header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Blue Jay

Allaattiin kun maqaa Blue jay jedhu sagalee isaatii fi bifa baallii isaarraa argate. Baallii isaa keessaa baalliin bifa cuquliisaa ykn blue ta’e muraasni ni jira. Gama biraatiin wayta iyyu sagalee “jay jay” jedhu fakkaatu baasa. Kanarraa ka’uudhaan Blue jay jedhamee waamame. Blue jay sanyiiwwan gargaaraa hedduu of jalaa qaba. Allaattiin kun bareedaa fi kan namoota hedduun jaalatamuudha. Sagaleen isaatis yeroo hedduu kan akkaan nama hawatu. Haa ta’u malee yeroo garii sagalee nama jeequs ni qaba. Yeroo boqonnaa isaaniitti simbirroowwan kunniin walitti dhufuudhaan weeddisu. Kitaabbolee fi sheekkoowwan durii hedduun Awurooppaa fi Ameerikaa keessatti allaattii kanarratti xiyyeeffachuun barreeffamaniiru. Gariin bareedina isaa, gariin abshaalummaa isaa, gariin ammoo sagalee isaa bareedaarratti xiyyeeffachuudhaan kalaqa sammuu isaanii lafa kaayan. Walumaa galatti kennaa addaa fi garagaraa Rabbi isaa kennerratti hundaa’ee waa’een allaattii kanaa hedduu dubbatameera.

Sanyiilee isaa gara garaa irratti hundaa’ee allaattiin kun seentimeetira 22 hanga 30 dheerata. Blue Jay ulfaatinni isaatis avreejiidhaan giraama 70 hanga kilograama tokkoo ta’a. Mataa isaa gubbaa baallii akka guuttiyyee jiruu fi kan bifti isaa cuquliisa ta’e qaba. Cuquliisni kun gara qoffee fi kokkeetti ammoo daalachaawaa fi addaataa deema. Naannawa mataa isaatirraa kaasee hanga laphee isaatti ammoo cuquliisa gara gurraachaa dabu qaba. Bifti naannawa morma isaarratti argamu kun waan allaattiin kun faaya mormaa uffate isa fakkeessa. Eegee fi koola isaarraa bifa adii fi gurraacha kan rog-afree fakkaatuu qaba.

Blue Jay allaattii hoomaadhaan jiraatuudha. Diinaa fi ollaa daangaa cabsee seenuu barbaadu humnaan ofirraa ittisa. Gama biraatiin allaattiin kun allaattii wocu ykn noisy jedhaman keessaa isa tokko. Sagalee gargaaraa hedduu fi fageenyatti dhagahamuu danda’u qaba. Sagaleewwan kanneen yeroo barbaachisaa ta’etti dhimma garagaraatiif itti fayyadama.

Blue Jay Allaattii Ardii Ameerikaa Kaabaati. Hedduminaanis bahaa fi jiddu galeessa Ameerikaa kaabaa keessatti argama. Yeroo qilleensi hammaatu ammoo gara Kaaba bahaa ardii kanaatti godaana. Walumaa galatti Blue Jay bosona Ameerikaa fi Kaanaadaa keessatti argama. Hedduminaan muka qarqara bishaaniitti dhihaatee argamu irra qubatuu filata. Dabalataan Allaattiin kun magaalota keessatti maneen ilma namaa fi gamoowwan dhedheeroo gubbaas ni jiraata.

Blue Jay warra omnivorous ykn soorata gosa lamaanuu sooratan keessatti ramadama. Hedduminaan Loozii fi sanyiiwwan midhaanii garagaraa soorata. Dabalataan Awwaannisa, korophiisa, beetle fi buuqqataa soorata.

Blue jay diina hedduu qaba. Culullee, risaa fi simbirri halkanii warra adda dureedhan allaattii kana adamsan keessatti ramadamu. Harraageessi, sanyiiwwan adurree garagaraa, squirrel, raaccon fi sanyiiwwan allaattii kanneen biroo ammoo, goojjoo allaattii kanaa diiguudhaan hanqaaquu fi ilmoolee reef killee keessaa bahan sooratu. Ilmi namaatis hamma murtaawaa ta’een allaattii kana miidhutti jira. Ijaarsa garagaraa kan jireenya allaattii kanaatiif hamaa ta’an ijaaruudhaan miidhaa irraan gahaa jira. Baakteeriyaa fi dhibeewwan gargaraatis lakkoofsa allaattii kanaa hiri’isuu keessatti gahee mataa isaanii qabu. Ta’us lakkoofsi allaattii kanaa haala amansiisaarratti argama. Yeroo amma kana allaattiin kun miiliyeena 13 akka caalu tilmaamama.

blue jay couple

Kormaa fi dhaltuun Blue jay akka jaarsaa fi jaartiitti umrii guutuu waliin jiraatu. Kan filatu dhaltuudha. Kormaan filatamuudhaaf waan danda’u hunda dhiheessee moohatuu danda’uu qaba. Filannoon raawwatamee walqunnamtii wal hormaataa eega godhanii booda lameenuu wal gargaaruudhaan goojjoo ijaaru. Wal qunnamtii wal hormaataan booda torbaan lama eegdee dhaltuun hanqaaquu hanga shanii hanqaaqxi. San booda dhaltuun hanqaaquu kanniin irra teettee hammatti. Gaafa hammachuu jalqabderraa kaasee biraa hin sochootu. Soorata barbaadee fidee sooruun dalagaa abbaa warraati. Torbaan lamaaf eega hammatteen booda ilmoolee keessaa yaafti. Kanatti aansuudhaanis ji’oota lamaaf ilmooleen osoo goojjoo keessaa hin bahin achumatti haadhaa fi abbaan kunuunfamu. Diinaa fi haala qilleensaarratti hundaa’ee, hayyama Rabbiitiin allaattiin kun waggaa 7 hanga 27 jiraachuu danda’a.

 

Back to top button