header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Gaachana IslaamaaOg-Barruu

Wanti Qur’aanni Dubbate, kan Saayinsiin hin mirkaneessin jiraa?

Gaafataa: Akkam ooltan, hundi keessan. Maqaan kiyya Aadatiyaa jedhama. Channaayitti barataa Injiinariingii waggaa xumuraati. Hordofaa amantii Hinduus tahu, gaafii islaamummaan wal qabattu takka yeroo dheeraaf gaafatuu barbaada ture. Gaafii tanaaf ammoo namni Doktar Zaakir Naayik caala deebisaa naa kennu hin jiru.

Akkuma dubbii kee keessatti ibsitetti, Qur’aanni Kabajamaan waggaa 1400 dura barreeffame. Kitaabota Rabbiin buufaman keessaallee, isa irra caaluu fi ammayyaawaa akka tahe himte. Kanaafuu gaafii lama siif qaba. Rabbi beekaa waan hundaa yoo tahe, maaliif jalqabuma kitaaba isaa kan hunda caalaa tahe kana, ergamaa jalqabaatti kennuu dhabe? Beekumsa hunda caalaa kana ilma namaatti kennuudhaaf yeroo kana hunda maaliif ture?

Gaafiin kiyya kan lammataatis kanumaan walitti hidhata. Qur’aanni waggaa 1400 dura barreeffamuu isaa dursee, ilmi namaa waggoota kumaatamaan laakkawamaniif dachii tanarra jiraateera. Kanaafuu Rabbiin hunda caalaa Rahmata qabeessa tahe, beekumsa hunda caalaa nuuf kenne kana maaf isaaniifis kennuu dhabe? Galatoomi.

Dr Zaakir: Obboleessi gaafii gaarii fi barbaachisaa gaafate. Gaafii lama gaafate, gaafiin lameenuu deebisaa walitti dhihaatu qabu. Rabbi (SW) maaliif Wahyii xumuraa fi goolabbii kana waggaa 1400 dura buuse? Maaliif guyyaa jalqabaa buusuu dhabe? Gaafiin lammataatis isuma duraatiin wal qabata. Ummanni waggaa 1400 dura jiraataa ture maal mudata? Qur’aana akka argatan hin godhamne. Kanaafuu Rabbi akkaan rahmata qabeessa eega tahee, Akkaan arjaa eega tahee, ummanni duraan ture sun rahmata kanarraa akka hoongawan maaf godhe? Jedhee gaafate. Gaafii baay’ee gaariidha.

Deebisaa siif kennuuf fakkeenya takka fayyadama. Fakkeenyaaf Ilmi kiyya; “yaa Abbaa kiyya, Akka doktora tahu barbaaddaamii? Maaliif oolmaa daa’immanii, sadarkaa duraa, sadarkaa lammaffaa achi booda kolleejjii akka baradhu na goota? Maaliif qajeeluma kolleejjii Meedikaalaa na hin seensisne?”Jedhee na gaafate. Animmoo Ilmi kiyya Doktora Fayyaa akka naaf tahu yoo barbaade, qajeela Kolleejjii Meedikaalaa isa galchuu hin qabu. Dura bu’uurri isaa sirritti ijaaramuu isaa adda baafatuu qaba. Dura baruumsa oolmaa daa’immanii baratuu qaba. Itti aansuun mana baruumsa idilee seenee sadarkaa duraa fi lammataa baratee qormaata dabruu qaba. Yoo qormaata sanniin dabree, bakka saniif ni mala jedhamee itti amaname qofa kolleejjii fayyaa seena.

Haaluma wal fakkaatuun Rabbiin ol aane kan wantoota nuti arguu hin dandeenye hunda beeku, kan beekumsa waa hundaatuu qabu, waa’ee ilma namaatiis ni beeka. Qur’aana keessatti Suuraa Al Ra’ad Suuraa 13ffaa aayaa 38 irratti, Rabbi akkana jedhe:

