header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Gaara

Nama meeqatu faayidaa gaaraa beeka laata? Gaarreen amala akkamii akka qaban xiinxallinee hubannee jirraa? Deebisaa gaafilee kanneen lamaanii hubatuudhaaf jecha, xiyyeeffannaa keenna gara qur’aanaa deebisuudhaan aayatoota babbareedoo baruumsaa fi mu’ijizaa jajjaba of keessaa qaban waliin ilaalla. Aayatni jalqabarratti ilaallu suuratula Anbiyaa aayaa 31 irratti argama.


وَجَعَلْنَا فِي الْأَرْضِ رَوَاسِيَ أَن تَمِيدَ بِهِمْ وَجَعَلْنَا فِيهَا فِجَاجًا سُبُلًا لَّعَلَّهُمْ يَهْتَدُونَ (31)

“Dachii keessatti akka isiin isaaniin hin sochoone, gaarreen lafa qabataa taasifneerra. Isii keessattis daandiileen gurguddaan akka ittiin qajeelaniif isaaniif taasisnee jirra.”

Akka aayaa kanaatti gaarreen hollannaa lafaa akka ittisan agarsiisa. Dhimma kana bara qur’aanni buufame sanitti waggaa 1400 dura namni beeku tokkolleen hin jiru. Dhiheenya kana erga saayinsiin geology dagaagaa dhufee as dhimma kana qorannaan bira gahan.  

Tana dura ilmi namaa gaarri lafa ol ka’aadha jedhee yaada. Haa ta’u malee saayintistoonni dhiheenya kanatti qorannoo taasisaniin, gaarri lafa ol ka’e qofa akka hin taane hubatan. Inumaa gaarreen hidda akka qaban bira gahan. Hiddi isaanii kunis dheerinna lafa gubbatti argamu irra dacha 10-15’iin akka caalu beekan. Kana jechuun gaarreen kunnin akka mismaaraa ykn xiribbaatti tajaajilan jechuudha. Fakkeenyaaf gaarri Everest lafarraa haga 9km ol dheerata; hiddi isaa kan lafa keessa jiru ammoo 124km ta’a.

Akka qorannoon saayinsii himutti, Gaarreen sosochii fi walitti bu’iinsa qaama  lafaa irraa uumaman. Walitti bu’iinsi lafaa kunis kan crust ykn irra lafaa jedhamuufii  mantle ykn keessa lafaa jedhamuun beekama.  Isaan lamaan kunniin yeroo walitti bu’an inni ulfaatina jabaa qabu gara wiirtuu lafaatti kan gad fagaatee deemu yoo ta’u, inni irra laafaa ammoo gara gubbaa lafaatti ol bahee gaara ta’a. inni gara wiirtuu lafaatti fagaatee deeme ammoo humna jabeessee naannoo bal’ifatee qabata. Haala kanaan hiddi gaaraa, gaara dachii irra jiru utubee qaba. Ji’olojistiin beekkamaan Professor Siaveda jedhamu dhimma kanarratti qabxii kana bal’inaan dubbatee jira.

Garaagarummaan ijoon gaarren lafarra jiranii fi gaarreen bishaan keessaa meeshaalee (albuuda) irraa hojjataman ta’us, wanti isaan lachuu walfakkeessu garuu lameen isaaniituu hidda gad fagaatu kan isaan jabeessu qabaachuu isaaniiti. Gaarreen lafarra jiran kanniinii fi kan bishaan keessa jiranis hiddi biraa isaan utubee qabu lafa keessa gad fagaatee argama. Kanaafuu akka seera ARCHIMEDEStti dalagaan hidda gaarreenii isa gubbaan jiru gargaaruudha.


Dabalataanis kitaabn ‘earth‘ jedhu, Prezidantiin Akaadaamii Saayinsii US Dr Frank Press  barreessee fi kan hanga harraattis akka kitaaba baruumsaatti Univarsiitiwwan heddu keessatti tajaajila kennaa jiru akka jedhetti, ‘Gaarreen akka Xiribbaatti  lafa jala fageeffamanii awwaalamanii jiran’ jedha.

