header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-Barruu

Arapaima

Arapaiman gosa qurxummii yoo ta’u, Pirarucu ykn qurxummii diimaa jedhamuunis ni waamama. Arapaimaan qurxummiiwwan bishaan qulqulluu (freshwater) keessa jiraatan keessaa isa irra guddaati. Akkasumas qurxummii kormaan ilmoolee isaa kunuunsee guddisuudha. Akkaataan sirna hargansuu isaa akkuma ilmoo irraa gara ga’eessummaatti guddatuun jijjiirama. Dabalataanis arrabni gosa qurxummii kanaa arraba uumamaalee biroo hedduu irraa kan addaati.

Arapaiman sanyiiwwan garagaraa afur qaba. Arapaima gigas inni jedhamu isa hedduminaan beekkamuufi, laga guddicha dachii tanaa kan Amazon jedhamu keessatti argamuudha. Arapaima mapae inni jedhamu ammoo haga meetira 2 dheerata. Arapaima leptosome kan jedhamu sanyiiwwan Arapaima keessaa isa irra qal’aadha. Inni xumuraa kan Arapaima Agassizii jedhamu kan laga Amazon keessatti argamuu kanneen hafan irraa ilkaan lakkoofsaan xiqqaa kan qabuudha.

Arapaiman qurxummii akkaan dheeraa fi ulfaatina guddaa qabu. Avreejiidhaan qurxummiin kun haga meetira 3 kan dheeratu yoo ta’u, qurxummiileen gosa kanaa hanga meetira 4.7 dheeratanis argamniiru. Qurxummiin kun hanga kilograama 220 ulfaata. Bifti isaa kan naannawa mataa gara magariisaa kan dhihaatuudha. Qaamni itti aanee jiru ammoo gara gurraachaatti daba. Jidduu irraa ammoo bifti isaa kan gurraachaa sun xiqqoo isii ni ifa (lighter). Eegeen isaa bifa diimaan kan uwwifameedha. Maqaa Pirarucu (qurxummii diimaa) jedhus kanumarraa argate.

Gogaan uumama kanaa haalaan jabaataadha. Kunis diinota isaa kanneen akka Piranihaa irraa akka of eegu isa gargaara. Gogaan isaa (scale inni jedhamu) akka cinaachaatti kan kabame yoo tahu, tokkoon isaa seentimeetira jaha dheerata. Qaama qal’aa, dheeraa gara geengotti dhihaatu qaba. Qaamni isaa gara fuulduraatiin qal’aa, gama duubaatiin ammoo bal’aadha. Kun ammoo bishaan suuta yaa’u keessa rakkoo malee akka socho’u isa gargaara. Qaamni isaa kan dorsal fin jedhamu, kan gama duubaatti argamu dheeraadha. Kunis bishaan daakuu irratti akkaan isa gargaara. Qaamni addaa uumamni kun ittiin beekkamu arraba isaati. Arrabi isaatiin warra Bony tongue jedhamu keessatti  ramadama.  Uumamaaleen kunniin warra Arraba isaaniirraa ilkaan qabaniidha. Arraba isaa kanatti fayyadamuun, soorata argate laagaa isaatti maxxansaa bulleessa.

Arapaimaan uumama dachii Ameerikaa Kibbaati. Laga guddicha dachii kanaa kan Amazon jedhamu keessa hedduminaan argama. Hedduminaan biyyoota akka Biraazil, Peeruu, fi Guyana keessati argama. uumamni kun bishaan suuta yaa’u filata. Bishaan suuta yaa’u yeroo heddu marga kan heddummaatuu fi oksijiinii gahaa kan hin qabneedha. Ta’us uumamni kun hedduus isa hin yaachisu. Qaamni isaa qal’aa waan ta’eef, hurufa margaa jidduu hulluuqaa bahuuf hin rakkatu. Uumamni kun warri gurguddaan qaama qilleensa oksijiinii ittiin hargananiin qabu. Warri xixiqqaan Giilii fayyadamu. Warri gurguddaan bishaan jala seenuun daqiiqaa 20f eega turaniin booda ol bahaa qilleensa fudhataa deebi’u. kanaaf jecha hedduus bishaan jala hin lixan. Gubbaa bishaaniitti dhihaatanii risqii barbaaddatu.

Arapaiman qurxummii soorata gosa lachuu sooratuudha. Qurxummiilee bishaan qulqulluu keessatti argatu hedduu isaanii ni soorata. Arraba isaa ilkaan qabutti fayyadamee waan qabate laagaa isaatti ol maxxansee bulleessuun liqimsa. Dabalataanis firiiwwan bishaan keessatti kufanis ni soorata. Gogaan uumama kanaa jabaataa waan ta’eef diina heddus hin qabu. Warri ciniinuuf dhaqus gogaa jabaataa dadhabee deeb’a. ilmooleen garuu qurxummiilee hedduun adamsamanii nyaatamu. Diinni uumama kanaa inni guddaan ilma namaati. Ilmi namaa qurxummii kana soorataaf jecha heddumminaan adamsa. Kun ammoo lakkoofsi uumama kanaa aakka xiqqaatu godhuurratti argama.

Arapaiman haala qilleensaaarratti hundaa’uudhaan wal hormaataaf wal qunnamtii godha. Roobni hanqaaquu isaaniitiif gaarii miti. Lolaan hamaan jiraatuu waan danda’uuf dhiqee jalaa balleessa. Kanaafuu yeroo roobni hin jirretti, bishaan keessatti gara qarqaraatti dhihaatuudhaan dhoqqee qotanii bakka hanqaaquun itti hanqaaqamu qopheessu. Boolli qotamu kun dagaletti seentimeetira 50 kan bal’atu yoo ta’u, gara gadii ammoo seentimeetira 20 dhooqata. Boolla kana keessatti dhaltuun hanqaaquuu hanga 50,000 buusti. San booda kunuunsee ilmoolee keessaa baasuun dalagaa kormaati. Eega hanqaaquu keessaa bahaniin booda ilmoolee haga danda’een afaan keessatti qabatee kunuunsa. Akka gara isaa dhufanii afaan keessa seenaniifis keemikaala addaa maddisiisee dhangalaasa. Ilmooleenis keemikaala kanaaf jecha abbatti dhihaatanii jiraatu. Dhaltuun ammoo naannoma san irra maruudhaan diina irraa eegdi. Ilmooleen gaafa dhalatan giilii fayyadamuun harganu. Adaduma guddataa deemaniin dandeettiin isaanii giiliin harganuudhaa xiqqaataa deemee dhaabbata. Hayyama Rabbiitiin Arapaiman haga waggaa 20 jiraatuu danda’a.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button