header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Daara baaftuu (Aaroo)

Uumamni kun Daarabaaftuu ykn Sarariitii jedhama. Nannoo tokko tokkotti Jirbi footuu, Aara’oo ykn Aaroos ni jedhama. Namoonni tokko tokko immoo birbirooftuus jedhan. Garuu irra hedduun namaa daarabaaftuu fi sarariitii maqaa jedhuun yaama. Kanaafuu barreeffama kana keessattis, Daarabaaftuu fii sarariitii wal keessa makaa fayyadamna. Namoonnmai maqaa kana hin beeynes, asumaan baradhaa. Daarabaaftuu ykn sarariitii jechuun, isa ingiliffaan Spider ykn ammo afaan arabaatiin Ankabuut kan jedhamu san jechuudha.

Uumama Rabbii dachii tanarra jiran keessaa Daara baaftuun (Sarariitiin) uumama ajaa’ibaa keessaa tokko. Raammoon kun namoota jidduttis garagarummaan ilaalchaa akka jiraatu godhee jira. Fakkeenyaaf namoonni hedduun daarabaaftuu ilbiisa (insect) keessatti ramadama jedhanii amanu. Kuni garu dogoggora. Saayintistoonni uumama kana garee Arachnids keessatti ramadan. Ilbiisotaa fi arachnids jidduu garaagarummaa heddutu jira. Ilbiisonni miila 6 kan qaban yoo ta’u, arachnids garuu miila 8 qaba. Ilbiisonni koolaa fi anteenaa qaban. Arachnids garuu wantoota kanniin hin badhaafamne. Kanaaf jecha daarabaaftuu garee ilbiisaan adda ta’e keessatti ramadan.

Daara baaftuun raammoolee ilma namaa irra miidhaa guddaa geessuu danda’an keessatti ramadamus, yeroo tokko tokkos ilma namaatiif faayidaalee heddu kenna. Mana keenya keessa raammole ijaan arguu dandeenyuu fi kanneen ijaan arguu hin dandeenye heddutu jira, daarabaaftuun ammoo raammoolee kanniin ajjeesee nyaatuudhaan mana keenya qulqulleessa. Gama biraatiinis naannoo daarabaaftuun jiru awwaanisaa fi korophiisni hin dhaqu. Kanaaf maasaa keenya keessaa daara baaftuu yoo qabaannee ilbiisota miidhaan nu jalaa balleessuu danda’aniif waardiyyaa qopheeffannee jirra jechuudha.

Dachii tanarraa bakki daarabaaftuun hin jirre ardii Antaarktikaa qofa. Kan kanarraa hafe bakka raammoo fi ilbiisonni jiran hunda keessa jiraata.  Sarariitiin gariin bishaan keessa kan galan yoo ta’u, gariin ammoo gaarreen akka Everasti irras ni jiraatu. Manni qulqullina hin qabnes isaaniif mijaawaa dha. Eddo mukni jiru ammoo, bakki isaan dhabaman hin jiru. Sanyiin uumama kanaa kan haga ammaa qorannoon bira gahame kuma 30 yoo ta’u, saayinstistooonni qorannoo isaaniirratti hundaa’anii sanyiin kun haga kuma 100 ga’uu akka danda’u tilmaamanii jiru. Sanyiin xiqqaan tayfii gadii kan jiru yoo ta’u, gurguddaan ammoo haga seentimeetra 25 dheerata. Kana jechuun , ganaa namaa caala guddata jechuudha. Akkaatuma sanyii isaaniirratti hundaa’eeti umriin isaaniitiis garaagarummaa qaba. Gariin ji’oota sadi qofaaf kan jiraatan yoo ta’u, haga waggaa 20 turuu kan danda’us ni jira.

Daarabaaftuun (Sarariitiin) boca qaamaa fi bifa adda addaa qaba. Gariin isaa furdaadha, gariin qal’aa, akkasumas, geengoo, diriiraa fi akka wiixaa kan dheeratus ni jira. Gariin isaanii miilli isaanii qaama isaanii kan caalu yoo ta’u, gariiin ammoo qaama isaanitu miila isaanii caala. Kanneen bareedina qabanii fi ilma namaa hawatuu danda’an kan jiran yoo ta’u, gariin isaanii ammoo kan akkaan fokkatanii fi nama sodaachisanis numa argamu. Kanaaf qorattoonni uumama akkaan xaxamaa ta’e jedhanii moggaasan.