Hidda gaarrenii jechuun maal jechuudha? Gaarri way muka tahee hidda qabaa? Jettanii of gaafachuun keessan ni mala. Deebiin isaa laaftuudha. Dachiin tun qaama dachaa wal gubbaan uumame heddu qabdi. Mee naannoma keenyatti waan arginu irraa haa xiinxallinu. Wayta hammaamaaf boolla qotan, jalqabarra biyyee gurraachatu jira. Eega isa qotanii gadi fageessanii booda, gama biyyee daalachaa dabran. Isas qotanii yoo gadi fageessan dhagaa hoofitti dhufan. Haala kanaan biyyeen gosa adda addaa walirraan dachaafamee qaama lafaa tahe jechuudha. Qaamni lafaa inni gubbaa kan biyyee gurraacha qabu kun yeroo heddu haala salphaan lafarra mucucaachuu danda’a. akkuma afaa lafaa mana keessa afanii jechuudha. Afaan lafaa yoo wanti lafatti maxxansu hin jiraatinii yoo irra ejjatan nama jalaa mucucaata. Haaluma wal fakkaatuun qaamni lafaa inni gubbaa kun haala salphaan reeqqisuu danda’a. Akka rakkoon kun hin uumamneef immoo Rabbiin keenya, mismaara dachiii tana walitti hodhan, ykn xiribbaa walitti qabu dachii keessa dhaabe. Xiribbaan lafa keessa dhaabatu, qaamni isaa kan lafaa ol jiru ni mul’ata. Garuu ka lafaa gaditti awwaalame immoo waan ol hafe caalaa dheerata. Gaarrenis akkasuma lafa keessa dhaabamanii jiru. Gaara nuti ijaan arginu kana caalaa wanti lafa keessatti gad awwaalame irra guddaadha jechuudha. Gooftaa uumama kana haala ajaa’ibaatiin bareechee uume galanni haa gahu. ALHAMDULILLAAH.

Aayaatni Qur’aanaa kan Suuratul naba’a keessa jiru gaarreen xiribbaa waliin isaan wal fakkeessa.

Rabbiin Qur’aana isaa keessatti “Lafa Firaasha isinii hin goonee? Gaarreen ammoo Xiribbaa hin goonee?”jedhee nu gaafata.

Suuratul Naaziyaat lakkoofsa 32 irratti

وَٱلۡجِبَالَ أَرۡسَىٰهَا

“gaarreen jabeessee gad dhaabe”jedhee dubbata.

Jechi Arabiffaa kan “Arsaahaa”jedhu wanti tokko jabeeffamuu, (akka mismaaraatti gad dhahamuu ibsa). Haaluma wal fakkaatuun gaarreenillee akkuma mismaaraa irra guddaan isaa lafa jala gad darbee inni xiqqaan ammoo gubbaa lafaatti hafee jabaatee dhaabatee jira. Kanaafuu gaarri irra lafaa kana jabeessee qabuudhaan, maagmaan ykn irri lafaa akka garanaa garas hin sosochoone eega. Gabaabinaan Gaarreen akka mismaaraa mukkeen garagaraa walitti qabaniitti fudhatuu ni dandeenna. Akka afaan saayinsiitti akkaataan isaan lafa kana walitti qabaniin “isostasy‘ jedhama. Isostasy jechuun eddo wal qixxee humnaa crust fi mantle jeddutti argamu jechuudha.

Walumaa galatti akkaataan uumama gaarrenii fi dalagaan isaanii haala ajaa’ibaatiin qur’aana keessatti waggaa 1400 dura ibsamee jira. Kunis warra qalbiin waa xiinxallee ilaaluuf baruumsa guddaa dha.

Amma ammoo gara gaaffii lamaataa haa seennu. Gaarreen akka socho’aa jiran hagam keennatu beeka laata. Silaa waan kana ijaan agarree beekuun heddu nu rakkisa. Mee aayaa qur’aanaa tana haa ilaallu

Suratul Naml aayaa 88 irratti Rabbiin akkana jedha


وَتَرَى الْجِبَالَ تَحْسَبُهَا جَامِدَةً وَهِيَ تَمُرُّ مَرَّ السَّحَابِ صُنْعَ اللَّهِ الَّذِي أَتْقَنَ كُلَّ شَيْءٍ إِنَّهُ خَبِيرٌ بِمَا تَفْعَلُونَ ï´¿Ù¨Ù¨ï´¾

“Gaarreenis osoo isaan akka duumessaatti deeman, sihiif garuu waan dhaabbattan sitti fakkaatu. Ogummaa Rabbii waan hunda jabeessee kana laali. Inni waan isin dalaydan hundaa beekaadha. “

Sosochiin gaaraa kun sababa walnyaatiinsa albuudota gara garaa kan lafa keessaatiin uumama. Yeroo duraatiif jalqaba jaarraa 20ffaa irratti Saayintistiin biyya Jarman kan Alfred Wegner jedhamu yaada kana dhiheesse. Lafti tun dur walitti maxxantuu turte, yeroon booda garuu walirraa fottoqanii faffaca’uu jalqaban jedhee dubbate.