لِكُلِّ أَجَلٍۢ كِتَابٌۭ Yeroo hundaaf kitaabatu jira

Qur’aana keessatti kitaabni Afur maqaan isaanii himameera. Toowraat, Zabuur, Injiilii fi Qur’aan. Garuu afran kana qofaa miti. Kitaabban birootis buufamaniiru. Rabbi ilmi namaa qaroominaan guddataa akka deemu ni beeka. Qur’aana yeroo jalqabaatti yoo buuse, Yeroo Nabi Aadam (AS)tti yoo buuse, ilmi namaa yeroo san jiru dhaamsa san akka hubatuu hin dandeenye ni beeka. Sababa kanaaf wayhii Qur’aana dura buufame kan injiil jedhamu keessatti, kan arra Macaafa jedhaniin; Nuti Macaafni amma jiru kun guutumatti Injiila jennee hin amannu. Garuu macaafa keessaa bakki gariin tarii dubbii Rabbii tahuu dandaya. Macaafa san keessatti, wangeela Yohaannis, Boqonnaa 16ffaa lakkoofsa 12 hanga 14 irratti, Iyyasuus Kiristoos (Nageenyi Rabbii isarra haa jiraatuu) ‘An silaa waanin isinitti himu hedduun qaba. Garuu isin amma waan kana baadhachuu hin dandeessan. Inni Hafuurri dhugaa wayta dhufu, inni gara dhugaa hundumaa isin qajeelcha. Waan dhufuuf deemu isinitti hima. Inni maqaa kiyyaaf ulfinna kenna ‘ jedhe. Yeroo sanitti Iyyasuus Kiristoos dhaamsa san ni beeka ture. Garuu ummanni isa waliin jiru sun dhaamsa san hubatuu akka hin dandeenyes ni beeka. Kanaafuu ergamaan xumuraa wayta dhufu, waan if dura mudatu isinitti hima jedhee hordoftoota isaatti hime. Kanaafuu haaluma wal fakkaatuun Rabbiin ol aane, Ilmi namaa wahyii xumuraa fi goolabbii kan tahe, Qur’aana yoom akka hubatuu dandayu beeka. Sunis waggaa 1400 dura tahe.

Gara gaafii kee kan lammataa, namoonni Qur’aana dura jiraatan maal mudatan jedhutti haa dhufnu. Ilmi kiyya mana baruumsa sadarkaa duraa yoo seene, qormaata meedikaalaa hin qormaatamu. Inni Qormaata sadarkaa duraan madaalu qormaatama. Gara sadarkaa lammaffaa yoo dabres, gaafii sadarkaa lammaffaatu kennamaaf. Itti aansuun Koolleejjii jedhaa deema. Walii gallee?

haaluma wal fakkaatuun dhaamsi bu’uuraa kan Rabbi kitaabban hunda keessa kaaye, kan wahyii jalqabaarraa kaasee hanga wahyii xumuraatti jiru wal fakkaataadha. Sunis Rabbii tokkichatti amanuudha. Isa malee qaama biraa gabbaruu dhabuudha. Ergamaa jalqabaa Nabi Aadam (AS) irraa kaasee; Nuuh, Ibraahim, Muusaa, Iisaa, Muhammad (Nageenyi Rabbii hunda isaaniirra haa jiraatu) waan tokko barsiisan. Sunis tokkichummaa Rabbii fi Tawhiida. In shaa Allaah waa’ee tokkichummaa Rabbii fi tawhiidaa xumura koonfiransii kanaa irratti nin dubbadha. Deebisaa sii kenne jedhee abdadha.


Gaafataa: Ammallee irra deebi’uun Akkam ooltan. Eega haasawa kee dhagaheen booda, Qur’aanni qabxiilee Saayinsii heddu qabaachuu isaa beekuun anaaf waan ajaa’ibaati. Garuu Fakkeenyonni hedduun kan ati Qur’aana keessaa kennite, osoo saayinsiidhaan mirkaneeffamuu baatanii, amanuudhaaf heddu nama rakkisu. Fakkeenyaaf dayma keessa dawaa ilma namaatu jira jette. Akkuma haasawa kee keessatti ibsitetti, namni tokko yoo summii baala wahiitiin miidhame, dayma baala sanirraa dalagameen wal’aanuun ni dandayama. Eegasuu Waan ummanni yeroo sanii hin beeyne, waan saayinsiin hin mirkaneessin yeroo sanitti buusuun maal fayyada? Amma hoo Qur’aana keessaa kan saayinsiin haga ammaa bira gahuu hin dandeenye, kan if dura bira gahuu dandaya jettu naa himuu dandeessa?

Dr Zaakir: Obboleessi gaafii gaarii gaafate. An waa’ee saayinsii qabxiilee heddu dubbadhee jira. Wantoota saayinsiin amma bira gahe kanniin, Qur’aannii dursee dubbachuu isaatis ibseera. Qur’aanni eega waan tokko dubbateen booda, saayinsiin waan san yoo bira gahe faaydaa maal qaba? Waan haarawa kan haga ammaa saayinsiin bira hin gahin naa himuu dandeessaa? Jedhe.

