header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Tana Quba Qabduu

Namni maaliif Haxxifata?

Haxxifachuun gama saayinsiitiin fayyaa ilma namaatiif faayda qabeessa ta’uun isaa ni himama. Akka Qorannoon saayinsii himutti, namni wayta haxxifatu jarmiiwwan adda addaa kan funyaan isaa keessa jiran keessaa darbamanii bahu.

Ilmi namaa akkuma bifaafi haalaa amalaan garaagarummaa qabu, Aadaafii Amantiinis garaagarumaa qaba. Hawaasni hundi waan naannoo isaatti argamuufi, mudannoowwan jiruufi jireenya keessatti isa mudatu hundaaf hiika adda addaa kenna. Fakkeenyaaf biyyuma teenya keessatti, namni yoo hirqinfate namatu maqaa si dhahe jedhaniin. Nama miilli hooysise imala deemuuf  jedhaniin. Akkasuma nama harki hooysises mallaqa argatta jedhaniin. Haxxifachuunis hiika adda addaa qabdi.

Qaroomina Griik, Masrii fi Roomaa durii keessatti namni tokko yoo haxxifate, Rabbi biraa dhaamsi isa dhaqqabaara jedhamee amanama. Dhaamsi Rabbi biraa isa dhaqqabu dhaamsa akkamii akka tahu wanti beekamu hin jiru. Dhaamsi ergamu gaariis hamaas ta’uu danda’a jedhu. Namni haxxifate sun yeroo muraasa keessatti waan gaarii ykn ammoo waan hamaa mudata jedhanii amanu.

Bara jiddu galeessaa jedhamuun beekkamu keessatti ammoo ummanni Awurooppaa Haxxifachuun mallattoo hammeenyaati jedhan. Sheeyxaana hamaatu nama san haxxifachiise jedhanii amanan. Namni tokko wayta haxxifatu hafuura guddaatu qaama isaa keessaa baha. Kun ammoo jireenya isaa keessaa wanti wahii hir’atuuf deema jedhanii amanu.


Poolaand keessatti ammoo haxxifachuun soddaatiin wal qabsiifama. Namni tokko yoo haxxifate, soddaatiin isaa hamtuu isaa dubbataa jirti jechuudha. Tarii ka haxxifate nama hin fuune yoo taahe ammoo, if dura gaafa fuudhe soddaatii isaa waliin rakkootu isa mudata jedhanii amanu. Lammiileen Poolaand hedduun haga yeroo dhihoottis waan kana itti amanu.

Biyyoonni gara Eeshiyaa bahaa jiranis dhimma haxxifachuu kana irratti amantii garagaraa qabu. Biyyoota akka Chaaynaa, Jaappaanii fi Veetanaam keesatti, namni tokko yoo yeroo tokko haxxifate, namni biraa waa’ee isaa toltuu haasawutti jira. Yoo yeroo lama wal faana haxxifate ammoo hammeenya isaattu haasawamaa jira. Yoo sadi haxxifate ammoo namni wahii isa jaalateera, inniis nama san jaalachuuf deema.  Namni sun yeroo heddu yoo wal faana haxxifate ammoo rakkoon jabduun isa qunnamuuf deemti jedhanii amanu.

Indiyaa keessatti namni haxxifatu nama milkii gaarii hin qabne akka tahe amanan. Namni tokko manaa bahuuf osoo qophitti jiru yoo haxxifate, if booda deebi’ee bishaan xiqqoo dhugee hammeenya haxxifachuun isa tuqe san ofirraa balleessuu qaba. Osoo bishaan hin dhugin yoo bahe, wanti hamtuun isa mudachuu dandaya jedhanii amanu.

Naannoo tokko tokkotti namni 2 yoo wal faana haxxifate, Rabbi gammadee jira, Ilma namaatiif tola ooluuf deema jedhanii amanu. Biyyoota garii keessatti Adurreen yoo haxxifatte, hammeenya fageessiti jedhanii amanu. Biyyoota biroo keessatti namni 2 osoo waliin haasawu tokko yoo biraa haxxifate, inni haasawu sun dhugaa dubbachutti jira jedhamee amanama.  


Walumaa galatti haxxifachuu qofa osoo hin taane wantoonni birootis dhimma garagaraatiin wal qabsiifamu. Islaamummaa keessatti garuu haxxifachuu waan takkaanis wal qabsiisuun hin barbaachisu. Yoo haxxifatan, akkuma Rasuulli   (SAW)  nu ajajan, Alhamdulillaah jechuu qofatu nurraa barbaadama. inni bira jiru ammoo yarhamukallaah jechu, inni haxxifate deebisee, Yahdiikumullaah jedhee deebisuufii qaba. Yoo haxxifatte milkii qabda, rakkotu si mudata, akkanaafi akkas taata jechuun islaamummaa keessa hin jirtu.

 

Back to top button