header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTana Quba Qabduu

Tunis wal’aansa aadaati

Yeroo vaayirasiin koroonaa jalqaba eegale sanitti mudannoo gurguddaa hedduutu mudate. Dhukkubni kun karaa wal’aansa hammayyaatiin dawaa waan hin argatiniif, namoonni vaayirasichaan qabaman hedduun qoricha aadaa heddu ofirratti yaalaa turan. Biyya Iiraan keessatti alkooliin dawaa dhibee kanaati jedhamee himamnaan namni heddu alkoolii dhugee du’ee, hedduun dhibee hamaaf saaxilame. Biyyiti diinagdeen guddatte jedhamtee yaadamtu ameerikaanis dawaa dhibee kanaa karaa hammayyaatiin dhabnaan, preezidaantiin ameerikaa kan yeroo sanii mala haarawa dhiheessee ture. Wantoota qulqullinaaf fayyadamnu kanneen akka saanitaayzaraa fi alkoolii maaliif lilmeen nama hin namatti hin naqne jedhee akka furmaataatti himee ture. Haa tahu malee qeeqa heddutu isa mudate. Barruu tana keessatti wal’aansa aadaa laalla.

 

Ableen sukkuumuu (Knife Massage)

Ableen/Albeen dalagaan isii waa muruudha. Dalagaan gaariin ableen namaa gummachitu wayta soorata qopheessinu wantoota akka shukurtii, timaatimaa fi kanneen biroo ittiin mummuruudha. Saniin ala albeen hammeenya waliin walitti hidhamti. Namni hedduun ableen ajjeefameera. Yakki hedduunis wantootuma qara qabaniin raawwatamaa jira. Ilmi namaatis albee waan sodaatuuf of eeggannaa guddaadhaan itti fayyadama. Gara Taaywaaniitti garuu ableen faaydaa biraa kan addaa qabdi. Aadaa baramaa kan Dawoo Liyawoo jedhamu qaban. Aadaan kun waggoota 2000 oliif ummata kana waliin ture. Akka seenaan himtutti namoonni wal’aansa kana eegalan, ilmi namaa yoo irra deddeebiin albeen sukkuumame, irra deddeebi’ee dhalata jedhanii amanan.  Wal’aansi kun sukkummaa haala salphaa taheen geggeeffamuudha. Ablee fi qaama ilma namaa jidduu huccuu furdaa eegumsa namaa taasisutu jira. Sukkuummaan kunis nama waggoota dheeraaf muuxannoo jabaa qabuu fi leenjii fudhateen geggeeffama. Namni mala sukkummaa kana baratuu fedhu waggoota sadihiif xiyyeeffannaa itti kennee leenji’uu qaba. Wal’aansi aadaa kunis, bowwoo mataa, iitaa qaamaa fi, dhibee duydaa wal’aanuuf tajaajila jedhamee amanama.


Apitherapy

Wantoota ilmi namaa haalaan jaalatuu fi sodaatu keessaa inni tokko Kanniisa. Sodaatuunis waan gaariidha. Ilkeen Kanniisaa ilkeewwan hamaa jedhaman keessaa isa tokko. Kanniisa takkaan iddamuun hedduus nama hin miidhu taha. haa tahu malee namoota alarjikii itti tahutu jira. Kanniisni hedduun ammoo namaa fi bineensota gurguddoos ajjeesuu danda’a. Kanniinsni ilkeen isaa hamaa tahus daymi isaa ammoo dawaa ajaa’ibaati. Namni hedduunis itti fayyadamaa jira. Haa tahu malee ilkeen kanniisaa hamaan sunis dawoomaaf ni oola. Namni Umar Hasan jedhamu tokko biyya masr keessatti kanniisa horsiisuun jiraata. Namni kun guyyaa tokko kanniisaan iddamee mirri addaa tokko itti dhagahame. Dadhabiin irraa badee hamilee jabaan waa hojjatuu jalqabe. Kana kan hubate Umar guyya guyyaan of iddisiisaa qorannoo geggeesseen, qaamni isaa fayya qabeessa tahaa dhufuu isaa dubbata. Yaala kanas yeroo ammaa kana achuma biyya isaa keessatti namootaaf kennaa jira. Namni dura kanniisa takka qofaan akka iddamu taasifama. Adadumaan lakkoofsi kun dabalaa deema. Garuu baay’inni kanniisaa 6 akka caalu hin godhamu.


