header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Tana Quba Qabduu

Wantoota Chaayinaa keessatti qofa baramaa tahan.

Qophii Abu Ibtisam

Chaayinaan baay’ina ummataatiin addunyaa tanarraa tokkoffaadha. Biyya yeroo ammaa lammiilee isii cunqursuudhaan beekkamtu keessaallee isii takka. Akkasumas biyya wantoota heddu addunyaa tanaaf gumaachite keessaahis beekamtuudha. Waraqaan arra waa irratti barreessinu, shaayiin, manzaraa fi wantoonni heddu Chaayinaa keessatti jalqaba hojjatamuu isaaniittu himama. Haaluma kanaan Chaayinaan biyya ajaa’ibaati. Mootummaan biyya bulchu lammiilee isaa akka ofii fedhetti qofa bulcha. Akkuma hedduun keenya oduurraa dhageenyutti, muslimoonni ji’a Ramadaanaa akka soomanan hin hayyamtu. Keessattuu hojjattoota mootummaa, barsiisotaa fi barattoota yoo tahan, mootummaan mallaqa ofii isaatii baasee dirqamaan nyaata akka nyaatan godha. Akkasumas dhimma amantii dhiisanii, dhimma biyyaa qofarratti akka xiyyeeffataniif jecha isaan cinqa. Walumaa galatti haala kana keessa osoo jirtu, ammaan tana Chaayinaan biyyoota gama indastriitiin badhaadhan keessaa takka tahuu dandeessee jirti. Barruu kana keessatti garuu wantoota addaa Chaayinaa qofa keessatti raawwataman muraasa ilaalla.

Allaattiin Giis jedhamu bakka saree bu’uun Poolisiidhaaf gargaarsa godha.

Biyyoota heddu keessatti sareen leenjiin garagaraa kennameefii poolisii waliin akka dalagu godhama. Sareen dandeettii addaa fuunfachuu waan qabuuf Boombii fuunfatee baasuu dandaya. Akkasumas nama poolisii jalaa miliqes, hafuura huccuu nama sanii eega fuunfatee booda barbaadee arguu dandaya. Chaayinaan ammoo dalagaa saree kana Allaattii Giis jedhamuuf kennaa jirti. Eddoowwan biyyattii garagaraa keessattis sareen gara manaa; Giis ammoo gara dalagaa bobbaafamaa jiru. Akka hoogganaan Poolisii tokko jedhetti, Allaattiin Giis saree caala gootaa fi hamaadha. Kanaafuu yakkamtoota ari’ee qabuu dandaya. Akkasumas dandeettiin waa arguu isaa jabaadha. Kanaafuu bakka saree isa fayyadamuu jalqabne jedhe.

 

Chaaynaa keessatti foon saree soorata jaalatamaadha.

Biyyoonni baha fagootti argaman, Saree akka soorataatti fayyadamuu isaaniitiin beekkamu. Keessumattuu dubbiin kun hedduminaan Kooriyaa waliin wal qabata. Chaayinaa keessattis foon saree nyaata akkaan jaalatamaafi barbaadamaadha.

 

Chaayinaa keessatti Allaattiin Pijin (Pigeon) jedhamu dhaamsa akka geessu leenjifama

Hoomaa waraanaa Chaayinaa keessaa, gareen addaa kan allaattii Pijin jedhamu kanaaf leenjii kennutu jira. Gareen kun allaattiiwwan Pijin kuma kudhanii ol tahan leenjisee dhaamsa gaggabaabaa akka geessan godha. Keessattuu dirree waraanaarratti, waraqaa xixiqqoo qabachuudhaan bakka barbaachisaa tahe akka geessan godhamu.

 

Chaayinaa keessatti Qilleensi foolii adda addaatiin qophaayee gurgurama.

 

Chaayinaan biyya gama Indastriitiin badhaadhaa jirtu waan taateef warshaalee heddu of keessaa qabdi. Warshaaleen kunniin ammoo aara garagaraa maddisiisuun qilleensa faalutti jiru. Sababa kanaaf yeroo heddu lammiilee Chaayinaa afaanii fi funyaan isaanii hidhatanii deeman argina. Karaan hundi foolii fokkataa qaba. Dhaabbileen garagaraa ammoo dhimma kanaaf furmaata qopheessaniiru. Qilleensi foolii adda addaatiin qophaahe xaasaa keessatti naqamee dukkaanatti gurgurama. Lammiileen Chaayinaatis akkuma dhugaatii soodaa dukkaadhaa bitatanitti, qilleensas bitataa ittiin of booharsu.

Sa’aatiin Chaayinaa keessaa hunduu waluma fakkaataadha.

Kun maal rakkoo qabaree, biyyi keenyas akkasuma jechuu dandeessu. Rakkoon sani miti. Chaayinaan biyya guddoodha. Fakkeenyaaf Ameerikaa keessatti Magaalaa Waashingtan diisii fi Saan Fraansiiskoo jidduu garaagarummaa sa’aatii sadihiittu jira. Saan Fraansiikotti sa’aatii 1:00 Yoo tahe, Waashingitanitti ammoo saa’aa 4:00 taha. Kunis waan biyyattiin haalaan guddoo taateefi. Chaayinaanis silaa saa’aa akkanaa qabaachuu qabdi. Garuu Chaayinaan saa’aa wal fakkaataa fayyadamti. Kunis ajaja mootummaa giddu galeessaatiin kan kenname yoo tahu, tokkummaa ummattootaa cimsuuf barbaachisaadha jedhan. Wanti kun rakkoo mataa isaa qaba. Sababni isaa magaalota tokko tokko keessatti akka biyya isaaniitti haga ganama saa’aa Afuriitti aduun hin baatu. Garuu ka’ee gara dalagaa deemuun isarratti dirqama.

