Uumama Rabbii keessaa muraasa haa xiinxallinuu!

Sattawwaa

Bineensota uumama ajaa’ibaa qaban keessaa inni tokko sattawwaadha. Waahee dheerina sattawwaa amma duras qabxii muraasa isiniif dhiheessinee jirra. Sattawwaan uumama morma dheeraa qabu keessaa isa tokko. Mormi sattawwaa meetira 1.8 dheerata. Akkasumas kilograama 270 ol  ulfaata. Kuntaala sadihitti dhihaata jechuudha. Garuu mormi dheeraa fi ulfaataan kun lafee torba qofa of keessaa qaba. Kunis lafee morma ilma namaa keessa jiruun wal qixa. Morma ilma namaa keessallee lafee torba qafatu jira. Haa ta’u malee dheerinni morma ilma namaa seentimeetira 10 haga 12ti.

Sattawwaa

Umriin sattawwaa bifa barrina gogaa isaa irra jiruutiin shallaggama. Barrini gogaa isaa  irra jiru haalaan gurraacha yoo ta’e sattawwaan sun dulloomee jira jechuudha.

Arrabni sattawwaa gurraacha. Hoosiftoota keessaallee arraba gurraacha kan qabu uumama kana. Arrabni isaa kun akkuma dheerinna qaama isaa akkaan dheeraadha. Arrabni isaa waan akkaan dheeraa taheef, ol caafamee gurra seenuu ni danda’a.  Kanaafuu sattawwaan gurra ofii qulqulleeffachuu yoo barbaade arrabuma isaa kanatti fayyadama jechuudha.

Ilmoon sattawwaa gaafa garaa keessatti biqilchitee dhalatti. Bineensonni biroo eega dhalataniin booda kan biqilchan yoo ta’u, kan sattawwaa garuu adda. Kunis uumama addaa isa godha.

Bofa

Uumama akkaan sodaataman kessaa inni tokko bofa. Bofni Wagga waggaan lubbuu nama 10,000 olii galaafata.

Bofa

Bofni bineensa uumamni isaa hedduun fallaa ta’an keessaa isa tokko. Arrabni isaa dhandhamuuf osoo hin taane, fuunfachuudhaaf tajaajila. Kanaaf yeroo heddu arraba isaa alatti baasaa ol deebisa. Gurri isaa ammoo mataa isaa keessa jira malee, akka uumamaalee biroo qaawwa gurraa ka alarraa mul’atu hin qabu. Ykn ammoo mataa isaatiin dhagaha jechuudha. Gama birootiin bofni hin limsatu. Qola ijaatis hin qabu. Yeroo hundaa ijji isaa banaadha jechu.

Sanyiin bofaa tokko tokko soorata malee yeroo dheeraaf turuu ni danda’an. Yeroo dheeraa jechuun guyyaa ykn torbaan heddu jechuu isinitti hin fakkaatin. Sanyiin bofaa gariin waggaa lamaaf osoo soorata hin sooratin jiraatuu danda’a.

Arba

Bineensota qaama gurguddaa qaban keessaa inni tokko Arba. Waa’ee uumama kanaatis qabxiiwwan muraasa kan ajaa’iba ta’an isinii haa himnu. Arbi uumama guddaadha. Haa ta’u malee ilbiisa akkaan xiqqaa ta’e sodaata. Innis  kanniisa. Hoomaan kanniisaa tokko Arba guddicha ajjeesuu ni danda’a.

Arba

Arbi yeroo dheeraaf hin rafu. Guyyaa tokko keessatti  sa’aa lamaa haga sadihii qofa rafa. Saa’aa hafte keessatti, olii gad deemee soorata isaaf ta’u barbaaddata.

Hedduun keenya bishaan foolii hin qabu jennee yaanna. Wanti kun garuu Arbaaf hin dalagu. Arbi bishaan kilomeetira 20 irratti argamu fuunfatee, bakka kana bishaan jiru adda baafatuu danda’a.

Rimayni arbaatis kan bineensota biroo irra adda. Rimayni Arabaa waggaa lamaaf tura.

