Shimbirri Halkanii Mataan Lafatti Gombifamtee Ilmoo Dhalti
Shimbirri halkanii yeroo heddu mukarratti rarraatee qubatti malee, muka gubbaa hin dhaabbattu. Miilli isii haalaan jabaa waan taheef, miila isiitiin damee mukaa qabattee qaamaan gadi rarraati. Kana jechuun, akkuma boorsaa mismaararratti fannifameeti jedhaa yaadaa. Boorsaan mismaararratti fannifame qaamni guddaan gadi rarra’a. qaamni xiqqaan ammoo mismaara irra jira. Shimbirri halkaniitis akkasi. Miilaan muka qabattee qaamaan gadi rarraati. Wayta raftus akkasumatti rafti. Wayta ilmoo dhaltus akkasumatti dhalti. Ilmoon isii akka jalaa hin kufne ammoo, goblaa ykn koola isiitiin eeydee qabdi.
Bilaachi garaa hin qabu
Billaachi garaa hin qabu. Billaachi jireenya garagaraa jiraataa. Jalqaba haadhoon killee buufti. Killee keeysaa ammoo larva (Buuqqatatu) baha. Billaachi hedduun isaa yeroo sadarkaa buuqqataa irra jiru kana umrii dheeraa jiraata. Yeroo sadarkaa larva irra jiru kanatti hojiin isaa soorachuu qofa. Boqonnaa takka malee haga humna isaatiin waan argate hunda sooratee prootiina barbaachisu hunda walitti qabata. Achi booda gama Puuppaa jijjiiramee baala ykn jirma tokkorratti rarra’ee hafa. Guyyoota muraasa booda billaachi puuppaa kana cabsee keeysaa baha. Billaachi puuppaa keeysaa bahe kun yeroma gabaabduu qofa jiraata. Yeroo kanatti dalagaan isaa guddaan wal qunnamtii wal hormaataa raawwachuudha. Anniisaan qaama isaatiif barbaachisu hundi sadarkaa laarvaa irratti walitti qabamee jira. amma wanti isarra barbaadamu ilillii keeysaa dhangala’aa mi’aawaa xuuxuu qofa. Wayta dhangala’aa ilillii xuuxu kana, sanyiin ilillii saniitis akka itti fufu godha. innis dhangala’aa saniin qaama if jiisa. Achi booda yoo billaacha dhaltuu argate walqunnamtii hormaataa raawwatee du’a. Kanaafuu billaachi yeroo sadarkaa billaachaa irra jiru garaa waa itti sooratu hin qabu jechuudha.
Killeen ykn hanqaaquun diina jalaa baqattu jiraachuu quba qabduu?
Sanyiin raachaa red eyed tree frog jedhamu tokko, hanqaaquu isaa baala mukaa irratti buusee biraa deema. Achi booda itti hin deebi’u. bofni xixiqqaafi bineensonni xixiqqoon killee raacha kanaa haalaan barbaadu. Yeroo diinni itti dhufee killee tana soorachuuf tuqu, ilmooleen killee keessa jiran hundi killee ofirraa dhoosanii baqatu.
Arrabni adurree mi’aawu hin dhandhamu. Nyaata sukkara qabu osoo jalatti naqanii dhiisanillee dantaa isiitii mti. Arrabni iisii waan mi’aawu dhandhamuu hin danda’u.
Lukkuufi Allaattiiwwan heddu rakkoo takka malee barbaree fi Qaccee soorachuu ni dandahu. Qacheen (Qaaryaan) ilma namaa arraba belbelchu, lukkuudhaaf mi’aawaadha. Afaan isaanii gubaa barbareefi qaccee haala salphaan dandamachuu dandaha.
Qophii: Abuu Ibtisaam