header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Harree Bosonaa Beeytuu? Tafakkur-Kiang

Uumamni kun sanyii harreeti. Sanyii harree keessaallee harreediidoo Eeshiyaa jedhamuudhaan beekkama. Qubsumni uumama kanaatis biyyoota gaara Himaaliyaatiin daangeeffaman, kanneen akka Paakistaan, Indiyaa, Chaayina fi neeppaal keessa. HarreenDiidoo Kiang jedhamuun beekkamu kun lafa ol ka’iinsi isaa meetira 3960 – 7000 ta’u irra jiraata. Bakka kana ammoo ilmi nama jiraatuun itti ulfaata. Sababa kanaaf qorattoonni waa’ee uumama kanaa heddus argachuu hin dandeenye.

Kiang uumama guddaadha. Dheerinni isaa meetira 2.1 ta’a. kormaafi dhaltuun guddinaa qaamaatiinis ta’e ulfaatinaan wal caalu. Akkuma uumama hedduu Dhiirri guddinaa fi dheerinnaanis dhaltuu ni caala. Ulfaatinni xiqqaan uumama kanaa kg 250 yoo ta’u, inni irra guddaan ammoo kg 449 ulfaata. Eegeen uumama kanaatis Iinchii 20 dheerata. Halluun gogaa fi rifeensaa bifa lama qaba. Duydaa fi garri gama gubbaa magaala yoo ta’u, garaa isaa dabalatee miilaa fi morma isaa jalaa bifa adii qaba. Rifeensi mataa isaa irraa kaasee haga ceekuu jiru ammoo gara gurraachaa dhihaata. Halluu fi furdinni rifeensaa akkasumas baay’inni rifeensa isaa haala waqtii irratti hundaahee garaagarummaa qaba. Yeroo haalli qilleensaa oowwu rifeensii fi gogaan isaa ni haphata. halluun rifeensa isaa irra jirus ni addaata. Yeroo qabbanaatti ammoo gogaan isaa furdatee rifeensi isaatis heddumaata. halluun isaatis gara daalachaa fi gurraachaatti jijjiirama. Mataan isaa guddaa yoo ta’u, kan fardaatiin walitti dhihaata. Qoffeen isaa ammoo halluu gurraacha qaba.

Ilkaanii fi hidhiin kiang haala qilleensaa waliin akka wal simu godhamee uumame. Haalli qilleensaa hedduminaan diilallaawaadha. Akkasumas biqiltoonni naannawa qubsuma isaatti biqilanis ni jajjabaatu. Sababa kanaaf Rabbiin guddaan hidhii jabaa fi ilkaan haalaan qaraa ta’e isa badhaase. Akkuma harree fi harre diidoo asitti beeynuu kana, uumamni kunis margaa fi baala garagaraa soorata. Wanti inni sanyiiwwan harree biroo irraa adda tahuun, bishaan xiqqeessee dhuguu isaati. Haalli qilleensa gaara Himaaliyaa hedduminaan qabbanaawaa waan ta’eef bishaan hin argamu. Hammi jirus cabbitti jijjiirama. Sababa kanaaf harreen kun bishaan heddus hin dhugu. bishaanii isa barbaachisu biqiltootuma dheedu keessaa argata. Yeroo qilleensi oowwus yoo taate gaarren irra bishaan waan hin argamneef, hanqina bishaanii yeroo san isa mudatu dandamatee dabarsuu ni danda’a.

Haalli jireenya Kiang saalaa fi Umrii irratti hundaa’ee garaagarummaa qaba. Dhaltuuwwan ilmoolee wajjiin  garee guddaa miseensa 100 ol qabu  keessa jiraatu. Kormaawwan umriin dargaggeessa ta’an ammoo miseensa muraasa ta’uudhaan qubsuma isaanii tolfatanii jiraatu. Haa ta’u malee warri dullooman jireenya kophaa jiraatu. Gareen hundi qubsuma mataa isaa tolfatee jiraata. Qubsuma walii keessa seenuun lolaa hamaa keessa isaan seensisa. Harreen biraa qubsuma isaanii keessa yoo seene, miilaan dhiitaa ykn ammoo ilkaaniin ciniinaa qubsuma isaanii keessaa baasu. Diina heddus hin qaban. Ilmi namaatis gaara hagas fagaatu irra bahee isaan hin adamsu. Sababa kanaf diinni Kiang hamaan Yeeyyii daalacha. (grey Wolf). Yeeyyiinis Kiangota dulloomanii kophaa jiraatan qofa adamsee soorata.

Miseensonni qubsuma tokko keessa jiran adawwii alaa itti dhufu gamtaan ta’anii ofirraa dhoorku. Yoo yeeyyiin tokko dhufu marsanii jiddutti eega galfatanii booda, gariin miilaan dhiitaa gariin ammoo ilkaaniin ciniinaa adabbii laalessaa itti mul’isu. Sababa kanaaf Yeeyyiin yeroo heddu warra gamtoomee jiraatu irraa goree, isa dulloomee kophaa jiraatu qofa adamsa.

Yeroo wal qunnamtii wal hormaataa garuu warri dur diina walirraa dhoorkaa ture amma walitti diinoma. Miseensonni qubsuma tokko keessa jiran eega yeroo dheeraaf wal lolanii booda, inni moohate dhaltuu hormaataaf qophoofte waliin wal qunnamtii raawwata. Rimayni isiitis waggaa tokkoof tura. Yeroo takkaanis ilmoo tokko qofa dhalti. Ilmoon kunis akkuma dhalateen lafaa ka’ee burraaquu jalqaba. Haga gaafa marga dheeduu jalqabutti Muchuma haadhaa hodha. Dhaltuun takka waggaa lama keessatti yeroo tokko qofa ilmoo dhalti.

 

Qophii: Abuu Ibtisaam

Back to top button