessa seenee Tajaajila USA ofirraa cufee kan itiyoophiyaa itti banata. Yoo gama biyya biroo imales haaluma wal fakkaatuun simcard haaraya itti galmeessa. Haala Kanaan siimkaardii gosa heddu telefoona keessatti galmeessee, sa’aa barbaadetti kan barbaade banee fayyadama jechuudha.

9to5Mac

Tajaajilli E-Sim yeroo duraatiif bara 2017 Apple watch series 3 irratti hojii irra oole. Dhaabbileen gurguddoon akka Samsung fi kanneen birootis teknoolojii kana telefoona haaraya oomishan irratti galchaa jiran. Kanaafuu amma booda telefoona bakka simcard itti galchan hin qabne yoo argitan hin ajaa’ibsiifatinaa.

 

 

2 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button