Chamois (Shaamiyas)

Bineensi barruu tanaan ilaallu maatii bovidae jedhamu keessatti ramadama. Maatiin Bovidae kun uumama akka hoolaa fi re’ee of keessaa qaba. Maqaan isaa kan biraatis mountain goat (Re’ee gaaraa) jedhama. Bineensi kun awurooppaa keessatti argamuu isaattu adda isa godha malee, gadamsa biyya keenyaatiin walitti dhiheenya qaba. Biyyoonni uumamni kun keessatti argamus Romaaniyaa, Itaalii, Swizzerlaand, Austria, Tarkiii fii Newzeland fa’i. Sanyiileen Newzeland keessatti argaman kunniin achitti hin uumamne. Bara 1907tti mootiin Austria yeroo sanii, akka kennaatti Newzelandiif kenne. Yeroo san irraa kaasee wal horaa haga har’aatti jiraataa jiru. Uumamni kun Shaamiyaas jedhama.

Shaamiyas inni irra guddaan seentimeetira 75 kan dheeratu yoo ta’u, ulfaatinni isaatis kilograama 50tti dhihaata. Akkuma uumama maatii bovidae gaafa gaggabaabaa qaba. Kormaafi dhaltuunis gaafa gaggabaabaa kan qaban yoo ta’u, gaafni isaaniitis xiqqoo gama duubaa caafama. Awurooppaa keessatti argamuu isaatiin lafa qabbanaawaa dachii Awurooppaa san akka dandamatuuf jecha rifeensa furdaa fi tuucha’aa badhaafamee jira. Yeroo oowwaatti halluun rifeensa isaa ni magaalata. Yeroo qabbanaatti ammoo gara daalchaatti jijjiirama. Fuulli isaa ammoo gara adii kan dhihaatu yoo ta’u, ija isaa jalaa ammoo mallattoo gurraacha qaba. Morma isaa gama gubbaa irraa kaasee hanga eegee isaatti ammoo sarara gurraacha qaba.

Kormaa fi dhaltuun uumama kanaa garagarummaa tokko ni qabu. Innis warri kormaa umrii isaanii irra jireessa kopha kophaa jiraachuu isaaniiti. Yeroo wal qunnamtii wal hormaataa raawwatuu barbaadan qofa gara dhaltuu dhufan. Dhaltuuwwan garuu garee uumanii gamtaan waliin jiraatan. Kunis diina ilmoolee isaanii miidhuu danda’u, gareen ta’anii ofirraa ittisuudhaaf isaan gargaara.

Akkuma maatii bovidae bineensi kunis marga dheedaa jiraata. Dabalataanis baalaa fi dameewwaan garagraatis muka irraa ni soorata. Hedduminaanis soorata isaa yeroo guyyaa soorata. Halkan halkan gaafa jiini goobane qofa marga dheeda.

Bineensi kun saffisa jabaa qaba. Sa’aa tokko keessattis kilomeetira 50 deemuu danda’a. utaalcha irrattis akkaan jabaadha. Lafa irraa meetira 2 ol utaaluu danda’a. Fuulduratti ammoo haga meetira 6 utaala.
Rimayni uumama kanaa guyyoota 170 ykn ji’a shanii fi walakkaadhaaf tura. Haadhoon takka yeroo takkaan ilmoo tokko dhalti. yeroo garii warri lakkuu dhalus numa jira. Haadhoonis ilmoo isii kana qabattee garee biraa keessatti makamuun kunuunsiti. Ilmoonis haga gaafa of danda’ee marga deedhuu jalqabutti muchuma haadhaa hodhaa jiraata. Gaafa ji’a jaha guute of danda’ee kophaa jiraachuu ni danda’a. Garuu hedduminaan warri dhiiraa haga umriin isaanii waggaa tokko guututti haadha biraa hin soch’an. Ilmoon sun dhaltuu yoo taate achuma umrii ofii guutuu garee haati isii jirtu keessa turti. Warri dhiiraa garuu garee san gad dhiisanii deemuun dirqama itti ta’a.

Shaamiyas diina heddu bosona keessaa qaba. Yeeyyiin, jeedalaa fi goofadanni diina uumama kanaati. Ilmi namaatis diina biraati. Awurooppaa keessatti foon uumama kanaa akkuma foon re’eetti barbaadama. Kanaafis ilmi namaa adamsee sooratutti jira. Haa ta’u malee mootummoonni Awurooppaa bineensi kun akka hin adamsamne seera baasanii jiru. Shaamiyas waggaa 18 haga 22 jiraachuu danda’a.

 

Qophii Abu Ibtisam

Comments
Loading...