Sagantaa Raadiyoo NuuralHudaa 343ffaa Dhageeyfadhaa.
Qophiileen Sagantaa Kana Keeysatti isinii dhiheeysinu,
- Gabaasa Odeeyfannoo
- Jaarmaya Bultii Islaamaa
- Gaachana Islaamaa
- Barnoota Aqiidaa Qulqulluu
Gabaasa Odeeyfannoo
Qophii: Abbaas Ibnal Islaam
- Aanaa Nansaboo keessatti balaa sigiga lafaatiin lubbuun namoota 22 dabruu,
- Hoogganaa paartii Ginboot 7 obbo Andargaachawu Tsiggee dabalatee namoonni 500 ol hidhaa irraa lakkifamuu,
- Dargaggoonni Magaalaa Awwadaay irraa qabamanii mana hidhaa Dirree Dhawaatti hidhaman ammas mana murtii deddeebifamaa jiraachuu,
- Balaa Konkolaataa Godina Booranaa aanaa Dirreetti muudateen lubbuun namoota 4 galaafatamuu,
- Paarlaamaan Denmark seera Niqaaba uffachuu dhoorku raggaasisuu.
Bal’ina Odeeyfannoo Sagantaa guutuu irraa dhageeyfadhaa.
Jaarmaya Bultii Islaamaa
Qophii: Sheikh Muhammad Waadoo
Waan Jaartii tee wajjii hojjattu namarraa dhoysi. ilmaan tee duratti waan daangaa dabre hin godhin.
Gaachana Islaamaa
Islaamummaan Furmaata Namummaatii?
Gama Afaan Oromoo kan hiike : Abu Ibtisaam
Sagalee kan dubbise: Muhammad Siraajii fii Gaazexeessitoota biroo
Barumsa bareedaa Hayyuu Islaamaa Dr Zaakir Naayikiin dhihaatu. kutaa 8ffaa
Barnoota Aqiidaa Qulqulluu
Qophii: Ustaaz Huseen Soraa Booranaa
- Abdallaah Al-Hararii Akkamitti firqaa Ahbaash Hundeesse?
- Kaayyoon firqaa Ahbaash maali?
- Firqaan Ahbaash Yeroo duraatiif biyya kamitti hundeeffamte?
- Akkamitti hordoftoota argachuu dandahe?
Sagantaa Guutuu dhageeyfadhaa waliifis dabarsaa
Sagalee Qulqullina Qabu HD Download Download Liink Xiqqaa Mobile Biyyaatiif Youtube