Obboleessa, sababa Rabbi Qur’aana keessatti wantoota sanniin dursee dubbateef, warri Arabaa gama Astroonoomiitiin jajjaboo tahan. Maaliif?… sababni; waan isaan Qur’aana dubbisaniifi. Qur’aanni Astroonoomiin wal qabatee odeeyfannoo heddu of keessatti qabateera. Qur’aana eega dubbisaniin booda qorannoo heddu godhaa turan. Haala saniin waa’ee Astroonoomii beekuu dandayan. Qur’aanni dhaamsa Telegraafiiti (kan waan hunda gaggabaasee of keessatti qabate). Kitaabni Saayinsii, kitaabni fayyaa, dhimma tokkorratti qofa yoo barreeffame mujallada heddu barbaada. Sababa kanaaf Qur’aanni kun buufame.

Qur’aana kana namoonni hedduu, ‘kitaaba guddaa kana eenyutu dubbisa’ jedhu. Garuu Rabbiin ol aane waan hunda osoo gad fageenyaan nuuf himee, gamoolee kumaatamaan laakkawamantu dhaamsa san keessatti kuusuudhaaf nu barbaachisa ture. Qur’aanni dhaamsa Telegraafiiti. Kanaafuu dhaamsa telegraafii kana muslimoonni hedduun dubbisanii gama saayinsiitiin hayyoomuu dandayaniiru. Sababa kanaaf seenaadhaan of duuba deebinee wayta ilaallu, muslimoonni gama saayinsiitiin qaroomanii argamuu dandayan.

Gaafiin isaa waa’ee dabre irraanfadhuutii waa’ee arraa naa himi jedha. Saayinsiin wal qabatee Wanti amma dura dubbadhe hedduun muslimotaan argamaniiru.  Gariin warra Muslima hin tahiniin, gariin ammoo warra Awrooppaatiin argamaniiru. Wantoonni saayinsiin haga ammaa bira hin geenye jiraa?

Dura irratti qabxiilee saayinsiin haga ammaa hin mirkaneeffanne, garuu kan mirkaneeffatuu dandayu sii hima. Waan kana Qur’aanni natti himee waan jiruuf an itti amana. Fakkeenyaaf, Qur’aanni suuraa Ash-shuuraa suuraa 42ffaa aayaa 29 irratti, akkana jedha.

Samii torban, dachii fi Lubbu qabeeyyii isaan lamaan keessa facaasee uumuun mallattoolee Isaa irraayi.  

Kanaafuu Qur’aanni, dachii tanarra qofa osoo hin taane dachii tanaan alattis lubbu qabeeyyiin ni jiran jedhee nutti himee jira. Arra saayinsiin dachii tanaan ala lubbu qabeeyyiin ni jiran jedhee mirkaneessuu hin dandeenye. Garuu Saayintistoonni lubbu qabeeyyiin dachii tanaan ala jiraachuu hin oolan tilmaama jedhu qaban. Carraan jiraachuu isaanii ammoo guddaadha jedhan. Sababa kanaaf Saayitalaayitoota garagaraa gara hawaa, Maarsii fi Addeessaa ergutti jiran. Qur’aanni dachii tanaan ala iddoo biraatti lubbu qabeeyyiin ni jiran jedhee waan natti himeef an itti amana. Saayinsiin boru bira gahuu dandaya. Tarii waggaa shan booda argachuu dandaya. waggaa kudhan, waggaa dhibba booda bira gahuu dandaya. Qur’aanni waan natti himee jiruuf an itti amana.

Arraan tana Addunyaan tun akkamitti akka diigamturratti tilmaamni garagaraa kaayameera. Warra Aduun haalaan guddattee ardii tana diigdi jedhutu jira. Warra gaarreen ni caccaban, qaamman bishaanii haalaan guutanii dhangala’anii ardii liqimsan, Ardiin tun boolla gurraachaa saniin liqimfamti jedhaniifi tilmaamni biraatis heddutu jira. Tilmaamota kanniin keessaa hedduun, hunda osoo hin taane hedduun qur’aanaan wal simu. Qur’aanni suuraa Al Qiyaamaa, Suuraa 75 aayaa 8 fi 9 irratti akkana jedha

“Jiini ifa dhaba. Aduu fi jiinis walitti qabamu”

Suraa takwiir suuraa 81ffaa aayaa 1- 3 wayta dubbistu.

