header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Gaachana IslaamaaOg-Barruu

Rabbi Maaliif Dhufee Rakkoo Dachii Tanaa Hin Furre?

Gaachana Islaamaa

Gaafataa: Hayee! Akkam oolte Dr Zaakir Naayik. akkasumas hundi keessanuu? Maqaan kiyya Shurinil Paatlii jedhama. Biyya kanatti Reestoraantii maatii qabna. Gaafiin kiyya, akkuma Nuti hundinuu beeknutti, Rabbiin tokkichaa fi Ol aanaadha. Inni…Dhiifama…Isa ykn Isii je’ee Rabbiif Saala kennuu hin barbaadu. Yoo Rabbiin akkaan humna qaba jenne, Maaliif ofii isaatii gad bu’ee, hamtuu/cubbuu addunyaa tanarra jirtu hunda hin qulqulleessine. Maaliif lafa tana qulqulleeysee bakka jireenyaaf haalaan mijooytuu nuuf taasisuu dhabe. Maaliif yeroo dheertuu tana hunda itti fudhate. Akkuma nuti hundi beeknutti Jannataa fi Azabniniis ni jira. Namoonni waan gaarii hojjatan jannata seenan, warri hamtuu dalagan ammoo Azaaba seenan. Inni nu qormaatutti jira. Rabbiin nu qormaatuudhaf maaliif yeroon dheeraan kun, waggaan 6000 maaf isa barbaachise.

Dr Zakir: Obboleessi keenya gaafii gaarii gaafate. Rabbiin ol aane humna guddoo jabduu waan qabuuf, Maaliif humna isaatitti fayyadamee, gara dachii dhufee ilaalchota dogongoraa/wal dhabdee tanneen cufaahuu hin furre. Maaliif nu qormatuudhaaf Waggaan 6000 ol isa barbaachise? Je’ee gaafate, Gaafii bareedduudha.

Qur’aanni akkana jedha, “Rabbiin osoo barbaadee, nama dachiirra jiru hundaahuu Muslima godhuu danda’a” jedha. Qur’aanni waan kana bakka heddutti dubbatee jira. Kana jechuun, yoo fedhe, namni hundinuu akka Rabbii ol’aanetti amanan godhuu dandaha jechuudha. Garuu Qur’aanni suuraa 67ffaa Suratul Mulk, aayata 2rratti akkana jedha;

“(Rabbiin) isa du’aa fii jireenya uume, isinirraa eenyu akka toltuu dalagu laaluuf/isin qoruuf …” Ja’a.

Wanti ati amma jechutti jirtu kun maal seete; “nuti mana baruumsaa dhaynee barachuutti jirraa, Waggaa 10 booda qormaata biyyooleeysaa, SSE board, CBSE, IGCSE waan qoramnuuf, maaliif barsiisoonni amma nu qormaatan? Maalif nama hundaahuu qoruumsa hin dabarsine?” Akka nama je’uuti fakkaata. Yoo barsiisaan nama hundaahuu dabarse, namoonni hundinuu koolleejjii fayyaatti galmaawanii, san booda namuu Doktora taha. kana booda bakka silaa nama fayyisuu qaban nama ajjeesuu eegalan jechuudha. Qoruumsi fayyaa maalif barbaachise ykn, Maalif barsiisonni keenya kan fayyaa nu kuffisan jechuu dandeeysa. Wanti nu kuffisaniif, dhukkubsataa wal’anuuf dandeeytii ni qabna moo hin qabnu waan je’u adda baafachuudhaafi. Haaluma wal fakkaatuun Rabbiin ol’aane ilma namaa uumeeti, san booda ilma namaatiif filmaata bilisaa kenne. Uumamaaleen biroo kan dachii tanarra jiran hundinuu filmaata bilisaa hin qaban. Ilma namaatii fii Jinnii qofaatu filmaata bilisaa qaba. Malaaykaaniis filmaata bilisaa hin qaban. Waanuma Rabbiin isaan ajaje qofa dhibbaa dhibbatti jala deemuudha. Garuu Ilmi namaa, Maleeykotarra uumama filatamaadha/uumama Malaaykaarra caalu. Eega Rabbiin olaane. filmaata bilisaa nuuf kenne booda, yoo ajaja Rabbii guunnee kan itti dalagnu taate, dalagaa saniin Nuti Malaaykotarra ni caalla. Yoo ajaja isaa kan hin guunne taate ammoo, nuti Malaaykootaa gad taana jechuudha. Tanaafuu Rabbiin ol’aane amma filmaata bilisaa nuuf kennee jira.

