header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Dhaddee

Dhaddee-Bineensa xiqqaa Leencaa fi Qeerransa ofirraa faccisuu danda’u.Uumamni kun qaama isaa irraa meeshaa waraanaa kan qeerransa ajjeesuu danda’u qaba. Meeshaan inni baadhatee deemu kun, isa hin miidhu. Diina isaatif garuu summii hamaa of keessaa qaba. Uumamni kun dhaddee jedhama. Dhaddeen, qaama isaa guutuu irraa qoree akka ebootti isa tajaajilu qaba. dhaddeen hoosiftoota keessatti kan ramadamu yoo ta’u, bineensota guyya guyyaa rafuun halkan socho’an keessaa isa tokko. Dhaddeen tokko waggaa shanii haga torbaa jiraatuu danda’a. Dheerinni isaatis 60cm haga 90cm ta’a.

Saayintistoonni Uumama kana garee lamatti qoodan. Isaanis dhaddee addunyaa durii fi dhaddee Addunyaa haarawaati. Dhaddeen addunyaa durii Awurooppaa, Afriikaa fi Eeshiyaa keessatti kan argaman yoo ta’u, warri addunyaa haarawaa ammo Ameerikaa lamaan keessa jiraatu. Gareewwan lamaan kana jidduu garaagarummaa muraasatu jira. Isaan lachuu rifeensa laafaa kan qaban yoo ta’an, qaama irraa baallii akka qoree jirus ni qabu. Garaagarummaan isaan jidduu jiru dheerinna qoree isaanii kana. Kan warra addunyaa durii haga seenti metira 50 dheerata. Kan warra addunyaa haarawaa ammoo 20cm dheerata. Gama biraatin dhaddeen addunyaa durii baay’inaan lafarra kan jiraatu yoo ta’u, inni addunyyaa haarawaa garuu baay’inaan yeroo isaa dheeraa muka irratti dabarsa.

Yeroo diinni isatti dhufe baallii isaa kan qoree fakkaatu saniin diina ofirraa ittisa. Jalqaba, qaama isaa bokossuudhaan akka qoreen ol dhadhaabatu godha. Itti aansee ammo diina sodaachisuudhaaf qaama isaa hargufa. Yeroo kanatti qoreen kun waan wal dhahuuf sagalee sodaachisaa dhageeysisa. Diinni isatti dhufe kana sodaatee yoo deebi’uu dide, qaama isaa gara duubaa diinatti garagalchee ofirraa eeggata. Dhaddeen qoree kana qajeelatti hin darbu, garuu yeroo diinni sun dhufee qaama isaa tuquuf ta’u waraanaan. Qoreen sun takka qaama bineensotaa seennaan baasuun heddu rakkisaa dha. Qoreen kun albuuda keeraatin jedhamu kan rifeensaa fi qeensi ilma namaa irraa ijaarame irraa kan uumame waan ta’eef, bakka qoreen irraa harca’ee san qoreen biraa ni biqilaaf. Haala kanaan qaama xiqqaa fi humna xiqqaa qabaatee leenca, qeerransa fi uumama birootis ofirraa dhoorkuu danda’a.

Rabbiin keenna waan hunda akkuma ajaa’ibaatti uume. dhaddeen hoosiftoota keessatti ramadama. Kana jechuun ilmoma isa fakkaattu dhala jechuudha. Haati takka ilmoo qoree qabu kana akkamitti dhaluu dandeetti jennee of gaafachuun keenna hin oolamu. Rabbiin keenna waa hunda bareechiseetuma uume. Haati ilmoo dhaltu tun akka hin miidhamneef jecha, jalqaba yeroo ilmoon garaa buutu qoree laafaa qabattee akka buutu godhe. Erga lafa geetteen booda qoreen sun jabaataa deema.

Kitaabota dictionary irratti akkasumas namoonni tokko tokko waa’ee bineensa kanaa haala garagaraatin ibsan. Bineensa kun afaan Ingiliffaatin Porcupine jedhama. Isa kana gama afaan Oromootti yoo hiikan Xaddee ykn dhaddee jedhanii jiran. Gama biraatin affan Ingilffaatin bineensa Hedgehog jedhamutu jira, isa dictionary afaan oromoo fi kan amaaraa irrattis xaddee jedhamee hikamee jira. Haa ta’u malee bineensota kanniin lamaan jidduu garaagarummaa heddutu jira. Fakkeenyaaf Porcupine bineensa baala sooratu (herbivores) yoo ta’u, Hedgehog garuu waanuma hunda soorata(omnivores).

Hedgehog Avereejiidhaan haga 25cm dheerata. Akkuma dhaddeedhaa qaama ofii irraa qoree ni qaba. Qoreen isaa kun garuu akka dhaddee san haala salphaan qaama isaa irraa hin harca’u. qoreen dhaddee summii kan qabu yoo ta’u, kan hedgehog garuu summii hin qabu. Yeroo diinni isatti dhufu, qaama isaa bokossuudhaan qoree saniin of haguuga. Uumamni kun hoosiftoota keessatti ramadama. Akka dhaddee osoo hin taane, ilmi namaa uumama kana ufitti madaqsee guddisuu ni danda’a.

Dhaltuun hedgehog takka ilmoolee hanga afurii dhaluu dandeessi. Akka dhaddee osoo hin taane ilmooleen hedgehog gaafa dhalatan ijaan hin argan, akkasumas qoree ofirraa hin qaban. Erga garaa haadhaatii bahaniin booda qoreen sun biqiluu jalqaba. Gaafa guddatani umrii dargaggummaa seenan qoreen sun irraa harca’uu jalqaba. Bakka sanitti ammoo kan biraattu biqilaaf.

kanaafuu dictionary afaan Oromoo irratti Porcupine fii Hedgehog dhaddee jedhanii hiikuun dogongora. Isaan lameenuu wal fakkeenya qaban malee uumamni isaanii adda adda.

 

One Comment

Comment

Back to top button