Daarabaaftuun qaama keessaa lafee takkallee hin qabu. Bakka san gogaa jabaataa qaama isaatiif mijaawu badhaafamee jira. Qaamni isaa bakka lamatti qoodama. Inni duraa Seefaalotoraks (Cephalothorax) kan jedhamu yoo ta’u, kunis mataa, miilaa fi laphee of irratt qabata. Kan lammataa ammoo garaa isaati. Qaamni kunniin lamaan mudhi pedicel jedhamuun walqunnama. Daara baaftuun gurra hin qabu. kanaaf jecha rifeensa qal’aa luka isaarratti uumameef fayyadameeti sagalee jiru adda baafata. Ijji uumama kanaas ija akkaan wal xaxaa ta’e keessaa tokko. Hedduun isaanii ija saddeet qabu. Darbee darbee kanniin 2, 4 fi 6 qabanis numa jiru. Ijji isaa kunis sarara lamaan gad diriirfamee jira. Haala Kanaan gama tokkoon 4 gama kaaniin ammoo 4 qaba jechuudha. Daara baaftuun qaroo ajaa’ibaa qaban muraasni kan jiran ta’us, hedduun isaanii garuu waa ilaalanii adda baafatuu irratti rakkoo guddaa qaban. Sarariitiin waa adamsuun nyaatu qaroo ajaa’ibaa kan qabu yoo ta’u, kanniin mana ykn ammoo haada isaanii irratti hirkatanii jiraatan garuu qaroon isaanii dadhabaadha. Gama biraatin ammoo bakka ijaa malee daara baaftuu ija hin qabnetu jira. Isaan kunniin egaa akkuma Rabbiin isaaniif uumeen miira dhageetti ajaa’ibaa rifeensa miila isaanii irratti argamuun fayyadamanii naannoo isaanii too’atu

Sarariitiin afaan qabaatus afaan saniin garuu hin alanfatu. Yeroo heddu raammoo qabate sanitti summii erga naqeen booda raammoo san xuuxee dhangala’aa isaa qofa garatti dabarfata. Wayta soorata kana ajjeesu afaan isaa osoo hin taane, waan anteenaa fakkaatu kan afaaniin olitti argamu kan chelicerae jedhamu fayyadama. Summiinis qaamuma kana keessa kan jiru yoo ta’u, erga ajjeeseen booda afaaniin xuuxee gara garaa dabarfata.

Daara baaftuu uumama biraa irraa wanti adda godhu haada ykn ammoo mana isiiti. Rabbiin keenya (SW) raammoo hagas xiqqaatu keessaa haada meetra hedduu dheeratuu danda’u baase. Bakki haadni kun ittiin bahu Spinnerets jedhama. Bakki kun gama duuba garaa isaanii gara jalaatiin argama. Daara baaftuun hedduun isaanii spinnerets kana jaha qaban. Ujummoleen xixiqqoonis isuma irratti argamu. Yeroo daara baaftuun haada gad baastu, xannachi haadaa ammoo dhangala’aa haadni kun ittiin jabeeffamu garaa keessa gama ujummoolee kanaatiin gad baasa. Haala Kanaan daarabaaftuun mana laafaa garuu kan ilbiisota xixiqqoo hunda ufitti maxxansee qabatu uumuu danda’u.

Sirni Hargansuu Daarabaaftuu qaama lama qaba. Inni duraa Tracheae yoo tahu kan lammataa ammoo book lungs jedhama. Tracheae kan jedhamu gosa daarabaaftuu hunda keessatti argama jechuu dandeenya. Tracheae kun spinnerets ykn ammoo bakka haadni ittiin bahu jalatti kan argamu yoo ta’u, qilleensa argatu qajeela gara Tishoowwanii dabarsuudhaaf tajaajila. Book Lungs ammoo garaa daarabaaftuu keessatti argama. Book Lungs jechuun Somba kitaaba fakkaatu jechuu yoo ta’u, maqaa kanas kan argate Tishuuwwan haga 15 kan akka waraqaa walirra taa’e waan qabuufi. Tishuuleen kunniin ujummoolee dhiigaa heddu ofirraa kan qabu yoo ta’u, adaduma qilleensi gara somba kanaa seenuun gara ujummolee kanaa dabarsuun marsaa dhiigaatiif haala mijeessa.

