Xaaliyaan keessatti baqattoota Itoophiyaa fi Eertiraa irratti reebichi raawwatame.

Reebichi kun poolisoota Xaaliyaaniin kan raawwatame yoo tahu, namoonni heddu miidhamuun beekkameera. Poolisoonni gara gamoo baqattoonni keessa jiraatanii dhaquun akeekkachiisa tokko malee gamoo kana kessaa humnaan erga baasanii booda, bishaan humna guddaa qabu itti facaasuun miidhaa irratti kan gessisan tahuu ibsameera.
Namoota tarkaanfii kana mormuun afoo dhaabbataa turanis poolisoonni kan rukutan yoo tahu, tarkaanfii isaan fudhatan kanaan baqattoonni 15 ol miidhamanii hospitaala senuu isaanii VOA’n gabaaseera.
Gareen mirga namoomaatiif falmu “Human Right Watch”ibsa baaseen, Poolisoonni kunniin namoota isaaniin morman irratti tarkaanfii humnaa olii fudhatan jechuun yakke. Ibsi “human right watch”dabalataanis Mootummaan Xaaliyaan poolisoota gocha gar jabeenyaa raawwatan kanniin, seera jala oolchuun akka qoratuu fi baqattoota mana jireenyaa hin qabneefis akka kennuuf gaafate.
Itti gaafatamaan poolisii magaalaa Room gama isaatiin sababni haal duree tokko malee tarkaanfiin kun baqattoota kana irratti hatattamaan fudhatameef, akeekkachiisni ibiddi ni ka’a jedhu waan nudhaqabeef jechuun dubbatuu isaa gabaasni VOA irraa argame ni mul’isa.