Ji’oolojistoonni jalqabarratti yaada kana fudhatuu hin barbaanne. Haa ta’u malee eega inni du’ee waggaa 50 booda, Alfered dhugaa dubbate jedhani bara 1980tti amanan. Akka Wegner jedhetti dachiin tun waggaa miiliyoona 500 dura walitti maxxantuu turte. Qaamni lafaa guddaan kan Paanjeyaa jedhamus gama kibbaatti argama ture. Tilmaamaan waggaa miliyoona 180 dura paanjeyaan kun eddo lamatti qoodamee garagara deeme. Inni tokko Gondwaanaa yoo jedhamu ardiilee Afriikaa, Awustraaliyaa, Antarkitikaa fi Indiyaa walitti qabata. Kan lammataa ammoo Laawurezhiyaa yoo jedhamu, Europe, Ameerikaa Kaabaa fi Eeshiya of keessatti qabata. Kana booda waggaa miiliyoona 150 dura ammoo Gondwaanaa fi Laawureezhiyaan gara qaamman xixiqqaatti qoqqoodaman.

Paanjeyaa

Ardiileen sababa qoodamiinsa Paanjeyaatiin uumaman kunniin dhaabbataan lafa kanarra waggatti seentimeetira murtaa’aa socho’aa jiran. Haala kanaan qaama bishaanii heddu gara lafa goggogaatti jijjiiraa jiran.

Qorannoon xumura jaarraa 20ffaa irratti saayintistootaan godhamee bu’aan argame haala armaan gadiitiin guduunfamee jira:

“Qaamni lafaa kan Crust jedhamuu fi inni Mantle kan jiddutti argamu walitti dhufuun gara Platetti jijjiiramaa jira. Dachii kanarra plate ijoo tahan 6tu jira, kunniinis platiwwan xixxiqqoo heddutti qoqqoodaman. Akka tiyoorii Plate tectonics’itti, platonni kunniin  ardiilee fi bishaan qabatanii irra sosocho’utti jiran. Deemsi ardiilee dhaa kun waggatti 1-5 cm ta’a. Adaduma deemsi kun itti fufaa deemuun boca dachii tanaa jijjiirutti jira. Fakkeenyaaf waggaa waggaan Garbi guddaan Atlaantik babal’ataa jira.”

Waa’een sochii gaarreeniitis ta’e waa’een sochii lafaa Abadan waan ijaan ilaalamee beekuun danda’amuu miti. Bara qur’aanni bu’u sanitti dhimma kana yaaduun waan hin fakkaanne. Rabbiin keenna waan uume cufa isaa beeku garuu yoo gaarreen laaltan waan dhaabatan isinitti fakkaata..”jedhee nuuf bayaanse. Deemsa fi sochii isaanii ammoo sochii duumeessaatiin wal qabsiise. Kunis xiyyeeffannaa keenna gara baqqaanota lafaa kan crust jedhamuu fi mantle jedhamuu san akka xiinxallinu nu godha. Duumeessi yoo walitti dhufu inni humna qabu gad aanee, kuun gubbatti ol baha. Crust fi mantle kunniinillee haaluma duumessaa kanaan walitti dhufanii gaarreen uuman.

Shakkii takkaan malee aayatoonni qur’aanaa harra ilaalle hundi isaaniituu mu’ijizaa jajjaba. Namni qalbii qabu kan tafakkuree waa ilaaluuf, jaarraa 7ffaa keessatti yeroo wanti hundi isaatuu afoola qofa ture keessatti akkamitti waa’ee lafaa kana haasawa jedhee xiinxallee ilaaluu qaba. Nuuf ammoo aayaan qur’aanaa kun Kan Rabbi biraa buufamte akka taate reefuu amanuuf osoo hin taane, uumaa Rabbii keenyaa tafakkurree akka iimaana cimsannu nu gargaara.

 

Back to top button