Akkuma sila ibsinetti daara baaftuun ilkaan waan hin qabneef soorata argate hin alanfatu. Ujummoo afaan isaa irra jirutti fayyadamuudhaan soorata argate san xuuxee gara garaachaa dabarsa. Egasii booda mar’imaaniifi ujummoolee garagaraa fayyadamuudhaan gara qaama ofii daddabarsa. Wanti ajaa’ibaa biraan kan daarabaaftuun qabu qaama caeca (Sayika) kan jedhamu yoo ta’u, Sooranni garaacha keessaan darbeeti isa keessatti kuufama. Qaama caeca (Sayika) kana al takka yoo guute yeroo dheeraaf soorata malee turuu danda’a.

Daara baaftuun hedduun isaanii saffisa hin qaban. Soorata ammoo ilbiisotaa fi raammolee xixiqqoo irraa argatan. Ilbiisonni ammoo saffisa jabaa qabu. Kanaaf dirqamatti lubbuu ofii tursiifachuudhaaf jecha raammolee fi ilbisoota adamsanii nyaachuu qabu. saffisa waan hin qabneef ammoo fiiganii waa qabatuu hin danda’an. Kanaaf Rabbiin keenya mala biraa kenneef. Innis haada isaaniiti. Daarabaaftuun hedduun isaanii jireenya isaaniitiif haada isaanii kanarratti irkatanii jiran. Waan sooratanis haaduma Kanaan kiyyeessanii qaban. Haadni daarabaaftuu kun garaa isaanii keessaa waan Spinnerets jedhamuun akka hojjatamu armaan olitti ibsamee jira. Haadni kun garaa daarabaaftuu keessatti dhangala’aadha. Dhangala’aa kana ammoo xannacha haadaatitu oomisha. Gaafa dhangala’aan kun spinnerets keessaa gad bahu haada ta’ee nutti mul’ata.

Daarabaaftuun haada bifa garagaraa fi haala adda adda ta’een hojjata. Daarabaaftuun hedduun isaa haada Kanaan erga mana ijaaranii booda haga raammoon ykn ammoo ilbiisni biraan dhufee mana san irra qubatutti eega. Raammoon ykn ilbiisni tokko akka tasaa ta’ee mana san irra bu’ee jennaan mana sanitti maxxanee hafa. Wanti haadni daara baaftuu kun ittiin beekkamu keessaa inni ijoon qaama uumama biraatitti maxxanuu isaati. Daarabaaftuun ammoo dhangala’aa haada kana dandamatuu danda’u miila ofiirraa waan qabuuf itti hin maxxanu. Kanaaf raammoon al takka haada saniin wal tuqe, haada san irraa bu’uudhaaf carraan qabu xiqqaadha. 

Haadni daara baaftuu kun akka mana jireenyaatitti tajaajiluudhaan cinatti bakka tokko irraa gara bakka biraa ittiin sosocho’uudhaafis haada kanatti gargaaramu. Daara baaftuun gariin ammoo daara baaftuu biraa waliin ittiin haasawuuf (walqunnamuufis) ni gargaarama. Daara baaftuun tokko mana daara baaftuu biraa irraa bahuun isaa hin eeyyamamu. Kanaaf dhalaan takka walqunnamtii walhormaataatiif yeroo qophooftu gara fiixee mana isii dhaquudhaan mallattoo wahii keetti. Dhiirris yeroo dhufetti mallatto san ilaalee walqunnamtiif akka qophoofte waan beekuuf gara mana isii seena. Mallattoon sun yoo hin jirree garuu ofirra deebi’ee deema.

Haadni Daara baaftuu kun Prootiin irraa ijaarame. Kanaaf jecha daarabaaftuun muraasni haada isaanii kana deebisanii sooratu. Kanaanis pirootiina qaama isaaniitiif barbaachisu haaduma isaanii irraa argatu. Kun garuu daara baaftuu heddu biratti baramaa miti. Bocni mana isaaniitis daara baaftuu tokkorraa isa biraa biratti garaagarummaa qaba. Gosa daarabaaftuu keessaa haada kan hin qabnes ni jira. Fknf daarabaaftuun Tarantula jedhamu yeroo isaa hedduminaan lafarraa fi muka irra sosocho’uun dabarsa. Raammoo fi ilbiisa sooratuu barbaadus ari’ee qabee ajjeesa malee akka warra kaanii mana hin ijaaratu.

 

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button