Psammo therapy (Cirrachaan Sukkuumuu)

Wal’aansi aadaa kun jalqaba biyya Masr keessatti akka jalqabame himama. Wal’aansi kun biyyoota sahaaraa olii fi gammoojjummaan itti heddummaatu keessatti yeroo dheeraadhaaf beekkamaadha. Ammaan tanas heddumminaan Morokoo keessatti tajaajila irra oolutti jira. Wal’aansa kanaaf kan barbaachisu cirracha gammoojjiitii fi oowwa aduuti. Aduun cirracha san sa’aa 2-3 eega itti baateen booda, oowwi cirracha sanii hanga digrii 60 ol guddachuu dandaya. kana booda cirracha adda haadhanii nama keessa ciibsan. Itti aansuun cirracha cinatti haadhame san qaama nama sanii irratti dachaasan. Qaama isaa guutuu cirracha oowwaan hagooganii mataa isaa qofa hambisan. Wal’aansi kun dhibeewwan lafee, irree, gogaa, narvii fi kalee wal’aanuudhaaf tajaajila jedhama. Namni cirracha san keessa ciisu dafqi hedduun waan irraa yaa’uufis, furdina humnaa olii hir’isuudhaaf gargaara jedhamee amanama.

 


Snake Massage (Bofaan Sukkuumuu)

Namni yeroo heddu dalagaa humnaa hojjatu qaama isaa sukkuumsisuu jaalata. Qaama sukkuumanii wal aanuun ammo dur irraa kaasee waan baramaadha. Warri waa sukkuumu hedduminaan harka isaanii fayyadamu. Ameerikaa kutaa Newyork keessa garuu sukkuummaa ajaa’ibaa tokkotu jira. Snake Massage ykn Bofaan sukkuumuu. Yaalli kun baadiyaa keessatti osoo hin taane, magaalota gurguddoo akka Newyork keessatti kafaltii guddaan kennama. Bofni summii hin qabne haala addaatiin qopheeffamee namoota wal’aansa kanaaf dhufan eega. Kana booda bofa san qaama nama wal’aansaaf dhufee irra kaayan.  Uumamni sodaachisaan kunis qaama namaa san irra deddeemuudhaan sukkuuma. Namni wal’aansa kana barbaadu mallaqa guddaa kafalutu isarraa eeggama.

 


Snail Therapy (wal’aansa Ciilalluu)

Bareedinni waan namni hundi fedhu. Kanaaf ammoo namuu waan danda’u hunda godha. Qabeenya isaatis irraa hin qusatu. Wantoota maqaa fi mataan isaanii hin beekkamne hedduu dibachuu irraa kaasee soorata garagaraa sooratuudhaan namni of bareechisuudhaaf carraaqa. Ammaan tana ammo biyyoota gara baha fagoo keessatti, ciilalluun dawaa bareedinaa tahee argameera. Namoonni yaala kana jalqaban akka himanitti, wal’aansi ciilalluun kennamu kun gogaa ilma namaa akka haarawaatti dadammaysa. Mudaalee fuula ilma namaa irra jiran cufa balleessa. Godaannisa, finniisa, madaa, fi wantoota fuula irra jiran qulqulleessee bareechisa jedhan. Ciilalluun waan akka ilkaanii kan kumaatamaan laakkawamu garaa jalaa qaba. Isaan lafa qaqqabataa deema. Wayta fuula ilma namaa irra deemu kanas gogaa du’ee fi goggoge, akkasumas kan madaaye kakaasaa deema. Jiidhinni uumama kanarraa argamu ammo gogaa ilma namaa laaffisee bareechisa jedhan.

Qophii: Abuu Ibtisaam

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button