Roophii

Bineensota bishaanii fi lafarra jiraatan keessaa inni tokko roophiidha. Roophiin boca barmeelii fakkaatu qaba. Qaamni isaa akkaan guddaa yoo ta’u, harkaa fi miilli isaa ammoo gar malee gaggabaaboodha. Mataa fi qoffeen isaatis guddaadha.

Roophii

Roophiin Yeroo heddu lafarra kan jiraatu tahus,  ilmoo isaa garuu bishaan keessatti dhala. Roophiin yeroo heddu maaliif bishaan keessa akka turu quba qabduu?  Bineensi kun xannacha dafqaa hin qabu. Ykn ammoo qaama isaa keessa wanti dafqa maddisiisuu danda’u hin jiru. Sababa kanaaf yeroo qaamni isaa oowwu bishaan keessa seenee qabbaneeffata. Yeroo bishaan keessa seenu kana daqiiqaa 5f osoo qilleensa hin harganin turuu danda’a.

Roophiin guyyaa tokko keessatti, Marga kiiloograama 70 ulfaatu dheeda.

Raacha

Raacha hirribirra jiru takkaa argitanii beeytuu? Raajji wayta rafu hin dunuunfatu.  Kanaafuu raacha ija bane taa’u hundi na laalutti jira jettanii hin yaadinaa.  Tarii raacha hirribarra jiru taha.

Raacha

Garuu waa’ee ija raachaa kanarratti wanti ajaa’ibaa tokkos ni jira. raachi yeroo hunda yoo waa liqimsu dunuunfachuu qaba. Dunuunfatu malee liqimsuu hin danada’u. Gama birootiin raachi kallattii hundaan waa arga. Waan isa marse hundaa ni arga. Kana jechuun, Raachi digrii 360 arguu dandaha jechuudha. Kanaafuu raacha dhokatanii qabuuf yaaluun rakkisaadha jechu.

Ajaa’ibni biroo ammoo, Raachi bishaan hin dhugu. Duuba akkamitti jiraata hin jettanii ree? Bishaan isa barbaachisu hunda gogaa keessaan gara qaamaa dabarfata.

Raachi wacu raacha dhiiraati. Kunis dhalaa ofitti harkisuudhaafi

Shaarkiin bineensota bishaan keessa jiraatan keessa isa akkaan sodaatamuudha. Wantoota qaama isaa irraa nama sodaachisan keessaa inni tokko ilkaan isaati. Ilkaan isaa tokko cabnaan ammoo kan biraatu biqilaaf.

Shaarkiin sagaleewwan akkaan xiqqoo ta’an dhagahuu ni danda’a. Sagaleewwan danbalii ilmi namaa dhagahuu hin dandeenyee gad jirus ni dhagaha.

Bineensota biroo

Armaadiiloon yeroo tokkoon ilmoolee afur dhaluu dandaha.  Garuu afranuu saala tokko qofaan dhalatu. Takkii afranuu dhala, ykn afranuu korma.

Armaadiiloo

Lukkuun yeroo dheeraaf barrisuu hin dandeettu. Akkaataan uumama koola lukkuu akka barrisuu hin dandeenye isii taasisee jira. Haa ta’u malee yeroo gabaabaafis ta’u qilleensarra turuu ni dandekorma. Haga ammaatti lukkuun yeroo dheeraaf barrisuudhaan galmoofte, qilleensa gubbaa sakandii 13 qofaaf turte.

Lukkuu

 

Adurreen yeroo heddu hirribaan dabarsiti. Hundi keenya akkuma beeynu yeroo heddu adurreen ni rafti. Walumaa galatti umrii qabdu keessaa parsantii 66 kan ta’u hirriba irratti fixxi. Dabalataan adurreen yeroo rifattuufi waan tokko koruu barbaaddu ni utaalti. Haala kanaan adurreen takka waan dheerinna isii dachaa torbaan caalu irraan utaaluu ni dandeessi.

 

Adurree

Allaattiiwwan of duuba barrisuu hin danda’an. Humming birds garuu of duuba barrisuu ni dandeeysi. Dandeeytii if booda barrisuu Kana, allaattiiwwan keessaa Humming birds qofatu badhaafame.

 

Hummingbird
Comments
Loading...