“Yeroo aduun maramte, yeroo urjiin harcaate, yeroo gaarreen bakkaa oofamte”Jedhamee ibsameera.

Suuraa Infixaar, Suuraa 82ffaa aayaa 1-3 irratti,

Galaanonni walitti makamuu, fi urjiileen harca’uun isaanii ibsameera. Wantoonni qur’aanaan ibsaman kunniin, tilmaamota saayintistoonni himan hedduun wal fakkaatu. An garuu Qur’aanni natti himee waan jiuuf ittin amana. Dabalataan Suuraa Al Anbiyaa Suuraa 21ffaa aayaa 104 irratti,

“Uumama kanniin nutu uume, uumama kana ni balleessina, uumama haarawa kan biraa ni uumna”jedhamee ibsameera.

Saayinsiin qabxii tana haga ammaa bira gahuu hin dandeenye. Qur’aanni waa’ee jireenya du’a boodaa haasawa. Saayinsiin waan tanas hin arganne. Qur’aanni waa’ee jannataa fi Azaabaa dubbata. Saayinsiin waa’ee kanas hin arganne. Qur’aanni waa’ee Jinnii haasawa. Arraan tana warri saaykolojiidhaa, humna dachii tanaan ala jiru jechuun jinnii ibsan. Garuu Namoonni jinniin dhuunfataman ni jiru. Qur’aanni waa’ee kanaa ni haasawa. Qur’aanni namni jalqaba uumame nabi Aadam (AS) tahuu isaa nuu hima. Saayinsiin haga ammaa bira hin geenye. Garuu carraan waan kana bira gahuudhaa ni jira.

Tarii ati, ‘Obboleessoo Zaakir, haasawa ajaa’ibaa waa’ee saayinsii fi teknolojiin dhibbeentaa 100 mirkaneesse haasoyta. Garuu du’aan booda jiruun ni jiratti amantaa? Jinnitti amantaa? Jannataa fi Azaabatti amantaa? Ati Doktoraamii? wanti kun saayinsiin walitti hin bu’uu?’ jettee na gaafatuu dandeeysa. An ammoo lakki walitti hin bu’u siin jedha. Akkan an yaadutti, wantoota kanniinitti amanuun kiyya inumaa nama saayinsii na godha. Wantoota Qur’aanni ibse keessaa dhibbeentaa 80 kan tahan, guutumaan guututti sirri tahuun isaanii mirkanaayeera. Waa’ee Astroonomii, Waa’ee Geology, waa’ee marsaa bishaanii, waa’ee Oceanography, waa’ee botanii, waa’ee baayoloijii, waa’ee zoology irraa waan qur’aanni dubbate keessaa dhibbeentaa 80 kan tahu guutumaan guututti sirrii tahuun isaa mirkanaayee jira. Dhibbeentaan hafe 20ni ammoo shakkii keessa jira. Sirris, dogoggoras hin jedhamne. Dhibbeentaa 20 shakkiin kaayame san keessaa 0.1 kan tahu dogoggora hin jedhamne. Saayinsii amanamaa taheen haga ammaa aayaan qur’aanaa tokkollee dogoggora jedhamee hin ibsamne. Wanti hundi shakkiidha. Kanaafuu akka Loojikii kiyyaatti, dhibbeentaan 80 guutumaan guututti sirrii yoo jedhame, dhibbeentaan hafe 20 ammoo mamii yoo jedhamee, san keessaa dhibbeentaa 0.1 kan tahu yoo dogoggora hin jedhamnee, akka loojikii kiyyaatti, In shaa Allaah dhibbeentaan hafe 20 sunis sirrii tahuun isaanii ni mirkanaaya. Yoo arra tahuu baate bor, waggaa 50 booda, waggaa 100 booda, waggaa 1000 booda, guyyaa isaan mirkaneessan Rabbitu beeka. Garuu du’a booda jireenyi jiraachuu isaa mirkaneessuu malu. Jinniin jiraachuu isaa mirkaneessuu malu, Azaabni jiraachuu isaa mirkaneessuu malu. Jannatni jiraachuu isaa mirkaneessuu malu. Qabxiilee saayinsiin haga ammaa bira hin gahin, garuu kan if dura mirkaneessu irratti haasawa biraa taasisuu ni dandaya. In shaa Allaah warri saayinsiitiis qabxiilee kanniin ni mirkneessu. Deebisaa sii kenne jedhee abdadha.

Back to top button