header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTana Quba Qabduu

Biyyoota maqaa jijjiiratan

Ilmi namaa seera uumamaa dhiisee seera ofii baaseen eega of bulchuu jalqabee booda nageenyi addunyaa tanaa boorawaa dhufe. Biyyoonni yeroo ammaa jiran kunniin hedduun isaanii Fedhii namoota dhuunfaa humna qabaniin jaaraman. Briteen ykn Ingliiz ummata heddu koloneeffattee bulchaa turte. Ummanni kunniin tarii Afaanii fi aadaa garagaraa qabaachuu malan. Akka bulchiinsaaf isii toluuf ammoo ummata aadaa fi afaan garagaraa qabu walitti qabuun akka kutaa tokkootti bulchaa turte. San booda maqaa barbaadde itti moggaasti. Itti aansuun ummata lakkoofsaan xiqqaa tahe aangoorratti ol baasti. Haala kanaan ummata qoqqoodaa bulchaa turte. Yoo xiqqaate ummanni hedduun kan biyya san keessa jiraatu tarii maqaa itti mogaafame san hin fedhu taha. Waan kana taheef yeroo ammaa kana biyyoonni hedduun kan maqaa isaanii jijjiiratan ni jiru. Biyya keenya keessattis dhimmi maqaa kun rakkoo guddaadha. Barruu tana keessatti biyyoota zamana dhihoo maqaa isaanii jijjiiratan muraasa isinii dhiheessina.

Botswaanaa

Magaalaa guddoo Botswaanaa Gabroon

Ingliiz bara 1885 dachii Afriikaa gama kibbaatti argamtu takka qabatuudhaan ‘Bachuwaanaalaand’ jettee itti moggaaste. Haga bara 1966ttis waggoota 81’f dachii tana maqaa kanaan bulchaa turte. Haa tahu malee bara 1966tti biyyi sun wayta bilisummaa argattu maqaa jijjiiratuu murteessite. Akka duraan warri koloneeffattootaa isii waamaa turanitti osoo hin taane, fedhii ummataarratti hundaa’uun maqaa haarawa moggaafatuuf walii galan. Gosoota biyyattii keessa jiran keessaa isa guddicha kan tahe ‘TSWANA’ kan jedhamu fayyadamuun BOTSWAANAA jedhan. Dachii warra TSWANA jechuudha. Biyyi tun Yeroo ammaa kanas maqama kanaan beekamti.

Myaanmaar

Magaalaa guddoo Myaanmaar Naypiiytaw

Lafa tanas bara durii Ingliiztu bulchaa ture. Yeroo sanitti mootummaan Ingliiz saba Burmaa qofa addatti fudhatuun maqaa Burmaa jedhu biyyattiif moggaase. Haa tahu malee bara 1989tti waraanni biyyatti mootummaa biyya bulchaa jiru fonqolchee aangoo wayta qabatu gara maqaa jijjiirutti seene. Maqaa biyyattii gosa tokko qofa ibsu irraa haquun Myaanmaar jedhee moggaase. San qofaanis hin dhiisne magaalota heddu kan duraan Ingliiz akka isiif mijaahutti itti moggaaste hunda irraa jijjiirutti seenan. Magaalaan duraan Ranguun jedhamaa waamamtu Yangon jedhamtee waamamuu jalqabde.

Banglaadeesh

Magaalaa guddoo Banglaadeesh Daakaa (Dhaka)

Ammas dachi Ingliiz koloneeffattee bulchaa turte keessa jirra. Biyyi tun naannoo Indiyaatti argamti. Naannoon Indiyaa fi Paakistaan kun Kolonii Ingliiz kan Indiyaa jedhamuudhaan beekkama. Yeroo sanitti Indiyaa, Pakistaan, Banglaadeshii fi kanneen birootis Ingliiziin bulaa turan. Bara 1947tti garuu bilisummaa argatuu danda’aniiru. Yeroo indiyaafi Paakistaan biyya walabaa tahanii kophaa kophatti if bulchuu jalqabanitti, biyyi amma Banglaadeesh jedhamtu ammoo Beengaal bahaa jettee of moggaasuun kophatti baate. Jidduu Beengaal bahaa fi Paakistaan ammoo Indiyaatu jira. Haaluma kanaan osoo jiran ummanni Bengaal bahaa kun Paakistaanitti makamuu murteesse. Bara 1955 booda Sagalee ummataa irratti hundaayuun biyyi tun Paakistaan bahaa jedhamuun moggaafamte. Garuu bara 1971tti seerri Paakistaan baste ummata Paakistaan bahaa kanaaf liqimfamuu dide. Sababaa kanaaf Paakistaan irraa fottoquudhaan biyya mataa isaanii hundeeffatan. Maqaa isaaniitis Banglaadeesh jedhanii moggaafatan. Baanglaan maqaa ummata biyya san keessa jiraatuuti. Deesh jechuun ammoo lafa jechuudha

eSwaatiinii

Magaalaa guddoo eSwaatiinii Imbaabaanee (Mbabane)

Biyyi tun Afriikaa Kibbaa keessatti argamti. Haga ammaatis bulchiinsa mootii ykn Nugusaatiin bulti. Mootiin amma bulchaa jiru Miswaatii 3ffaa jedhama. Biyyi tun duraan Swaazilaand jedhamtee waamamti. Mootichi waa xiinxallee eega laaleen booda maqaa biyyattiif moggaafamerraa gammachuu dhabe. Ummanni biyya biraa jiraatu Swaazilaand fi Swiizarlaand biyyuma tokko seehan. Swiizarlaand nurra guddoo waan taateef, biyyi teenya irraanfatamaa jirti jedhee maqaa biyyattii jijjiiruu murteesse. Achi booda eSwaatiinii jedhee moggaase. eSwaatiinii jechuun Ummata gosa Swaatiinii jechuudha.

Qophii Abu Ibtisam

Back to top button