Magaalota jiraattota hin qabne

Chaayinaan lakkofsi ummata isii waan dabalutti jiruuf manneen jireenyaa heddu barbaaddi. Kanaaf dhaabbileen garagaraa Indastrii ijaarsa magaalaarratti bobba’aniiru. Lafa fudhachuun manneen jireenyaa, daandii, hospitaalota, manneen barnootaa fi kanneen biroos ijaaranii magaalota haarawa heddu qopheessaniiru. Garuu jiraattota hin qaban. Dhiheenya kana namoonni muraasni baadiyyaarraa itti godaanutti jiru. Tahus arras waan namni keessa qubatu hin fakkaatan.

Chaayinaa keessatti namni hundi mana kiyya gad hin dhiisu jechuu mirga qaba.

Chaayinaan biyya guddina ajaa’ibaarra jirtu waan tateef karaa haarawas ijaaruurratti argamti. Akka tasaa tahee pilaaniin karaaf qophaahe mana namaa keessaan dabruu dandaya. Bakka tokko tokkottis fooqii guutuu diiguun barbaachisuu mala. Haa tahu malee fooqii guddicha san keessaa namni kutaa tokko qofa qabu, hin bahu jechuu mirga qaba. Mootummanis isa dirqamsiisee hin baasu. Yoo namni bahuu dide nama tokko qofa tahe, fooqii guutuu diiganii kutaa nama sanii qofa qal’isanii dhiisu. Kana booda karaa bitaafi mirga mana namicha saniitiin hojjatu. Akka biyya garii buldoozara qabatanii namatti fiiguun hin jiru. Kanaafuu namichi kun kophaa isaa karaa jidduu jiraata jechuudha.

Hacuuccaa Traafikaa

Chaayinaan ummata heddu waan qabduuf makiinaa heddu qabdi. Kanaafuu namni dhimmaaf osoo deemu karaan itti cufame yeroo dheeraaf dhaabbachuun dirqama itti taha. Kanaaf ammoo mala tokkotu uumame. Tajaajilli tokko Chaayinaa keessatti rakkoo kanaaf furmaata kennuuf hundaa’ee jira. Yoo karaan isinitti cufamee yeroo dheeraaf isin tursiise, gara dhaabbata tajaajila kana kennuu bilbiluu dandeessu. Dhaabbanni kun bakka jirtan sanitti nama lama isinii erga. Inni tokko makiinaa keessa taa’ee haga karaan banamuuf isinii eega. Kana booda makiinaa keessan bakka barbaaddan isinii geessa. Kuun ammoo motorsaaykilaan bakka haajaa isin geessa. Tajaajila kanaaf mallaqa Chaayinaa 400 ykn ammoo birrii 1600 ol kafaltan. Mallaqa kana kaffalanii deemuu wayya moo taa’aniituma eeguu wayya laata?…… Dhimma deemtaniif santu murteessa.

Lammiileen Chaayinaa bakka fedhanitti Qeeyluulaa (hirriba guyyaa) rafuu mirga qabu

Akka chaayinoonni amananitti, hirriba gahaa rafuun hojii irratti nama cimsa jedhanii waan amananiif, sa’aa boqonnaa xiqqoo argatanitti bakkuma fedhan rafuu mirga qabdu. Namni gariin makiinaa isaa karaa irraa maysee keessa rafa. Gariin motorsaaykilarra taa’ee rafa. Kaanus bakkuma hojjatutti waan hojjachutti jiru jidduun dhaabee rafa. Gariin karaa cinaa rafa. Namni maaliif as rafta jedhee namatti dubbatu hin jiru. Garuu akka biyya keenyaa guyyaa guutuu rafaa ooluun hin jiru. Hunduu daqiiqaa muraasa qofaaf rafee gara dalagaa bobbaha.

Chaayinaa keessatti bararoon ykn balballaan haalaan horsiifama.

Biyya keenyatti bararoon mana nu seennaan qoricha ittiin balleessinu barbaadachuun dirqama. Chaayinaan garuu eddoo bararoo itti horsiiftu qopheessiteerti. Inumaa daldalli bararoo kun faaydaa guddaa akka qabu beekkameera. Keessumattuu dawoomaaf haalaan barbaadama. Rakkoo fayyaa ilkaaniitii irraa kaasee haga dhukkuba onnee wal aanuudhaaf bararoon faaydaa akka qabu beekkameera. Kanaaf Chaayinaan bararoof xiyyeeffannaa kennite. Dabalataan Chaayinaa keessatti saamunaa ilkaanii heddu keessa bararoon akka jirus beekkameera.

Chaayinaa keessatti kaadhimaa kireeffachuun ni dandayama

Biyya hunda keessattuu maatiin ilmaan isaanii akka fuudhan godhuuf yaalii godhuun waan barame.  Chaayinaa keessatti ammoo dubartoonni kaadhimaa yeroo muraasaaf kireeffatanii gaafii kana ofirraa hambisuudhaaf tattaaffatu. Kanaafuu dhiira intarneetarraa barbaadanii wal baruun, kaadhimaa akka isiif tahu gaafatti. Innis eega walii galeen booda suuraa muraasa isii waliin ka’ee maatiif ergu. Akkasumas mana maatii isii dhaquun warraan wal barata. Akka waan kaadhimaa isii tahe fakkeessuun akka maatiin isii hin cinqine godha. Yoo koontiraata isii waliin qabu fixate mallaqa isaa fudhatee dalagaa fakkaattuu sanii ta biroo eeggata. 

One Comment

Back to top button