 

Ammaas osoo nuti gara dachii addunyaa tana hin dhufin dura Rabbiin ol aane “eenyuutu ilma namaa tahuu barbaada” je’ee nu gaafatee jira. Yoo yeroo san ilma namaa tahuu hin barbaadinii uumama ilma namaatiin ala jiru tahuu filatte hogguus qoruumsa san dabartee jirta. Yoo feete gaara tahu filatta, isaanis Muslima, feetu muka taata isaaniis Muslima, feetu bineensota/beeyladoota taata isaaniis Muslima, feetu malaaykoota taata isaaniis Muslima. Muslima jechuun fedhinnaa ifii cufa Rabbii ol aaneef kennuudha. Bineensootaa fi beeyladoonni cufti Muslima. Urjiileen cufti Islaamaa, Biqiltoonni hundi Islaama, Malaaykoonni hundiniis muslima. Ilmi namaa ammoo uumama addaati. Uumama Rabbii kheeysaa irra gaarii/dansaa uumamaati. Tanaafuu Rabbiitu “eenyutu ilma namaa tahuu fedha” je’ee gaafate. Nuti ilmi namaa gowwaa waan taaneef ilma namaa tahuu barbaanna jennee nama tahuu kana filanne. Kana jechuun silaa akkas jechuu baanne hogguus dabarree jirra. Yoo ilma namaa taate tarii hundaa ol caaluu malta. Nu hundinuu akka waa hunda caalluutu nutti dhagayame, Eegas booda dubbiin jajjaba tahuu hubanne malee. Nuti amma filmaata bilisaa kennamnee jirra. Tanaaf hanga ammaatti qormaatumarra jirra.  Yoo Rabbiin ol aane nama hundaahuu ka dabarsu taate, Rabbiin ol aane (SW) haqa hin dalagne jechuu dandahan. Yoo Rabbiin ol aane nama hundaahuu jannata naqe; gaafa guyyaa qiyaamaa Rabbii kiyya dura dhaabbadhee, an nama gaarii akkanaati, an nama hin saamne/hatne, an nama dhugaa ture. Garuu namni sun nama saamee jira, gudeedee jira, inninuu kunoo jannata na wajjiin jira je’ee Rabbii ol aaneen mormuu dandaha. Maalif namicha kana jannata nayxa jechuunii dandaha.

Tanaaf Rabbiin ol aane Qur’aana kheeysatti, suuraa 4ffaa Suuratun-Nisaa’a, aayata 40rratti akkana je’a: “Dhugumatti Rabbiin hanga firii raafuu/hanga atamii takkallee nama hin miidhu” je’a. Tanaaf Rabbiin ol aane waan akkaan tola nuuf oolee garaa nuuf laafuuf, carraa nuuf kennee nuuf araarama. Garuu akkasuma xumuurri isaatis haqa jechuudha. Waan kanarratti hundaa’uudhaan qormaatarra jirra. tanaaf jiruun amma jiraachutti jirru tun guyyaa boruutiif qormaata jechuudha. Uumama Rabbii ol aanee keeysaa nuti uumama addaati. Akeekni uumama kanaatiis akkuma Rabbiin Qur’aana keeysatti Suuraa 51ffaa Suuratuz-Zaariyaat, aayata 56rratti dubbatetti, “wamaa Khalaqtul Jinna wal Insa Illaa liya’buduun…Rabbiin ol aane jinnii fi ilma namaa wanti uumeef akka isa gabbaraniif” ja’e. Isa gabbaruu jechuun waan inni itti ajaje dalaguudha, yoo waan inni itti si ajaje dalayde qormaata kana dabartee jirta. yoo hin taane ammoo akkuma Qur’aanni je’e sani. Rabbiin osoo fedhee ilma namaa hundaahuu Muslima godhuu dandaha. kun isaaf waan laafaadha. Garuu nuti uumama hundarra caalu, uumama addaa waan taaneef, eega filmaanni bilisaa nuuf kannamee kana booda yoo isaaf kan ajajamnu taate, uumama biraa hundarraahuu caallee jirra jechuudha. Gaafii tee siif deebise je’eetiin abdadha.

Qophii: Abuu Ibtisaam

Comment

Back to top button