header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTana Quba Qabduu

Namoota yeroo dheeraaf aangoorra turan

Aangoon dubbii laaftuu miti. Ummata miliyonaan lakkaawamu bulchuu mitii, hawaasuma ganda tokkootuu bulchuun dubbii jajjabduudha. Namni aangoo qabate hirriiba nagayaa hin rafu. Yoo mootii haqaa tahe rakkoon hawaasa isaatu hirriiba isa dhoorga. Yoo mootii zaalima tahes balaa diinarraa itti aggaamamtutu hirriba dhoowwa. Kanaaf hoggantoonni yeroo ammaa bakka deeman hundatti waraana isaan tiysu of jalaan deeman. Namni aangoo qabate aangoo irraa bu’uu hin jaalatu. Kanaaf hoggantoonni Afrikaa hedduun angoorratti cichanii hafu. Yeroo heddu Afrikaa keessatti wanti aangoo irraa nama buusu du’a qofa. Quba qabduu teenya arraa keessattis namoota yeroo dheeraaf aangoorra turan isinii dhiheessina.


Fiidal Kaastroo (Kyuubaa)

Waggoota hedduuf waraana riphe loltummaarra kan ture Fiidal kaastroon bara 1959tti qabsoo irra tureen milkaayee, hoogganaa Kyuubaa yeroo sanii kan ture Fulgeensiyoo Baatistaa aangorraa fonqolchuun, Muummicha Ministeeraa tahee biyya bulchuu jalqabe. Kaastroon eegaa waggoota 17 bulcheen booda bara 1976tti maqaa aangoo isaa jijjiiruudhaan Prezdaantii jedhamee waamamuu jalqabe. Kana booda haga bara 2011tti hoogganaa biyyattii tahuudhaan tajaajile. Bara 2011tti wayta aangoo gad dhiisu maanguddoo ganna 85ii ture. Dullummaa fi dhukkubni isa laaffisnaan aangoo gad dhiisus, aangoo maatii isaa keessaa hin baasne. Obboleessa isaa Raawul Kaastroo nama jedhamuuf dabarsee kenne. Fidal Kaastroon waggaa shan booda bara 2016 waggaa 90tti dachii tanarraa godaane. Walumaa galatti Fiidal Kaastroon biyya Kyuubaa waggoota 52f bulche


Chiyaang Kaay-sheek (Chaaynaa, Taaywaan)


Chiyaang Kaay-sheek biyyoota lama hooggane. Biyyoota lamaan kanniinis walirratti waggoota 47f hooggane. Akkamitti biyya lama hooggane jechuun keessan hin oolamu. Jalqabarratti namni kun hoogganaa Chaayinaa tahuudhaan bara 1928 hanga 1948 tajaajile. Yeroo kanatti Chaaynaa fi Taaywaan walitti bulchiinsa isaa jala turan. Haa tahu malee fonqolcha bara 1948 godhameen sirni amma Chaaynaa bulchaa jiru kan Komunistii nama kana aangoorraa fonqolche. Chiyaan Kaay-sheek garuu loltoota heddu qabachuudhaan gara Taaywaan qajeele. Taaywaanitti mootummaa haarawa hundeessuun Chaaynaarraa fottoquu isaa labse. Haa tahu malee Chaaynaan haga harraa Taaywaan qaama biyya kiyyaati jettee amanti. Chiyaang Kaay-Sheek eega gara Taaywaan imalee boodas haga bara 1975tti jechuunis waggoota 27f bulche. Walitti waggoora 47f aangoorra ture jechudha. Kaay-Sheek fedhii isaatiin osoo hin taane; qaban Rabbii itti dhuftee du’aan aangoo gad dhiise.


Kim il-Sung (Kooriyaa Kaabaa)

Ammas naannoma baha fagoo san jirra. Waraana addunyaa kan lammataa hordofuun Kooriyaan duraan biyya tokko turte bakka lamatti cituuf dirqamte. Sababni ammoo dhiibbaa Ameerikaa fi Raashiyaati. Kooriyaan Kaabaa sirna Kumunistii hordofuun Chaaynaa fi Raashiyaan michoomte. Tan Kibbaa ammoo Sirna Liberalizimii faana bu’uun Ameerikaa fi biyyoota Awurooppaa jaalalloo godhatte. Yeroo kanatti Kim Il-Sung dachii kooriyaa kan gama kaabaa jiru maqaa Kooriyaa kaabaa jedhuun moggaasee, akka biyya walabaatti labse. Innis aangoo Muummee Minsiteerummaa dhuunfatee harkatti galfate. Haga bara 1972tti haala kanaan eega turee booda bara 1972 booda ammoo Prezdaantii jedhamee waamamuu jalqabe. Haga gaafa du’aan aangoo gad dhiisetti, jechuunis haga bara 1994tti Kooriyaa Kaabaa waggoota 45f bulche.

 



Mu’ammar Gaadaafii, Liibiyaa waggoota 42f bulche. Gaadaafiin eega Liibiyaa Kolonii Itaalii jalaa bilisoomseen booda haga gaafa ajjeefametti bulchaa ture.

Omaar Boongoo, Hoogganaa biyya Gaaboniiti. Waggaa 42f bulche.

Enver Hoksaa (Hoogganaa biyya Albaaniyaa ture. waggoota 40f eega biyyattii bulchee booda, Du’aan aangoo gad dhiise.

Tewoodooroo Obiyaang Nguweemaa, hoogganaa biyya Ikuwaatooriyaal Giiniiti. Adeera isaa aangoorraa fonqolchee bara 1979tti hoogganaa biyya Ikuwaatoriyaal Giinii tahe. Ammaaf waggaa 42ffaa isaa bulchaa jira. Ammas aangomarra jira.

Yumjaagiin Tiseedenbaal (Mongooliyaa)”“ bara 1952 irraa kaasee hanga bara 1991tti waggoota 37f bulche .

Roobart Mugaabee (Zimbaabwee) waggootaa 37 eega bulchee aangoorraa buufame.

Pool Biyaa (Kaameeroon) Hoogganaa kaameerooniiti. Haga ammaa waggaa 39’f bulchee jira. Ammas isumatu aangoo harkaa qaba.

 

Qophii : Abu Ibtisam

Comment

Back to top button